'Waliigaltee mandaraan' bittaafi gurgurtaa raawwachuun balaa akkamii qaba?

Madda suuraa, PHEELINGS MEDIA
Ejensiin Qulqulleessa Ragaafi Tajaajila Galmee Federaalaa bittaafi gurgurtaa ilaalchisee bakka waliigalteen itti raawwatamu ta'us erga Adoolessa darbeetii gariin tajaajila kennaa jira.
Gurgurtaa qabeenya socho'anii ilaalchisee ammoo cirumaa tajaajila kennaa hin jiru.
Duris taanaan namni waliigaltee mandaraan bittaafii gurgurtaa raawwata. Ta'ii kana hordofee ammoo namni hedduun mandarumatti walii kakatee waliigaltee raawwata.
Ofii waliigalteewwan mandaraa seeraan ni fudhatamuu?
Dhimma kana ilaalchisee BBC'n abokaatoowwan gorsaa seeraa ta'an lama dubbiseera.
Mikaa'eel Tashoomeefi Taamiraat Kidaanemaariyaam waliigalteewwan mandaraa kun ulaagalee afur yoo guutuu baatan fudhatama hin qabanii jedhu.
Fedha lameeniirratti kan hunda'ee ta'uu, umrii 18 oliif fi fayyaa sammuu guutuu qabaachuu, bu'uurri waliigaltichaa kan seeraan hayyama argate ta'uu, gucni waliigaltichaa ragaalee fi kaanis kan guutatte ta'uun ulaagalee seera duratti akka fudhatamu gargaaraniidha.
Ta'uus garuu waliigalteen mandaraa seera qabeessa mitii jedhu obbo Mikaa'eel. Obbo Taammiraat gama isaaniin ''seeraa qabeessadhas, seera qabeessa mitis'' jedhu.
Namni heddun manaa fi lafa waliigaltee mandaraan bitaafi gurguraa jiraachuun seera qabeessa isa hin taasisu jedhu obbo Mikaa'eel.
Waliigaltee kana seera maleessa kan isa taasisu kaayyoo mirkaneessa ragaa kan sarbu ta'uu isaatis jedhu.
Ragaa ammoo mirkaneessuun kan barbaachisuuf inni duraa hariiroo namoota waliigalan gidduu jiru bulchuu ykn to'achuuf inni lammataa ammoo gaaffii qaamni sadaffaan dhiyeessuu malu deebisuufi jedhuun muggutu.
Qaamni sadaffaan bitaafi gurguraan alatti qaamolee jiran kamuudha.
Fakkeenyaaf waliigaltee mandaraa keessatti qaamni mootummaa yookaan dhaabni biraan gaaffii yoo dhiyeesse falmii malee seera duratti injifata jechuudha.
''Rakkoon waliigaltee mandaraa kanadha'' jedhu obbo Mikaa'el.
Ragaaleen yeroo mirkaneeffaman mootummaan galii irraa argata.
Ragaan waliigaltee yeroo mirkanaa'u qabeenyi gurgurame maqaa isa bitateetti naannefama. Gurguraan isa bitateef maqaa hin naannessu yoo jedhee dide manni murtii dirqiin gurguraan maqaa akka naannessu murteessuu danda'a. Rakkoo akkasii waliigaltee mandaraan furuun rakkisaa ta'uu mala.
Ammallee dhimmootni hedduu waliigaltee mandaraan raawwatamaa kan jiran ta'us manneen murtee ammallee dhimmoota karaa kanaan xumuraman ilaalaa akka jiraniif kun seerri amala isaatiin madaqaa(flexible) waan ta'eefi jedhu obbo Mikaa'eel.
Dhimmi namootni waliigalan eeyyee waliigaltee mandaraan waliigaleerra erga jedhanii foormii seeraa qofa hin guunne jedhamuun fudhatama dhabsiisuun sirrii miti ilaalchi jedhu naannoo manneen murtii akka jiru obbo Mikaa'eel himaniiru.
Yaadota obbo Mikaa'eliin kan waliigalan obbo Taamiraat hanqinni qajeeltoo ifaa jiru kun ''nuti ogeeyyiin seeraas mirkana taanee gorsa kennuu hanga rakkanutti kan gahuudha'' jedhu.
Gaaffii waliigalteen mandaratti yoo gaggeefame hireen isaa maal ta'a? jehduuf obbo Taamiraat deebii yoo kennan dhugaa dubbachuuf gama kanaan seerichi waan tasgabbaa'e miti. Kana ilaalchisee hanga ammaatti manneen murtee murtee jala murame hin laanne'' jedhu.
Manni murtii inni olaanaan waliigalteewwan mandaraa ilaalchisee yeroo adda addaatti murtee adda addaa kennaa akka tures himu.
Balaan isaa namoota waliigalan lamaan bira osoo hin ta'iin qaamni sadaffaan kan dhiyaatu yoo ta'e akka ta'a obbo Taamiruun ni himu.
Bitataan waliigaltee qabatee yoo dhiyaate qaama sadaffaa callisiisuu hin danda'u jedhu.
Madda suuraa, Getty Images
Kanaaf bitataan waliigaltee mandaraan yeroo waa bitu ''fedheefi jaalatee ofirratti balaa fideera'' jedhu ogeeyyiin seeraa lamaan.
Namootni hedduun jalqaba waliigaltee mandaraa erga raawwatanii booda sadarkaa lammataan gara waajira mootummaa dhaquun raawwatu. wayita waliigaltee isa beekamtii qabu kana raawwatan gatii ittiin bitamee gadi qabanii himu.
Namootni wlaiigaltee raawwatan gatii cabsanii waan himaniif mootummaan rakkannaan tilmaama gatii baasaa akka jirullee dubbatu obbo Taamiraat.
Obbo Mikaa'eel waliigalteen sadarkaa almatti raawwatu kunis namni hedduun hubachuu baatus rakkoo qabaa jedhu.
Sababni inni tokko waliigalteewwan lamaan irratti gatiin kaahamu adda adda ta'uun isaa gaafa waliigalteen diigamu rakkoo fiduu isaati jedhu.
Waliigalteen kan diigamu mana murtiitti yeroo ta'u, gurguraan qabeenya isaa bitaan ammoo qarshii isaanii yeroo deebifatan kaffaltiin raawwatamee waliigalteewwan gosa lamaan irratti adda adda yoo ta'e waldhibdee uuma.
Namootni waliigaltee mandaraa kan filataniif salphaa fi mijataa waan ta'eefi jedhu obbo Taamiraat.
Adeemsi seeraa jabaadha. Ragaalee hedduu guutuu gaafata. Kun amoo haala aqabatamaa Itoophiyaan rakkisaadha. Fakkeenyaaf raagaalee barbaachisaa ta'an keessaa tokko Kaartaa ta'uu danda'a.
Balaawwan waliigaltee manadaraa qalbifachuu gaafatan
Namni tokko mana bitee biyyi nagaadha jedhee osoo jiraatuu qaamni sadaffaa manicha irratti gaaffii yoo kaase rakkoo hamaaf saaxilama
Kunimmoo haadha warraa/abbaa warraa gurgurraarraa waliigaltichi naaf haa haqamu kan jedhu ta'uu danda'a.
Waliigaltee mandaraa keessatti ragaan kan fuudheefi hin fuune jedhus rakkisaadha.
Waldhibdee booda dhalatuun walhiikuun yoo dhufe bitataan rakkoo keessa gala.
Utuudhuma seera duratti wal dhiyeessaniis bitataan maallaqa ittiin bite guutuu isaa argachuu dhiisuu mala.
''Waan akkasii hedduun nu mudataniiru. Haadhiliin warraa ykn abbootiin warraa waliigalteen gurgurtaa na hin ilaallatu jedhan ni jiraatu. Akka seera maatiitti gurgurtaan qarshii 500 ol hayyama lamaanii barbaada. Kanarraa kan ka'e waliigalteen mandaraa rakkoo hin yaadamne fidee dhufuu mala'' jedhu obbo Mikaa'eel.
Waliigaltee liqii sobaan waliigalamaniis rakkoolee baayyee fiduu danda'u.
Gatiin waa bituu birrii hir'isuufi gatiin manaa olka'uunis gurguraan yeroo keessa akka gaabbuufi gurgurtaa haaluun yaada akka jijjiiru gachuu mala.
''Dimshaashumatti waliigaltee gandaa keessatti qaamni bittaa raawwatu balaa baayyee ofitti fida,'' jedhu abukaatoo Mikaa'el.
Obbo Taammiraat gama isaaniin, ''waliigaltee gandaa yeroo raawwannu takka takka dubbiin nuti hin yaadne akka dhalachuu malu dagachuu hin qabnu,'' jechuun yaadachiisu.
''Fakkeenyaaf du'uu, biyyaa bahuufi bakka buutummaa kaasuun fa'i ni jiraata. Bor maal akka dhufu eenyutu beeka?'' jedhu.
Obbo Mikaa'el gama isaaniin, ''Daldalaan waliigaltee gandaa raawwate otoo du'ee dubbiin dhaalaa dhufuu mala, bultiin yoo diigame maatiin falmii keessa gala, dhaaltonni qabeenyaa manichi waliigaltee seeraan alaa qaba jechuun dhorkisiisuu danda'u. Dubbii baayyee qaba, '' jedhan.
Obbo Taammiraat dubbiin kanarra yeroon itti hammaatus jira jedhu.
''Namoonni hamoon si mudachuu danda'u. Mana tokko waliigaltee gandaan namoota lamaafi sadiitti erga gurguraniin booda dhimma keessan jedhanii baduu danda'u.''
Malli maali?
Abukaatoo Mikaa'el gorsi isaanii tokko, innis, ''waliigalteen gandaa haa hafu,'' kan jedhu dha.
Yoo dirqama tahe hoo?
Yoo dirqama tahe immoo waliigaltee kana kan qopheessuu qabu ogeessota seeraati.
Sababiinsaa waliigalteewwan amma jiran hunduu wal-fakkaatoo dha. Abukaatoodhaan yeroo qophaa'an garuu, dirqama bittuu fi gurgurtuu haala wal-hin dhoofneen qixeessu. Kana malees qaawwa seeraa boru dhufuu malu duchuu danda'a.
Obbo Taammiraat immoo waliigalteen iddoo hundatti wal-fakkaataa tahuun qofaasaatti rakkoo mitii jedhu. Yeroo yerootti qaawwa isaanii sirreessuu dhiisuutu rakkoo dha jedhanii amanu.
Haala amma jiruunis waliigaltee gandaa guutummaan guutuutti dhaabsisuun akka hin danda'amne amanu.
Warri walii galan hamma beekaa raawwatanitti kana hin godhiinaa jedhanii dhorkuun hin danda'amu jedhu.
Tahus waliigaltee raawwachiisuun akka biyyoota alaa dhimma abukaatoon raawwatu osoo tahe yaada jedhu qabu.
Obbo Taamiraat yaada isaanii kan goolaban fakkeenyaani,
''Waliigaltee gandaa akka yaalii fayyaatti haa ilaallu. Harka keenya otoo hin dhiqatiin yoo nyaanne dhukkubsachuus, dhukkubsachuu dhiisuus dandeenya. Dhiqannee nyaachuun garuu filatamaa dha.''