Waayee haleellaa Beenishaangul Gumuuz tibbanaa jiraattotni waan jedhan

Madda suuraa, BBC
Haleellaa miilana Naannoo Beenshangul Gumuziitti raawwatameen namoonni 160 ol ajjeefamuu jiraattoonni BBCtti himan.
Haleellaan kun Wiixata darbe Aanaa Dibaaxii ganda Daalatiitti raawwatame.
Komishiiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ibsa kaleessa baaseen daa'imman dabalatee yoo xiqqaate namootni 80 olajjeefamuu ibseera.
Baatii darbee keessaas halaallaadhuma wal fakkaataa naannichatti raawwatameen namoonni 207 ta'an guyyaa tokkootti ajjeefamanu ni yaadatama.
Jiraataan aanaa Gaaleessaa kan BBC'n dubbise tokko akka jedhaniitti ajjeechaan Wiixataa kun Aanaa Dibaaxi ganda Daalatii jedhamutti raawwate.
''Bakkan jiraadhurraa Daalattii gahuuf miilaan sa'atii 3:30 deemsiisa. Waamichi nuuf birmadhaa barii sa'aatii 12 irratti nu qaqabe. Akkuma nutti himameen Raayyaa ittisaa buqqaatota eegaa ture waliin dhaqne'' jedhu.
''Konkolaataa waan hinqabneef, konkolaataa fe'umsaa tokkoon hanga ta'ee deemnee wayita achi geenyu namni dhumee ture. Hidhatoonnis hanga tokko raayyaa waliin walitti dhukaasanii booda badani jedhu'' jiraataan kun.
''Nutis reefa funaannee konkolaataatti feenee gara Gaaleessaa fuunee dhufne. Hanga ammaattis hinawwaallee'' jedhan Roobii sa'aa booda bilbilaan yeroo dubbifnu.
Jiraataan kun kan ijaan argana reeffa 82 yoo ta'u, ragaan qabuun kan ajjeefame 100 ol akka ta'eedha jedhu.
Jiraataan maqaansa akka hin dhahamne gaafate kun ''haleellaan kun hidhattoota ABO shaneefi hidhattoota Gumuuziin'' kan raawwatameefi kan ajjeefaman saba Amaaraafi Agawu ta'u hima.
Haata'u malee jiraataan aanaa Dibaaxi ganda Gaaleessaa irraa dubbifne kan biraan namoonni ajjeefaman 160 ol ta'u jechuun himu.
Haleellaan kun barii wayita namoonni rafaa turan waan raawwatameef namoonni hedduun baqachu akka hindandeenye kan dubbatu jiraataan kun, kan ajjeefamanis xiyyaafi rasaasaan akka ta'e hima.
Itti dabaluunis halellaa naannichatti irra deddeebiin lubbuu lammiilee nagaa galaafataa jiruu kana hir'isuuf tarkaanfiin qaamoolee motummaan fudhatamu ni harkifata jechuun komata jiraatan kun.
Jiraataan kun ''Wayita haleellaan hidhattootaan raawwatamutti atattamaan qaqqabuun lubbuu lammiilee baraaruurra booda reeffa baasuutu mul'ata'' jedhan.
Kan ajjeefamanis saba tokko qofa osoo hintaane Oromoo, Amaaraa, Shinaashaafi Agawu ta'u kan himan jiraataan kun, naannichatti ABO shanee soortu jechuun raayyaan guyyaa Kibxataa manneen jireenyaa namoota sadii gubuufi maanguddoo ganna 85 Obbo Maammoo Qanaatii jedhaman ajjeesuu himan.
Mootummaan federaalaas ta'e kan Beenishaangul Gumuuz ajjeechaa kana irrattis ta'ee, tarkaanfii ajjeechaa kana hordofee raayyaan ittisa biyyaa fudhate jechuun jiraattonni himatan irratti wanti jedhan hinjiru.
Haata'u malee Komishiin Mirga Namoomaa Itoophiyaa haleellaa Wiixata ganda Daalattiitti raawwatameen namoonni 80 ajjeefamu odeeffannuu qabaachu BBCtti himeera.
Komishinichatti Gorsaa Ol-aanaa Dhimmoota Miidiyaafi Komunikeeshinii Obbo Aaroon Maashoo akka jedhanitti namootni ajjeefaman umuriin isaanii waggaa 2- 45 gidduu kan jiranidha.
Jia'a darbe haleellaa namoota nagaa 207 ta'an irratti raawwatame hordofee Manni maree naannichaa miseensotaa fi aanga'oota olaanoo harka keessaa, gaafatama isaanii haalan hin bahanne jedhe mirga himatamuu dhabuu kaasuun to'annoo jala oolfamaniiru.

Benishaangul Gumuz aanaa Dibaaxiitti namootni 80 hidhattootaan ajjeefaman
Haleellaa haaraa Naannoo Beenishaangul Gumuz, Godina Matakkalitti hidhattoonni guyyaa Wiixataa raawwataniin namootni 80 ajjeefamuu Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa beeksise.