Waraana Tigraay: Yunivarsiitiin Walloo guutummaatti hojiitti deebiyuudhaaf waggaa lama na fudhata jedhe

Madda suuraa, Wallo University
Waraana Kaaba Itoophiyaa tureen torbanootaaf to'annoo humnoota TPLF jala kan ture Yunvarsiitii Walloo, qabeenyii guddaan waan jalaa manca'eef guutummaatti hojiitti deebiyuudhaaf waggaa lama na fudhata jedhe..
Yunivarsiitiiwwan Naannoo Amaaraa keessatti argaman keessaa tokko kan ta'eefi magaalota Daseefi Kombolchaatti damee kan qabu Yunivarsiitichi, qabeenyi 'biiliyoona 10' gahu jalaa manca'uu himeera.
Lola torban muraasa darban taasifameen waraanni mootummaa magaalota kanaafi bulchiinsa naannoo Amaaraa keessa lafa hedduu finciltoota Tigraay harkaa deeffateera.
Ta'us, miidhaan gahe guddaa waan ta'ef deeggarsi gama mootummaa yoo taasifame carraan deebi'ee eegaluu isaa bal''aadha jedhu Pirezidantiin I/Aanaa Yunivarsiitii Walloo Dr Amaaree Mitikkuu.
"Yunivarsiiticha sadarkaa hinjiru jedhamurra geesisaniiru. Gamoowwan kollejjii lama, akkasumas laaboraatoriiwwan haalaan miidhamaniiru. Kan barbada'aniis kan saamamanis jiru. Yoo mootummaan itti amane carraan dhaabbata barnoota olaanoo kana hojii eegalsiisuu ni jira jedhamee amana,'' jedhu Dr. Amaaraan.
Finciltoonni TPLF torbanootaaf naannicha to'atanii turan erga MM Abiyy Ahimad torban darban keessa waraana biyyattii adda waraanaatii hoogganuu eegalee naannicha gadhiisanii bahan.
Finciltootni TPLF kaampaasii Kombolchaa buufata leenjii isaanii, kaampaasii Dasee ammoo buufata ajajaan irraa kennamu akkasumas bakka itti walgahaan godhatanii turan jedhu.
Miidhaa hidhattootaan qaqqabeen dabalataan haleellaan diroonii humna waraanaa Itoophiyaa Yunivarsiiticharraan miidhaa guddaa gahuus Dr. Amaareen dabalanii himaniiru.
''Haleellaa diroonii mootummaanis badiin dhaqqabeera. Gamoon lama guutummaa guutuutti barbadaa'eera. Galmi guddaa barattoonni itti eebbifaman, akkasumas gamoon bulchiinsa yunivarsiitichaa manca'aniiru.''
Waraana kanaan bakka humnoonni TPLF qabatanii turanitti bu'uraaleen misoomaa akka dhaabbileen fayyaa, buufataaleen xiyyaaraa, manneen barnootaafi kaanis manca'uu mootummaan Itoophiyaa ibsaa jira.
Pireezidantii Ittaanaan Yunivarsiitii Walloo Dr. Amaareen miidhaan dhaaba barnootaa kanaarra gahee yoo tilmaamamu biiliyoona 10 akka ta'u BBC'tti himaniiru.
''Badii kana furuun yunivarsiiticha bakka dur turetti deebisuuf gabaa amma jiruun yoo ilaalle, kan yunivarsiitii Walloo qofa gara birrii biiliyoona 10 ni gaha.''
''Damee barnootaa hundaan barattoota fudhachuu hin dandeenyu malee'' damee barnootaa filatameen Yunivarsitichi barattoota simachuun baruufi barsiisuu gaggeessuu akka danda'us himaniiru.
Haata'u malee, hanga suphamee bakka duriitti deebi'uutti yoo eegne hanga waggaa lamaa ol nu duraa fudhachuu danda'a jedhu.
Haala amma jiruun manni yaalii Yunivasriitichaa manca'ee, koompitaroonnis diskiin isaanii keessaa fudhatamee waan jiruuf darbees firaashiin irra cisan waan manca'eef kunneen yoo guutaman barattoota damee saayinsii hawaasaa barnootatti deebi'uu danda'u jechuunis himaniiru.
''Keesumaa kanneen Saayinsii Hawaasaa barataniifi eebbaaf jiini lama isaan hafe simannee eebbisiisuun ni danda'ama.''
Miidhaa qabeenyarra gahe dabalataan miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa miidhamanii achi turaniifi jiraattota naannichaa irratti miidhaan gaheera jedhan.
''Kunneen ajjeefamanii yunivarsiitii keessas, naannawichas reeffi isaanii argamee ummanni owwaaleera. Finciltoonni Tigraay kallattiin mana isaanii seenanii kan ajjeesan turan.''
''Yunivarsiitii keessattiifi alatti kan awwaalaman jiru'' jedhanii, hojiin kana qulqulleessuu yeroo dhihootti adeemsifama.
Humnootni TPLF ji'oota dura gara naannolee Amaaraafi Affaaritti seenuun haleellaa erga bananii booda namoota nagaa ajjeesuu dabalatee dubartoota dirqiin gudeeduu isaanii ragaaleen dhaabbilee idil-addunyaa mirga namoomaaf falmanii ni agarsiisa.
Odeessaalee biroo kana waliin eeman:
- Magaalaan Laaliibalaa deebitee harka finciltootaa galuun gabaafame
- Manneen barnootaa Dasee buqqaatota keessummeessaa jiranitti barnooti yoom jalqaba?
- WFP man-kuusawwan isaa Dasee fi Kombolchaa finciltootaan waan saamamaniif deeggarsa dhaabe
- MM Abiy adda waraanaatii akkuma deebiyaniin bulchitoota biyyoota ollaa waliin mari'achuu himan