Dhibdee daangaa Itoophiyaa fi Sudaan muddama haaraa dhale

Dhibdee daangaa Sudaan

Humni Ittisaa Sudaan ibsa Dilbata Waxabajjii 26 baaseen, loltoota booji'amanii turan torbaa fi nama nagaa tokko na jalaa ajjeeste jechuun Itoophiyaa himateera.

Loltoonni Itoophiyaa lammilee Sudaan kanneen erga ajjeesanii booda "reeffa isaanii addabaabaayii irratti uummatatti agarsiisan" jechuun himate. Itti dabaluunis "gocha gantummaa kanaaf deebii ni laanna" jechuun Sudaan dhaadateetti.

Motummaan Itoophiyaa gama isaatiin badii lubbuu qaqqabeef gadduu ibsuun, garuu maddisaa haala humnootii ittisaa Sudaaniin ibsame miti jedheera.

Waajjirrii Dhimma Alaa Itoophiyaa ibsa Waxabajjii 27, 2022 baaseen, taateen jedhame kun gaafa Waxabajjii 22, daangaa waloo biyyoota lamaaniirratti humnoonni Suudaan daangaa Itoophiyaa cabsanii seenuu hordofee raawwatamu ibse.

Itti dabalunis, gareen waraana idilee Sudaan kan miseensoota 'shoroorkeessaa TPLF'n deeggarame haleellaa erga raawwatanii booda ture taateen kun daangaa Itoophiyaa keessatti kan mudate jedheera.

Badii lubbii sababii walitti bu'iinsa waraanaa Sudaaniifi milishoota naannichaa jidduutti mudateen qaqqabe kunis qoratamaa jira jedhe ibsichi.

Haata'u malee ''kan daangaa Itoophiyaa qaxxaamuruun seenee osoo garee waraanaa Sudaan ta'e jiruu, himannaa haqa maleessa humnootiin ittisaa Suudaan Itoophiyaa irratti dhiyeessan motummaan Itoophiyaa cimsee morma,'' jedhe.

Kana dura maaltu ture?

Dhibdeen daangaa Sudaaniifi Itoophiyaa barootaaf ture amma dura humnoota waraanaa biyyoota lamaanii gidduutti dhukaasa hamaa guddaadha jedhamu kan hin keessummeessine ta'us, muddamni yeroo adda addaatti dhalatu dabalaa dhufeera.

Torbee darbe keessa Ministirri Muummee itti Aanaa Obbo Dammaqaa Mokonniin mootummaan isaanii rakkoo Al-faashagaa karaa nagaa hiikuu filata jedhanii ture.

Itti dabaluunis humni Sudaan waraana Kaaba Itoophiyaa daheeffachuun daangaa Itoophiyaa keessa galuun ''lammiilee Itoophiyaa buqqisaniiru, qabeenya isaanii saamaniiru,'' jedhamiiru.

Dubbiin kun mootummaa Sudaaniin balaaleffatamuu miidiyaaleen Sudaan gabaasaniiru.

Ibsa mootummaan Itoophiya kaleessa baasenis, motummaan Sudaan gochaawwan haalicha harbeessan kamu irraa of ittisa jedheen abdadha jedheera.

Itti dabalunis ''mootummaa Itoophiyaa taateen tibbanaa kunis walitti dhufeenya ummattoota Itoophiyaafi Sudan jidduutti hundee fageeffate balaarra buusuuf kan itti yaadame umamee ta'u amana.''

Kana malees taatee kun kan Itoophiyaa daandii nagaafi misoomaa irraa deebiisuuf kan qophaa'eedha jedhe. Haata'u malee, motummaan Itoophiyaa dudhaalee garaagarummaa jiru karaa nagaatiin hiikuutti ammas ni amana jedhe.

Gabaasaaleen hanga ammaa bahan maal jedhu?

Barruun dhuunfaa Sudaan, Sudaan Tiribuun, torbee darbe keessa maddeen waraanaa biyyattii waabeffachuun akka gabaasetti, daangaa Sudaanitti kan argamtu bakka al-Quraayisha jedhamutti humnoonni Sudaan haleellaa raawwachuun booda muddamni hammaate.

Sudaan bakka raayyaan ittisa biyyaafi milishoonni Itoophiyaa nageenya qotee bultoota Itoophiyaa eeganitti loltoota 10 erguun ishee gabaafamee ture.

Gama kaaniin Lixa Goondar magaalaa Matammaattis lolli tureera gabaasni jedhu jira.

Naannoo magaalaa Matammaa ganda Shimat Magiduqaa jedhamutti haleellaa hidhattootni Sudaan raawwataniiru jedhameen qonnaan bultootni naannichaa hojii qonnaa isaaniirra gufachiisamaniiru.

Raadiyoon Sagaleen Ameerikaa bulchaa Lixa Goondar Bikaas Warquu waabeffatee akka gabaasetti ''waggaa tokko keessatti abbootiin qabeenyaa 246 hojii qonnaarratti bobba'an hojii isaanii dhaabaniiru'' jedheera.

Walatti bu'iinsi Al-fashaagaa akkamiin eegale?

Waraanni Kaaba Itoophiyaa dhalatee guyyoota muraasaa keessatti raayyaan Ittisa biyyaa Itoophiyaa daangaa waldhabsiisaa naannichaa irraa loltoota isaa baase.

Humnoonni Sudaanis qaawwa kanatti fayyadamuun humnoota isaanii bakka waraanni Itoophiyaa gadhiisee bahe qubatan. Kanaan walqabatee lafti Itoophiyaan barootaaf kan kooti jettu harka humnoota Sudaan gale.

Ergasii mootummaan Itoophiyaa irra deddeebiin humnoonni Sudaan daangaa qaxxaamuruun lafa koo keessatti sochii waraanaa gochaa jiru jechuun himachaa baate.

Dubbii himaan Ministeera Haajaa Alaa Itoophiyaa duraanii Ambaasaddar Diinaa Muftii ji'oota dura ibsa miidiyaaleef kennaniin, humnoonni Sudaan daangaa Itoophiyaa keessa seenanii sochii jabaa gochaa jira'' jechuun dubbatanii ture.

Itti dabaluunis rakkinicha karaa dippiloomasiin furuuf yaaluun ''sodaa ykn waliin dhahuuf miti'' jedhanii ture.

''Naannicha walitti bu'iinsarraa hambisuuf jecha Itoophiyaan yaalaa jiraattus obsi kun daangaa qaba.''

Rakkoo jjiru mariin hiikuufis haaldureen jalqabaa Mootummaan Itoophiyaa kaa'e humnoonni Sudaan lafa qabatan gadhiisuu qabu kan jedhuudha.

Sudaan gama isheen lafa erga wraanni Kaaba Itoophiyaa eegalee qabatte gadhiisuuf fedha akka hin qabne garuu ammoo Itoophiyaa waliin waraanatti galuufis fedhiin akka hin jirre ibsaa turte.

Sudaan Alfashaagaa irraa lafa taakkuu tokko akka hin kennine hooggansi waraanaa biyyattii Meejar Janaraal Haayider Altariif dubbatanii turan.

Sochiin waraana haaraa leenjisuus adeemaa akka ture miidiyaaleen biyyattii gabaasanii turan.

Al-fashaagaan maaliif falmisiisaa ta'e?

Sudaan daangaan Itoophiyaa waliin qooddattu km 700 ol dheeratu keessaa naannoon Alfashaagaa jedhamu biyyoota lamaaniinuu akkaan barbaadama.

Qonnaan bultoonni biyyoota lameenii naannicha qubatanii argaman lafa qonnaaf mijataa naannoo isaanii jiru babal'ifachuufis fedha qabu.

Alfashagaan lafa qonnaaf mijataa gama Sudaaniin Lixa Gadaarifitti lafa argamuudha.

Lafti kun lafa omishaaf mijataa iskiweer kiilomeetirii 250 kan bal'atuufi heektaara 240 kan ta'uudha.

Qonnaaf mijataa kan isa taasise ammoo laggeen akka Atibaaraa, Setiitiifi Baasilaam jedhaman gidduutti argamuu isaati.

Biyyootni lameen amma dura lafa falmisiisaa kana irra deebiin daangaaa isaa sararuufi waloon piroojektoota misoomaa irratti gaggeessuun qonnaan bultoota gargaaruuf waliigalanii kan turan ta'us hojiitti hin geeddarre.

Waliigalteewwan koloneeffattootaa

Gaanfaa Afrikaa keessatti daangaaleen hedduu wal dhabdee qabu. Itoophiyaan bara 1977 naannoo Ogaaden irratti Somaaliyaa waliin wal waraantee turte. Bara 1998 lafa xiqqoo Baadimme jedhamtu irratti Eertiraa waliin wal waraanteetti. Lola kanaan loltoonni 80,000 ol gama lamaaniinuu yoo ajjeefaman, biyyoota lamaan jidduu diinummaan akka hammaatu taasiseera. Manni murtii haqaa idil-addunyaa lafa Baadimme Eertiraaf murteessullee Itoophiyaan hanga Sadaasa bara 2020 lolli Tigraay eegalutti loltoota ishee Baadimme keessaa baasuu diddee turte.

Waraana bara 1998 kana booda Itoophiyaa fi Sudaan daangaa biyyoota lamaanii kiiloomeetira 744 dheerati qixaan sararachuuf mariitti deebi'anii turan. Fashaga irratti garuu salphaatti waliigaluun hin danda'amne. Akkaataa waliigalteewwan bara kolonii 1902 fi 1907tiin daangaan biyyoota lamaanii Baha Fashaga jira. Kana jechuun lafichi Sudaaniif mala - garuu ammoo qonnaan bultoonni Itoophiyaa waggoota dheeraf laficha misoomsaa gibiras mootummaa Itoophiyaaf kafalaa turan.