Namoonni maaliif gaa’ela, jaalallee isaanii irratti kachachalu?

Nama sireerra taahee bilbila haasawaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

''Gaa’ela irratti kachachaluun dhaaba gaa’ela jedhamu wajjin dhimma seenaa qixxee qooddatu dha, bara gaa’elli jiraate hundatti kachachaluun ture,” jechuun kan ibsitu gorsituu dhimma saal-quunnamtiifi  jaalalaa beekamtuu Estar Peral dha.

Dhimma kanarrati kitaabilee maxxansisteetti, waltajjiiwwan addunyaa garaagaraa irratti haasaa taasifteetti.

Gaaffii namoonni maaliif gaa’ela yookiin hariiroo jaalalaa irratti kachachalu jedhu irratti mari’achuun dura, namni tokko kachachale kan jedhamu yeroo maal raawwatudha isa jedhu baruu barbaanne.

Indaalik Asaffaa ogeessa xiin-sammuu, hundeessaa wiirtuu marii dhimma xiin-sammuu ‘Ye Eriq Me’aad’ akkasumas sagantaa raadiyoo dhimma kana ilaallatu qopheessuun waggoota 15f tajaajilaa baheera.

Indaalik hiriyummaan jaalalaas tahe gaa’elli waliigaltee cichooma of keessaa qabu akka tahetti ibsa.

“Waliigalteen kuni ifaa fi beekamaadha, keessumaa gaa’ela irratti qaamaan, miiraan, diinagdee, kaayyoofi hafuuraan illee otoo hin hafiin tokkummaa qabaachuuf akkasumas kennanii fudhachuuf kakachuudha,” jedha.

Kakuu yookiin waliigaltee kanarratti namni biraa akka galu yoo eeyyamne kuni “kachachaluu dha,” jechuun ibsa.

“Kunis saal-qunnamtii qaamaa raawwachuufi miiraan illee nama biraa waliin hariiroo qabaachuun kachachaluu dha,” jedha.

Haa tahu malee namoota jireenya keessatti dhufan dinqisiifachuun ykn ilaaluun, “rakkoo miti, rakkoo kan tahu hawwuun ykn kan ofii godhachuun yeroo dabalamu dha,” jedha Indaalik.

Estar gaa’ela irratti kachachaluun dhimma hawaasa addunyaa waliigalaa biratti dhorkaa tahe garummoo hunda biratti raawwatamuurraa kan hin hafne dha jetti.

Waltajjii haasaa ‘TedTalk’ irratti taasisteen, seenaa keessatti dhiiroti yeroo kachachalan fi dubartoonni gaafa raawwatan gatiin isaan kaffalan tokko miti jetti.

''Saal-quunnamtiin dhiirotaaf dhimma ittiin boonan yoo tahu dubartootaaf garuu dubbii dhoksanii fi gad-qabanii haasa’anii dha,’’ jechuun ibsiti.

Yeroo amma jirutti garuu kachachaluudhaaf hiika waliigalaa qabaachuun rakkisaa dha jetti.

Sababiinsaas, ‘’barreeffama gabaabaa fedhii foonii kakaaasu bilbilaan walii erguu, viidiyoo saal-quunnamtii daawwachuu, dhoksaan appiiwwan jaalallee quunnamsiisan fayyadamuu,’’ qaamaan saal-quunnamtii raawwachuun dabalataan dhimmoota baramaa dhufan waan taheef jetti.

Hiikkaa kachachaluu isheen kennite keessaa tokko dhimmoota sadii of keessaa qabata.

‘’Hariiroo icciitii miirri hanga tahe itti dbaalame akkasumas saal-quunnamtiin wal-simaan keessatti geeggeefamu’’ jechuun ibsiti.

Madda suuraa, Getty Images

Namoonni maaliif kachachalu ?

Ogeessi xiin-sammuu Indaalik akka ibsutti namoonni gochaa kachachaluu ijoollummaarraa qabee waan hawaasa keessatti barachuu danda’aniifi akka waan sirrii tahetti fudhatan tahuu mala.

''Namootni hawaasa keessatti akka fakkeenyaatti ilaalaman  sanyoo qabachuu, gaa’elaan ala adeemuu akka waan isaan bonsutti yoo haasa’an dhagahaa guddachuun jireenya boodaarratti kachachaluu namootaaf sababa tahuu mala,’’ jedha.

Gama biraan hariiroon jaalalaas tahe, gaa’elli bu’aa diinagdee ykn faayidaa irratti kan bu’uurrefame taheefi miira jaalalaa walitti isaan  hidhu yoo hin qabaanne, hariiroo fayyaalessa tahe qabaachuu dhiisuun kachachaluuf saaxiluu mala jedha.

Nama fuune ykn itti heerumne,’’ofii keenya otoo hin taane nami kaan ykn maatiin nuu filatee yoo hundeessine sababa biraa kachachaluun itti mudachuu danda’u dha,’’ sababooti tarreessinu baayyee kan namaa namatti adda adda tahanis jiru jechuun ibsa.

Estar garuu dhimma kanarratti gaaffii bu’uuraa tokko gaafatti, ‘namoonni gaa’ela isaaniin gammadoo tahan, jireenyi jaalalaa isaanii mudaa hin qabne otoo hin hafiin maaliif kachachalu?

Akka ishee jettutti namoonni gorsaaf ishee bira dhufan baayyeen, kan jaalalleef amanamuutti amanan garummoo amantii isaaniifi gochaa isaanii wal-simsiisuu rakkatu.

''Kanaanis namoonni waggootaaf gaa’ela isaaniif amanamoo turan nama jaalatan akka dhaban otoo beekanii battalaaf sarara darbuu hin qabne bira taru,’’ jetti.

Kachachaluun gochaa gantummaan keessatti raawwatamu tahus, keessa garuu bilisummaa, hidhata miiraa, gaa’ela godhachuun waan dhabne argachuuf kan ittiin tattaafannu dhas jetti.

Madda suuraa, Getty Images

Kachachaluun dogoggora moo fedhiin raawwatama?

Indaalik akka jedhutti sammuun keenya kutaa sababaafi bu’aan hojjetuufi kan miiraan dalagu immoo qaba.

Gochaa keenya hundumaa keessatti filannoo qabna jedha.

''Kanaaf yeroo dalagaa tokko raawwannu filannoo isa waa hir’isee ida’ee bu’aafi badii dhimma tokkoo nutti himuu qabna, kara biraan immoo kutaa sammuu keenyaa kachachaluun, jaalalli, inaaffaa fi miirota kaan hogganu qabna.

Kanaaf ajaja sammuu keenyaa sababaaf bu’aan nutti himu mo’anneetu dalgaa akkasii raawwanna gatii taheef dogoggora otoo hin taane filannoo mataa keenyaati,’’ jechuun ibsa.

Estar immoo gamasheen, ''namni tokko sanyoo qabatee ifatti waan namatti hin agarsiisneef, waan dhorkaa taheef, haajaa hin goolabamne gatii taheef waan kansaa godhachuu hin dandeenye akka barbaadu isa taasisaa,’’ jetti.

'Ganamuun akkamiin miidha? Furmaatni hoo maali?'

Akka Estar jettutti, ''hammuma waan dhorkame raawwachuu baayyee barbaannu, ganamuufi kakuun cabuunis baayyee miidha.’’

Indaalik immoo, ''yeroo kachachaluun uumamu namni gochaan kuni irratti raawwatame jaalalli isaaniif kennamuu malu yeroo irraa hir’atu itti dhagahama, yeroon jalaa hatama waan kankoo dha jedhantu irraa hir’ifama gatii taheef ni miidhamu,’’ jedha.

‘’Kakuun gaafa cabu, lapheen wajjin caba, nama lapheen cabee namni hin hubatu,’’ jedha.

Kunis gama diinagdeefi hawaasummaan otoo hin hafiin rakkoo wal-xaxaa fiduu mala jedha.

Kanaaf kachachalummaan gaafa, ''nurratti raawwatamu dhaabachuun, hubachuun barbaachisa. Akkuma qaama dhukkubsateef wal’aansa barbaannu laphee keenya miidhamees yaalsisuu qabna,’’ jedha.

Kana booda nama sanatti ‘’araaramnaa, waliitti deebina kan jedhu murtoo abbaati,’’ jedha.

Estar gamasheetiin, ''kachachaluun hariiroo gaa’elaa karaa du’aarra adeemaa jiru ajjeesuu danda’a,’’ jetti.

Haa tahu malee, gaa’ela ykn hariiroo jaalalaa muraasa keessatti kachachaluu kana gara carraatti yeroo geeddaran arginaa jetti.

Kachachaluun gaafa ifatti bahu, ''namoonni waan barbaadanii deeman, waan dhaban dubbatu.’’

Kan kachachale hariiroo sanyooma qabatee dhaabuun gaa’ela isaatti deebi’uu barbaaduu qofa osoo hin taane. ''Haadha warraa ykn abbaa warraa miidhe, dhiifama gaafachuun balleessaafi miidhaa qaqqabsiiseef beekamtii kennuu qaba,’’ jetti.

Haa tahu malee, ogeessonni lameen kan irratti waliigalan waan tokko jira.

''Gaa’ela ykn jaalallee irra hariiroo saal-qunnamtii biraa qabaachuun waan hafu miti,’’ kan jedhu.

Haa tahu malee akka Indaalik jedhutti, ''kachachaluun miidhaa fidu hir’isuuf yaada kara miidiyaa idilees tahe, miidiyaa hawaasaa gochaan kuni salphaa akka tahe nutti himuufi caasaa hawaasa keenya jijjiiruu barbaadu,’’ karaa mootummaa, amantii fi hawaasaa to’achuun barbaachisaadha jedha.

Estar gamasheen, dhimmi kachachaluu waan dachaa of keessaa qaba jetti.

''Ganamuufi miidhamuu kara tokkoon, of baruufi jijjiirama kara biraan.’’

Kachachalummaan erga saaxilamee booda namoota gorsaaf na bira dhufan akkasin jedhaa jetti, ''nama tokko wajjin gaa’ela garagaraa qabaachuu dandeessa, gaa’ela isa durii dhiistee namuma kana wajjin gaa’ela kee akka haaraatti eegaluu barbaaddaa?’’