Kaayyoo qabsoo isaa, dhimma araraafi halleellaa tibbanaa irratti 'ABO-WBOn' maal jedha?

Jaal Marroo Dirribaa miseensota loltoota ABO-WBO walii n

Madda suuraa, SM

Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) kan mootummaan 'ABO-Shanee' jechuun paarlaamaan shororkeessummaan faraje, erga bulchiinsa Abiy Ahimad waliin wal waraanuu eegalee amma waggoonni sadii ol lakkaa'amaniiru.

Mootummaan naannoo Oromiyaafi Federaalaa humnoota kanneen balleessuuf yeroo adda addaatti oppereeshinii gaggeessaas ammallee waraanni itti fufeera.

Duula waraanaa mootummaan gaggeessaa jiruun hidhattootni kunniin sadarkaa ''yaaddoo biyyaa hin taanerra gahaniiru'' jedhamus haleellaawwan tibba kanaa magaalota Gaambellaa, Dambidoolloofi Gimbii milkaahina duulota mootummaa gaaffii keessa galcheera.

Torban darbe keessa Adda Bilisummaa Uummata Gambeellaa waliin ta'uun magaalaa Gambeellaatti haleellaa raawwatee baheen namootni 40 ta'an ajjeefamuun gabaasameera.

Mootummaan naannichaa hidhattoota magaalaa Gambeellaatti haleellaa gaggeessan kunneen keessaa kan 40 ta'an ajjeesuu himullee, gareen hidhattootaa kana haaluun kaayyoo opereeshinicha gaggeessaniif milkeessanii bahuu himatan.

Akkasumas, haleellaa Waxabajjii 18, 2022tti Wallagga Lixaa aanaa Gimbii, ganda Toleetti gaggeeffameen namoonni nagaa lakkoofsi isaanii mootummaan ta'e qaama walabaatiin hin ibsamne hedduu ajjeefamuun gabaafamee.

Deetaan Ministeera Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa obbo Kabbadaa Deessisaa magaalota sadeen keessatti hidhattootni haleellaa raawwachuu mirkaneessanii mootummaan tarkaanfii fudhachuu itti fufeera jechuun BBC'tti himan.

Hoogganaa WBO kan ta'e Kumsaa Dirrabaa (Jaal Marroon) yaada BBC'f kenneen ammoo kaayyoon haleellaawwan kana humni isaanii magaalota eegumsa qabanis to'achuuf gahumsa qabaachuu agarsiisuuf ta'uu dubbatan.

Hidhattoonni WBO dhuguma sadarkaa yaaddoo hin taaneerra jiruu?

Gareen hidhattoota Waraanni Bilisummaa Oromoo ofiin jedhan, kan paarlaamaa mootummaatiin shororkeessaa jedhamuun farrajame kun ammaan tana kutaalee Oromiyaa kan akka lixaa, kibbaa fi gidduugaleessa keessa socho’aa jiraachutu maddeen mootummaa dabalatee himamaa jira.

Mootummaanis hidhatoota kanneen balleessuuf yeroo garaa garaatti oppireeshinii akka gaggeessuu ibsaa ture.

Ji'oota lama dura duula waraanaa haaraa mootummaan naannoo Oromiyaa humnoota federaalaa waliin ta'uun gaggeessuu eegalee hordofee haala jiru irratti miidiyaa biyaalessaaf ibsa kennanii kan turan hoogganaa itti aanaan biiroo bulchiinsaafi Nageenyaa Oromiyaa Koloneel Abbabaa Garasuu WBO ‘sadarkaa nageenya biyyaaf yaaddoo hin taanerra gaheera’ ture.

Manni Maree waloo nageenyaafi tasgabbii biyyaalessaas torban lama dura haala nageenya biyyattii gamaagamee ibsa baaseen naannoo Oromiyaa keessatti hidhattootni WBO kumootaan ajjeefamanii, kumootni madaahuufi lafti to'atanii ture bilisa bahuu ibsee ture.

Haleellaawwan magaalota Gaambellaa, Dambidoolloofi Gimbiis kan raawwate gabaasotni mootummaan kunniin dhagaahamuu booda.

Haleellaan aanaa Gimbii Toleetti raawwatamuu dura kan dubbisne deetaan Ministiraa Tajaajila Kominikeeshinii Federaalaa, Obbo Kabbadaa Deessisaa, ‘‘odeeffannoo hanga ammaatti qabu dhukaasa banamuu dhageenyeerra. Qaamni mootummaa achi jiru garicharratti tarkaanfii fudhatee akka turedha kaniin beeku'' jechuun hidhattootni haleellaa banuu mirkaneessaniiru.

"Gimbii keessatti osoo hintaane naannoo gandoota ollaa keessatti dhukaasni banameera. Waanuma walfakkaatu naannoo Dambi Dolloo fi Gaambellaattis dhukaasa banuun tureera. Garuu tarkaanfiin irratti fudhatamee magaaloonnis gara nagaatti deebii'aniiru,'' jedhan aanga'aan kun.

Gaaffii ofii humnoonni 'dadhabsiifamaniiru' jedhaman kunneen eessaa dhufanii magaalota kanneen seenuu danda'an jedhuuf Obbo Kabbadaan akkasiin deebii kenna.

''Ani odeeffannoo mootummaan hidhattoota dhabamsiisera jedhu hin qabu. Garuu tarkaanfii fudhachaa jirra. Nageenya biyyaaf yaaddoo ta’aniiru. Kanumaaf bifa haaraatiin tarkaanfii fudhachaa kan jirrus,'' jedhan.

Gabaasa mootummaan dhiyeessu kana ilaalchisee BBC'tti dubbatanii kan turan dubbii himaan idila addunyaa WBO Odaa Tarbii ''gabaasa kijibaati'' jedhanii, Onni gadhiisaniis tooftaa waraanaaf akka ta'e himanii ture.

Gammoojjiifi baadiyaa qofa osoo hin taane magaalota keessa galaa jirra

Ofii 'ABO-Shaneen' sadarkaa ummataaf yaaddoo hin taane irra qaqabeera wayita jedhemeetti guyyaa tokkichatti magaalota akka Dambi Doolloo, Gimbii fi Gambeellaa galuun maal akeeka? Kaayyoon isaa hoo maali?

Gaaffiiwwan jedhan BBCn ajajaa ABO-WBO, Marroo Dirribaatiif dhiyeesseera.

''Mootummaan kumaataman ajjeesnee, kumaatama boojineerra, kana booda rakkoo hin ta'an. Bakka qabatanis hin qaban jechuu quba qabna," jechuun WBOn akkasitti akka hin tilmaamne dubbata Marroo Dirribaa.

"Ammattis gammoojjiifi baadiyaa keessa qofa osoo hin taane magaalota eegumsa qaban keessa galaa jirra. Namoota siyaasaa qawwee hidhachiisuun bobbasanis eegumsa isaanii bira cehaa jirra," jechuun hima.

Sababii tibban magaalota seenuun barbaachiseef yoo dubbatus, dubbii ''dharaa mootummaan balleessineerra, qawwee caccabaa poolisii harkaa hataniin lolaa turan jechaa tureef deebii akka ta'uudha,'' jedha Marroon.

Waraana magaalaa Gambellaa keessatti gaggeefameen walqabatee namootni 40 ta'an ajjeefamuu ragaalee magaalichaa bahan ibsaniiru.

Marroon garuu lolli madaa’uus wareegamuus qabaachun beekamaa ta'uu kaasuun, kan gama isaanitii miidhame hanga sana akka hintaanee haala.

"Nuti magaalicha to’annee yeroo ofii barbaannetti waan barbaadnu raawwannee baane. Maal raawwattanii baatan kan jedhu ibsuun hin barbaachisu," jedhe.

Akkasumas, guyyuma walfakkaatu magaalaa Dambi Doolloo fi Gimbii galanii akka turan kan himu Marroon, keessattuu magaalaa Dambi Doollootti buufata waraanaa mootummaa bakka saddii ol jiru keessaa humna nageenyaa baasuu hime.

Haata'u malee, jiraattonni BBC’n dubbise hidhattoonni guyyaa sana gara ganamaa magaalaa Dambi Dolloo erga seenanii booda, hospitaala keessaa qoricha fe'atanii bahuu BBC'tti himanii turan.

Marroon garuu, '‘Dambi Doolloo keessa qabeenyi nama dhuunfaa tuqne tokkoolleen hin jirru. Hospitaala gallees madoo keenya yaallee baane malee qoricha feenee deemne hin qabnu,’’ jedha komii irratti ka'eef deebii wayita kenneetti.

Qondaalli mootummaa BBCn dubbise Obbo Kabbadaanis hidhattoonni kunneen guyyaa sanatti magaalicha galuufi dhukaasni naannicha akka ture kaasan.

Dabalataanis haleellaa humnootiin mootummaa raawwataniin tarkaanfii irratti fudhate jedhan.

Aanga'aan mootummaa olaanaa kun, gareen hidhate kun saamichaa, ajjeechaa, akkasumas ummanni akka hin qotanne gochaa jira waan ta’eef mootummaan tarkaanfii fudhachaa jira jedhu.

Raayyaa ittisa biyyaa iddoo hundatti ramaduu hin danda’amneef, ummanni gama kanaan gahee mataasaa bahuu akka qabus dubbatan Obbo Kabbadaan.

Tibba waraanni Kaaba Itoophiyaa hammaatee tureetti hidhattoonni WBO aanoolee Wallaga Lixaa kan akka Begiifi Gidaamii qabatanii akka ture ibsan.

Haata'u malee, magaala seenanii bahuun nageenya uummataaf rakkoo hin ta'uu gaaffii jedhuuf, bakkeen qabatanii booda gadhiisanii bahan akka jiru kaasuun, ''amma uummatadha qabanne. Yeroon itti lafaafi uummata qabannu jira,'' jedhe.

''Kan jirru waraana keessa malee bakka sirbaa ykn mana amantaa miti. Halkan tokkotti biyya qabachuun hin jiru. Tarkaanfiin keenyas adeemsuma kana keessa darba. Waraana keessatti wareegamaafi buqqaatiis qabaachuun beekamaadha,’’ jechuun rakkoo ummatarra gahuu danda'u kaasa.

Waraana hidhattoonni kunneeniifi mootummaan gaggeessaa jiraniin walqabatee jiraattonni yeroo gara garaatti BBC dubbise 'rasaasa lama gidduutti' rakkoo hamaa argaa jiraachuu himatu.

Mootummaanis irra deddeebiidhaan ajjeechaa namootaafi mancaatii qabeenaatiif hidhattoota kanneen yoo himatu, isaan garuu kana waakkachuun qorannoon qaama walaba ta'een akka taasifamu gaafatu.

  Hidhatoonni ABO- WBO maal barbaaduu?

Addi Bilisummaa Oromoo jalqaba bara 1976 yeroo hundaa’e sirna mootummaa Itoophiyaa yeroo sana tureerratti qabsaa’uun sirna dimokiratawaa ijaaruuf ture kaayyoonsaa.

Kana keessattis ummanni Oromoo mirga hireesaa ofii ofiin murteeffachuu akka goonfatu, Itoophiyaa keessatti saboota kaan waliin mirga wal qixa tahe akka argatu gochuu, yoo kun hin taane ammoo Oromiyaa walabaa ijaaruu akka ta'e qondaalonni dhaabichaa himaa turan.

Waraanni Bilisummaa Oromoos damee waraanaa ABO ta'uun waggoota 50 olitiif qabsoo hidhannoo gaggeessaa ture.

Booda MM Abiy Ahimed gara aangootti dhufuu hordofee ABO’n akkuma paartilee biyya baqaa turan kaaniitti waamicha godhameefiin hoggansaafi waraanasaa Eertiraa irraa gara biyyaatti deebiisuun karaa nagaatiin qabso gaggeessuu eegale.

Waraanni biyya keessatti hafes gara qabsoo nagaatti makamuuf waamichi taasifamee kaan galuun, kaan ammoo 'shakkii mootummaa irraa qaban' ibsuun hafan.

Kana hordofees Paartiin ABO qabsoo karaa nagaa akka gaggeessu ibsuun waraana bosonatti hafe akka hin hogganeefi adda bahe ifa taasise.

Isaan boodha gareen hidhattootaa bosonatti hafan Marroo Dirribaa ajajaa ol aanaa gochuun qabsoo hidhannoo itti fufuu kan ibse.

Kaayyoon hidhattoota WBO amma lollaa jiruu maali? Karaa nagaatiin waan qabsaa'aniif galmaan gahuun hin danda’amuu gaaffiiwwan Marroof dhiyeessinedha.

Kaayyoon WBOn amma qabsaa'uuf kan ABOn duraan waggoota shantamaaf qabatee deemaa ture irraa adda miti jedha.

''Hogganni ABO waraana kana dhiisnaan siyaasa isaas warana isaas iddoo tokkotti walitti fiduun itti fufsiifne. Kaayyoon isaa kanuma ABO kaleessati,'' jedha.

''Innis uummata Oromoo bilisa bahe, kan dhiibbaan siyaasaas ta'e dhiibbaan waraanaa irra hin jirre ijaaruudha. Uummata Oromoo bilisa ta'ee Oromiyaa bilisaafi walaba taate ijaaruu danda’uufi hireesaa ofiin murteeffatu dhugoomsuudha.''

Akkasumas, ''uummata bilisaa taanee sabaafi sab-lammoota Itoophiyaa kaan waliin wal qixa taanee, namummaafi aadaansaa kabajamee, waan siyaasaafi seenaan nuuf malu argannee jiraanna jedhu fiduudha,'' jedha.

''Ummanni Oromiyaa walaba taateen ijaarrachuu barbaada kan jedhu yoo tahe, sana kabachiisuufi tiksuuf qabsoofna. Itoophiyaa keessatti dhiitamuufi cunqurfamuun hafee saboota kaan waliin karaa wal qixa taheen jiraachuu yoo barbaades isas kabachiisuuf qabsoofna,’' jechuun kaayyoo qabsaa'aniif hima Marroon.

Humna waraanaa gahaa tahe qabaachuu kan dubbatu Marroon, lakkoofsaan garuu hanga kana jedhee himuu hin danda’u jedhe.

Waraanaarra karaa nagaatiin deebii barbaaduu hin wayyu?

TPLF mootummaa waliin mari'achuuf qophii tahuu ibsaa jira. Obbo Jawaar Mahaammad dabalatee namoonni siyaasaa, akkasumas qaamonni gara gara miidhaa waraanni qaqqabsiisu eeruudhaan furmaanni kara anagaatiin akka barbaadamu gaafachaa jiru.

Mootummaanis hidhattoota ABO-WBO adda baasee dubbachuu baatus, rakkoowwan jiran karaa nagaatiin furfuuf akka fedhu ni dubbata.

Ejjennoon gareen hidhattoota kun dhimma kanarratti qabu maal jechuun Marroo (Kumsa Dirribaa) gaafanneerra.

Qabsoo biyya keessaafi alaan sirna mootummaa Itoophiyaa waggoota kurnan lamaa oliif ol aantummaa TPLFn to’atame irratti godhameen Oromoo kumaatamni aarsaa itti tahee MM Abiy Ahimed bara 2018 gara aangootti dhufaniiru.

Haata'u malee, dargaggoonni hedduun ammayyuu gaaffiin keenya hin deebine jechuun amanu. Hidhaafi ajjeechaan biyyattii keessatti gaggeeffamus daran dabalaa adeemuun yaaddoo biraa uumeera.

Ammayyuu uummanni Oromoo bilisummaa barbaadu hin goonfanne kan jedhu Marroo Dirribaa, ‘‘Kan durii caalaa kan hammatedha. ABO yeroo kamuu caalaa amanta irratti gatee kan gale bulchiinsa MM Abiy Ahimedittidha. Garuu akka ka’uu hin dandeenyetti kan miidhame bulchiinsa isaanii jalattidha jennee amanna,‘‘ jedhe.

''Namatti garuu nagaa fakkaata. Eeyyee Oromoo irraa kan dhufe fakkaata, garuu kan baay’ee hamaa tahedha. Dhaabni kun seenaan qofa akka yaadatamutti akka baduuf nurratti hojjetaniiru,'' jechuun komatu.

Bara 2018 mootummaafi ABO’n waliigaluun hoggani isaa Ertiraa irraa gara biyyaatti gale. Simannaa guddaanis taasifameef.

WBO keessaas jaarsummaafi Abbootii Gadaa waamicha taasisaniin kan galan jiru. Kaan ammoo akka itti hin amanne ibsuun hafan.

Marroon ABO mootummaa waggaa 40 oliif wal waraanaa ture deebisee amanuun warana isaa qawwee hiikkachiisee gammoojjii Eertiraa keessaa gara biyyatti galche. Garuu nu bittinsan jedha.

"Namni dhiiga namaa dhangalaasuu barbaadus tahe dhiigasaa dhangaalaasuu barbaadus hin jiru," jechuun waraanni karaa nagaarra filatamaa akka hin taane ibsa.

Garuu, daandii nagaa jedhu kana irratti waan arganne deebisnee dhabneerra. Hoggansi isaa hedduun hidhaa galan. Kaan ammoo shiraan akka walirratti ka’an godhan. Karaa nagaa jennee aarsa kaffalletu caale jennaan karaa kana filanne,’’ jedha.

Marii nagaatti dhufuuf qophii qabduu?

MM Abiy Ahimed tibbana paarlamaa irratti qaama warana keessa jiru kamuu waliin nagaa buusuu barbaanna jedhan.

TPLF waliin mariin nagaa buusuu Tanzaaniyaa Arushaatti jalqabeera hamiin jedhus ture. Haatahu malee, MM Abiy Ahimed gareen qorannoo gaggeessuufi dhimma kana hordofu akka jiru himuun uummata irraa mariin dhokatee gaggeeffamu hin jiru jedhan.

Garuu bu’aa isaatu caala waan taheef qaama kamuu waliin nagaa buusuu barbaannas jedhan. TPLF gama isaan mootummaa waliin Keeniyaatti mariidhaaf qophii ta'uu ibseera.

Obbo Kabbadaa Deesisaa ammoo ‘‘Mootummaan akka qajeeltootti qaama kamiyyu waliin waraana hin barbaadu. Ani mootummaan TPLF waliigaltee jalqabeera kan jedhu reefuu sirraa dhagahuu kooti. Akka mootummaatti waliigalteen dhoksaadhaan gaggeeffamu hin jiru. Karaan nagaa yeroo kammittiyyuu banaadha,’’ jedhan.

 Marroon dhimma marii kanaa ilaalchisee akka daa’imaatti waan xiqqon soosobamee kan galu hin jiru. Waan barbaannu jira. Isa ammoo gadi buusnee waan harka kennanuuf hin jiru.

Mootummaan ABO-WBOn nagaa biyya kanaa keessatti waan gumaachutu jira. Waliin hojjenna jedhee kan amanamu yoo tahe nuyis qophiidha jedhe.

'‘Bakka nuyi filannetti, nama feenu mootummaafis nuufis taha jennaa kan amannu bakka jirutti, taajjabdootni idil-adunyaa bakka jiranitti kan waamichi nuuf godhamu taaanaan mariif qophiidha.

'‘Kanaan ala akka daa’imaatti karameellaan nama gowwomsanii kan nama waaman yoo tahe kan gowwomfamu hin jiru.’’

De’etaan Ministira Komunikeeshinii Obbo Kabbadaa Deesisaa gamasaanitiin, ABO-WBOn ammas akka gara qabsoo nagaatti deebi’an barbaanna jedhan.

Obbo Kabbadaan ajjeechaa suukaneessaa raawwachuun hidhattoota kana himatanii, ‘‘Oromoon sirna kam keessattiyyuu badii fi cunqursaan akkanaa [hidhattootaan] Oromoorra gahee hin beeku,‘‘ jechuun ibsu.

‘‘Akka mootummaatti gaaffiin Oromoo deebi’ee dhumateera amantaa jedhu hin qabnu,'' jechuun gaaffii isaanii karaa nagaatiin dhiheessuu akka danda'an kaasu.

‘‘Badii guddaatu ummatarra gahaa jira. Ummanni gara lixaa jiru gara caalu qotachaa hin jiru, buna isaa guurrachaa hin jiru, karaa deemaa hin jiru.

'‘Gubuudha, saamuudha, horii irraa qaluudha. Kanaafu, mootummaan nageenya buusuudhaaf fedhii guddaa qaba. Qaama akkasiin ummatarratti roorrisu dhaabbatee ilaaluu waan hin danda’amneef malee motummaa waraanatti seenuu filateeti mitis,'' jedhan.

Hidhattoonni kunneen garuu himannaa irratti dhiyaatu yeroo hedduu ni waakkatu.

Hariiroo TPLF fi dhaaba biroo waliin qabu

ABO-WBOn yeroo waraanni kaaba Itoophiyaa humnoota TPLF fi mootummaa Federaalaa waliin gaggeeffamaa turetti TPLF waliin hariiroo waraanaa tolfachuu ibsee ture.

Ammas hariiroon TPLF waliin qaban akkuma duraa sanatti jira jedhe Marroon.

Dhaabbileen siyaasaa biroo sagalis akkuma TPLF waliin hariiroo ummachu ibsun saanii ni yaatama.

Dhiyeenya ammoo Adda Bilisa Baasaa Gambeellaa waliin oppereshinii waloo Gambeellatti gaggeessuu dubbii himaan ABO karaa fuula tiwitaraatiin ibsee ture.

Marroonis humna Gamabeellaa kana waliin hariiroo yeroo dheeraa qabna jedhe.

‘’Osoo hin hundeeffamiin durayyuu ajajaa waraanaa fi siyaasaa addichaa waliin dubbataa turre. Waan guuttachuu qaban waan tureef gama meeshaafi kaaniin wal quba qabna ture. Addichi dhiyoo hundeeffame osoo hin taane dhiyoo achii as bahe,’’ jedha.

Waraana humnoota mootummaafi WBO gidduutti godhamuun uummanni bakka adda addaatti miidhamaa jiraachu himata.

Namoonni BBC’n yeroo adda addaatti dubbise, humni nageenyaa mootummaas yeroo dhufu nyaachistan, obaastan jechuun kaan hidhaatti darbaa, kaan irratti tarkaanfii fudhata jechuun komatu.

Gama biraan ammoo, namoonni mootummaa deeggaru jedhamanii shakkaman hidhattootaan akka ajjeefamaniifi dararamaa jiraattoonni dubbachu kana dura gabaasuun keenya ni yaadatama.

Itoophiyaan filannoo bara 2021 booda biyyattii keessatti nagaafi tasgabbii dhibe deebisuuf, komishinii hundeeffamuun marii biyyaalessaa gaggeessuuf sochiitti jirti.