Haleellaa Sudaan daangaa Itoophiyaatti raawwatte irratti mootummaan Itoophiyaa maal jedhe?

Ethiopian National Defence Forces (ENDF) soldiers walk in line during a training session in the field of Dabat, 70 kilometers Northeast of the city of Gondar, Ethiopia, on September 15, 2021.

Madda suuraa, Getty Images

Gabaasaalee waraanni Sudaan ollaawwan Itoophiyaa daangaatti dhiyoo jiran meeshaa gurguddaan haleeleera jedhan 'oduu sobaati' jette Itoophiyaan.

Dubbi-himaan mootummaa Itoophiyaa Obboo Kabbada Deessisaa dhimma kana ilaalchisuun BBCtti akka himanitti, ''wanti hafarsamaa jiru, odeeffannoo sobaati,’’ jedhan.

''Miidiyaaleen adda addaa Sudaan haleellaa guddaa akka Itoophiyaa irratti gaggeessitetti dubbatu, dhugumaan qocollaan tokko tokko jiru.

Akkanumaan qoccollaa fi bakkeewwan irraa gara gandootaatti dhukaasuu irra kan darbe, homaa miidhaan ga’es, lubbuun namaa darbes hin jiru.

'' Walitti bu'insa torbee darbe keessa humnoota sudaan fi milishoota Itoophiyaa naannicha turan jidduutti uumamee tureen, Sudaan loltoonni booji'aman torba jalaa ajjeefamuu komachuun Itoophiyaatti gadoo qabachuu ibsitee turte.

Kana hordofee humni ittisaa Sudaan gandoota Itoophiyaa daangaatti kaluu jiran meeshaalee waraanaa gurguddaa akka moortaarii, madfii fi kaaniin guyyootaaf haleelaa turuu Godina Lixa Gondaritti bulchaan Lixa Armaacihoo Obbo Dassaalenyi Ayyaanaa BBCtti himan.

Dhimma kanarratti kan gaafanne dubbi-himaan kun ''haleellaan xiyyaaraa fi meeshaalee waraanaa gurguddoon deeggarame gaggeeffameera gabaasi jedhu sobadha. Wanti akkanaa hin jiru,'' jechuun deebisan.

Jiraattonni BBCn dubbise haleellaan Wiixata darbe raawwatae ulfaataa ta'uu fi Kibxata hanga waareetti haleellaan sun itti fufu himan.

Guyyoota sadan darban haleellaa meeshaalee gurguddaa gama Sudaan irraa dhufuun dhohiinsaa fi dhukaasa dhagahaa akka turan himu jiraattonni.

Haleellaa dhiyeenya raawwate kanaan humnoonni Sudaan daangaa Itoophiyaa ce’uun lafa qabataniiru dhimma jedhu irratti kan gaafanne Obbo Kabbada Deessisaa, ''Sudaan lafa dabalataa to’atte hin qabdu,’’ jedhan.

''Yeroo Itoophiyaan TPLF waliin waraana irra turte sana akka carraatti fayyadamuun, daangaa ce’anii gara kana akka dhufan ni beekama.

Bakka yeroos qabatanis akka gadhiisaniifis irra daddeebiin gaafachuutti jirra. Guyyaa sadii duras wanti ture yaaliidha.

Loltoonni Sudaan, hidhattoota TPLF qabatee deeggarsa isaaniin seenuuf yaalee ture, isas ammoo milishootni ittisanii tarkaanfii irratti fudhataniiru. Lubbuu waldhabdee kanaan darbeef ammoo nutis gadda keenya ibsineerra.''

Dura taa'aan Komishinii Gamtaan Afrikaa (AU) Aabba Muusaa Faakii Mahaammat, ibsa guyyaa Roobii baasaniin, waldhibdee daangaa biyyoota lamaanii hammaachaa dhufeef ''tasgabbii fi mariitu'' fala jedhan.

Ibsa dureen AU kun baasaniin, ''biyyoonni obbolaa lameen kun waldhabdee qaban kamuu karaa nagaan hiikkachuu qabu,'' jedhan.

Dhimma kanarrattis BBC wajjin gaaffiifi deebii kan taasisan Ministeer Deetaan Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Itoophiyaa Obbo Kabbada Deessisaa, ''Nagaan filannoo keenya jalqabaa akka ta’e irra deddeebiin ibsineerra,'' jedhan.

''Mootummaan Itoophiyaan uummataa fi mootummaa Sudaan wajjiin walitti bu’insa kamuu keessa galuu hin barbaadu.

Ta’us garuu nagaan waan barbaadameef qofa hin dhufu, qaama tokkoon qofa hin mirkanaa’u. Nuti kanarra darbee waan dhufu ittisuuf, birmadummaa biyyattii eegsisuuf qophii ga’aa qabna.

Akka barbaadan Itoophiyaa seenuun waan fedhan godhanii ba’uun hin jiraatu. Nageenya uummata keenyaaf jecha tarkaanfii kamuu fudhachuuf dandeettii isaas qabna.''