Dhuguma Itoophiyaan qamadii alaa galchuu hambistee, alatti erguu dandeessii?

Namoota oyiruu qamadii keessa deemaa jiran

Madda suuraa, CIMMYT

Obbo Maammiree Masarat jiraataa godina Shawaa Bahaa aanaa Luumeeti. Kanaan dura qamadii rooba Gannaa fayyadamuun qofa ture kan omishaa turan. Lafa bishaan gahu qaban ammoo Bona jallisiidhaan shunkurtiifi timaatima irraa omishuun gabaaf dhiyeessu ture.

Waggaa sadii dura garuu waan haaraa tokko maaliifan hin ilaalu jechuun Bona qamadii jallisiidhaan facaasanii ilaaluuf akka murteessan BBCtti dubbatu.

“Wanti kun ta’uudhuma qaba jedheen kaka’umsa mataa kiyyaanan qamadii Bonaa qotuu jalqabe. Yeroo sanatti namni tokkoyyu qamadii jallisiidhaan facaasuu jalqabe hin turre. Galata Waaqayyoo haata ta’u malee milkaa’eera,” jechuun akka omishni qamadii Bonaa kun bu’a qabeessa ta’e dhugaa bahu.

Omishni qamadii Bonaa kun waggaadhaa gara waggaatti dabalaafi babal'achaa akka dhufe kan dubbatan Obbo Maammireen, yeroo ammaa xiyyeeffannaa mootummaas argatee midhaan nyaataan of danda’uuf tooftaa filatamaa ta’aa jira jedhu.

Akkuma Obbo Maamireen dubbatan, waggoota sadan darban keessa omishni qamadii Bonaa Itoophiyaa keessatti mul’achaa jiru seenaa kanaan dura biyyattiin ittiin beekamtu ni jijjiira jedhamee waan abdatame fakkaata.

Itoophiyaan kanaan dura fedhii qamadii biyya keessaa %70 kan ta’u biyyumatti omishuun, kan %30 ta’u ammoo biyya alaatii galchiti.

Hanga alaa galchitu keessaa garii sharafa alaa itti baasuun yoo bittu, kan hafe ammoo bifa gargarsaatiin Ameerikaa irraa akka argattu ragaan Tajaajila Qonna Alaa Waajira Qonnaa US ni mul'isa.   

Akka gabaasa Waajira Qonnaa US kanaatti, Itoophiyaa keessatti sektarri omisha qamadii jijjiirama guddaa fidaafi omishtummaan haalaan dabalaa jira.

Itoophiyaan bara 2023tti fedhii qamadii qabdu omisha biyya keessaan guuttachuun alaa galchuu dhaabuuf karoorfattee hojjechaa akka jirtu ibsamaa tureera.

Kanaaf, omishaafi omishtummaa qamadii  foyyeessuuf mootummaan Itoophiyaa Tarsiimoo Misooma Sektara Qamadii tolfatee hojjechaa jira.  

Leecalloowwan omisha qamadiif barbaachisan kanneen akka deeggarsa eksiteenshinii, misooma jallisii babal'isuu, galtee barbaachisan dhiyeessuufi gariin ammoo sirna qonnaa ammayya’aa ta’e hojiirra oolchuurratti fuulleffatees hojjechaa jira.

Biiroo Qonnaa Oromiyaatti Aanga’aa Dhimmi Omisha Qamadii Obbo Geetuu Gammachuu, naannoon Oromiyaa karoora biyyi omisha qamadii irratti qabatte milkeessuuf waan gurguddoo (Pilar) afur adda baafatee hojjetaa jira jedhan.

“Midhaan nyaataan of danda’uu, omishawwan biyya alaatii galan biyya keessatti omishuu danda’uu, kan biyya keessatti omishan ammoo gara biyya alaatti erguu danda’uufi carraa hojii uumuu kan jedhan baafannee hojjeta jira,” jechuun waggoota sadan darbanirraa kaasanii waan hojjechaa jiran ibsu.

Waggaa jalqabaa kaka’umsa ofii isaaniitiin qarxii afur (hektaara tokko) kan omishan Obbo Maammireenis, mootummaan naannoo Oromiyaa omisha qamadiitiif xiyyeeffannaa kennuun deeggarsa qonnaan-bultootaaf taasisaa jiru akka carraatti fayyadamuun bara kana gara qarxii 22 (hektaara shaniifi walakkaa)tti ol akka guddisuu dubbatu.

Qamadiin Bonaa kun isa waqtii Gannaa caalaa callaa dachaa argamsiisa kan jedhan qonnaan-bulaan kun, qarxii tokkorraa (hektaaraa ¼) irraa hanga kuntaala 16 argachuun akka danda’amu himu.

Akka Obbo Maamireen jedhanitti, hektaara tokkorraa kuntaala 64 argamuu danda’a jechuudha.

Shunkurtiifi timaatima dhiistanii qamadii facaasuutti yeroo jijjiirtan hin miidhamtanii jechuun gaaffii dhiyaateef Obbo Maammireen, “omishni qamadii Bonaa kun hojiin isaa dadhabsiisaa miti, xaa’oo xiqqaa qofa barbaada malee baasii biroo hedduu hin qabu waan ta’eef bu’a qabeessadha,” jedhu. 

Kana malees, qamadii dabalatee midhaan gara garaa jijjiiranii facaasuun akka lafa isaaniif gabbisu kan himu qonnaan bulaan kun, qamadii bonaa omishuu kana baruun bu’aa gaarii akka argamsiiseef kaasu.

Obbo Maammireen qamadii Bonaa bara kana qotan keessaa kuntaala 250 kan ta’u mootummaatu gatii gaariidhaan (kuntaala tokkotti Birrii 3,680) irraa akka fudhate dubbatu.

Bara kanaafi bara darbe xaa’oofi sanyii gahaa mootummaan akka dhiyeesseef kan himan Obbo Maammireen, ogeessonni qonnaan-bultoonni akka qamadii Bona omishan jajjabeessaa jiraachuus dubbatu.

Qonnaan-bulaan aanaa Luumee biroo qamadii Bonaa omishuu baruma kana akka jalqabe dubbatu Obbo Ingidaa Birruus bu’aa gaarii akka argate dhugaa baha.

Qonnaan-bulaan kun lafa hektaara ja’a irraa kuntaala 320 akka argate hima.

Waan haaraa waan ta’eef sodaataa akka jalqaban kan himu Obbo Ingidaan, “ta’us garuu callan arganne shaggaadha,”  jedha,

Qamadiin Bonaa kun isa waqtii Gannaa omishamu caalaa bu’a qabeessa akka ta’e kan himu qonnaan-bulaan kun, rakkooleen akka simbirroo yeroo qamadiin asheetu rakkisan, baasiin xaa’oofi boba’aa osoo fala argatee midhaan kaan caalaa qamadii jallisiin omishuun bu’a qabeessa akka ta’e ibsa.

Nyaataan of danda’uurra darbee alatti erguun danda'amaa?

Bara jalqabaa lafa hektaara 7,000 irratti qorannoon hojjetanii agarsiisuuf akka jalqaban kan himan aanga’aan Obbo Geetuun, bakka tokko tokkotti callaan omisha qamadii Bonaa kan waqtii Gannaa dachaan akka caalu adda baafachuu dubbatu.

Qamadiin waqtii Gannaa hektaara tokkorraa giddu-galeessaan kuntaalli 32 kan argamu yoo ta’u, kan waqtii Bonaarraa ammoo kuntaala 50 fi isaa olitu argama jedhu.

Bara darbe naanichatti marsaa lamaan lafa hektaara kuma 300 fi kuma 84 kan ta’u hojjechuun akka danda’ame kan himan aanga’aan Oromiyaa kun, Qonna yeroo Gannaa dabalatee qamadiin kuntaalli miliyoona 12tti siqu Oromiyaatti argamee akka ture himan.

Murannoofi deeggarsi sadarkaa hoggantoota mootummaa olaanoo irraa taasifamaa jiru bu'aa omisha qamadiin argame kanaaf gumaacha guddaa akka qabu kan himan Obbo Geetuun, kun ammoo humnaafi qabeenya jiru sirnaan qindeessanii fayyadamuudhaaf mijeessuu ibsan.

Akka inni jedhutti, omishni kun kan kanaan dura ture caalaa dhibbeentaa 42 hanga 45 akka dabale agarsiisa.

Bu’aa bara darbe argameen kaka’umsa horachuun bara kana keessa lafa hektaara kuma 600 fi kuma torba kan ta’u marsaa lamaan misoomsuuf akka karoorfatan kan himan Obbo Geetuun,  kuntaala miliyoona 17 ta’u akka argatan abdachaa jiraachuu dubbatu.

Kanarraa ka’ee barbaachisummaan isaa, qamadii waan jallanneef qofa osoo hin taane, midhaan kun haala qilleensaa (agro-ecology) adda addaa biyya keenyaa keessatti bu’a qabeessa ta’uu waan hubanneef, nyaataan of danda’uu qofa osoo hin taane gara biyya alaattillee erguu akka dandeenyu mirkaneeffanneerra,” jedhan Obbo Geetuu Gammachuu.

Madda suuraa, PM Office

Caamsaa 2022 kora ministeerota biyyoota G7 Jarmanitti gaggeeffame irratti pireezidantiin Baankii Misooma Afrikaa, Itoophiyaan kanaa booda qamadii alaa akka hin galchine ragaa bahan.

Gargaarsa Baankichi karaa Sagantaa Tekinooloojii Qonnaa Afrikaa Jijjiiruu (TAAT) jedhamuun tekinooloojii haala qilleensaa dandamatu taasiseefiin, Itoophiyaatti omishni qamadii haalaan dabaluun gara waggaatti meetirik toonii miliyoona 26tti guddateera jedhan Akinwumi Adesina.

Itoophiyaan erga bara darbeetii qamadii alarraa akka hin galchine kan dubbatan pireezidantiin Baankiin Misooma Afrikaa kun, bara itti aanu hektaara miliyoona lama omishuuf karoora waan qabduuf omisha kana baruma dhufu (2023) biyyoota olla Jibuutiifi Keeniyaatti erguuf jirti jedhan.

Ministirri Muummee Abiy Ahimed (PHD) kanaan dura omisha qamadii bonaatiin bu'aan gaariin akka argame bakka bu'oota ummataatti himanii turan.

Tooftaan qonnaa kilaasteraa omisha qamadii bonaatiif filatamaa akka ta'e kan kaasan MM Abiy, karoora mootummaan isaanii qamadii gahaa ta'e omishuun alaa galchuu dhaabuu qabatee hojjetaa jiruuf ragaadha.

Milkaa’inni ajaa’ibaa Itoophiaan argamsiifte jedhan kun Afrikaan nyaataan akka of dandeessu agarsiiftuu gaarii akka ta’u himuun, yeroo hanqinni omisha qamadii sababa waraana Raashiyaa-Yukireen waliin walqabateen addunyaa yaaddessaa jirutti ta’uun isaas ammoo Afrikaaf abdii akka ta’e akeekaniiru Mr. Adesina.

Itoophiyaan omisha qamadiin milkaa'aa jiraattus akka jedhame yeroo gababaa keessatti fedhii biyya keessa jiru guuttattee alatti erguu kan jedhu milkaa'uu dhiisuu mala kan jedhan jiru.

Kanaaf ammoo sababiin walitti bu'insa biyya keessatti yeroo gara garaatti uumamuun, akkasumas bakka gara garaatti hongeen babal'achuu isaatiin lakkoofsi namoota gargaarsa nyaataa argatan dabaluu isaati.

Qamadii deeggarsaan kennamuuf dabalatee biyyattiin bara baraan qamadii kuntaala miiliyoona 15 hanga 20 biyyoota birootii galchiti.

Bittaa qamadii kanaafis waggaa waggaan doolaarri miliyoona 600 ol baasii akka ta'u ragaaleen ni mul'isu.