Hanqina xaa'oo qonnaan-bultoota Afrikaaf wal'aansoo guddaa tahe

Lossim Laazaaroo oomishasaa manca'uurraa baraaruuf yaalii xumuraan, midhaan facaafame irratti suutaan xaa'oo uumamaa itti naqa.

Ganda Taanzaaniyaa aduun haalaan itti hammaatetti, Lossim Lazaaroo oyiruusaa gidduu yaaddoon dhaabateera.

Oomishasaa manca'uurraa baraaruuf yaalii xumuraan, midhaan facaafame irratti suutaan xaa'oo uumamaa itti naqa.

Aabba Lazaaroon lafa hektaara lamaa ol tahu qaba. Wayita tokko naannoo kaaba Arushaatti qonnaan bulaa timaatimaa milkaa'inaan beekamu ture.

Amma garuu hanqinni xaa'oo addunyaa mudate akkuma warra kaanii, jiruusaa daran qoraa jira.

''Gabaarraa xaa'oo argachuun guddoo natti ulfaateera,'' jedha qonnaan bulaan kun.

Xaa'oon oomishtummaa qonnaa dabaluuf oolu addunyaarraa hanqateera. Kan jiruuf ammoo gariin sababa waraana Raashiyaa-Yukireniin gatiinsaa akkaan qaala'eera.

''2019 keessa xaa'oo kg 50 $25 yookaan Birrii 1300'n bita ture,'' jechuun yaadata Aabba Lazaaroon.

''Garuu amma hangi walfakkaatu dachaan dabaleera. Kun anaaf akkaan qaaliidha.''

Madda suuraa, Getty Images

Rakkoon xaa'oo kun sodaa hanqina nyaataa uumaa jira.

Addunyaarra hektaaraan xaa'oo gadaanaa kan fayyadamtu Afrikaan balaa cimaa keessa jirti.

Dhiyeessiin hanqachuun oomishtummaa irratti dhiibbaa olaanaa qaba - keessattuu oomisha qamadii xaa'oo guddaa barbaaduufi miiliyoonotaaf soorata tahe daran miidha.

Sagantaan Nyaataa Addunyaa (WFP) hanqinni xaa'oo dabalataan namoota miiliyoona torba tahan hanqina nyaataaf saaxila jechuun akeekkachiiseera.

Bara 2022tti oomishni miidhaan biilaa bara dabre toonii miiliyoona 45 ture gara toonii miiliyoona 38tti gadi bu'as jedheera.

Akkuma biyyoota Afriikaa kaanii Taanzaaniyaanis dhiyeessii xaa'oo isheef Raashiyaa fi Chaayinaa irratti hirkatti. Biyyoota lamaan kanatu addunyaarra heddumminaan oomisha.

Biyti qoqqobbii warra Lixaa jala jirtu Raashiyaan heddumminaan potaash, amooniyaa fi yuuriyaa oomishti. Keemikaalonni kunniin galtee ijoo xaa'oo (fertiliser) oomishuuf gargaaranidha.

Gatiin xaa'oo durumayyuu erga Covid-19 seene duuba akkaan ol ka'ee ture. Ammammoo qoqqobbiin Raashiyaa fi Belaarus irra kaa'ameefi, alergii Chaayinaa daanga'e irratti dabalamee haalicha ittuu hammeesse.

Muddamni kun biyyoota Afrikaa oomishaalee kanneen biyyoota alaarraa galchuun fayyadaman, faloota biroo akka barbaadan taasiseera.

Madda suuraa, Getty Images

Kanaan walqabatee omisha xaa'oo biyyuma keessatti oomishamuuf fedhiin dabalaa jira.

Qonnaan bultoonni kaaba Taanzaaniyaatti argaman, oomishtoota xaa'oo kanneen akka Minjingu Mines and Fertilizer Ltd jedhamanitti fuula deebisaa jiru.

Kaampaaniin kun fedhiin namootaa akkaan dabaluufi oomisha ajajame dhiyeessuuf rakkachaa jiraachuu hima.

Haa tahu malee hooggantoonni dhaabichaa sababa gibira olaanaatiin oomisha isaanii dabaluu akka hin dandeenye himu.

''Kanneen biyya keessa galchaniin wajjiin yeroo madaalamu, qixa walmadaalu irra hinjirru,'' jedhu daarektarri kaampaanichaa Tosky Hans.

''Oomishtoonni biyya keessaa taaksii hedduu kaffaluu qabu, kanneen biyya alaarraa galchan garuu hin kaffalan,'' jedhan.

Akkuma biyyoota Afrikaa hedduu Taanzaaniyaatti invastaroota kaan hawwachuuf jecha invastaroonni biyyoota alaa deeggarsa argatu. Kanneen biyya keessaa garuu gibira itti murtaa'e kanfalu.

Tujaarri Afrikaa isa duraa Aliikoo Daangotee, warshaa xaa'oo Naayijeeriyaatti hojii eegalchiiseera. Warshaan kunis waggaatti xaa'oo yuuriyaa (urea) toonii miiliyoona sadii ni oomisha jedhamee eegama.

Dureessi kun dhiyeessiin walirraa hincinne jijjiirama fida jedhee amana.

''Xaa'oon ajajan yeroo jedhametti qaqqabuu dhabuun qonnaan bultoota Afrikaaf rakkoo guddaa itti taheera. Kanaanis yeroon oomishaa jala tara,'' jedhan Aabba Daangoteen.

''Jalqabuu warshaa kanaan, qonnaan bultoonni galtee isaan barbaachisu dursanii akka argatan taasifna.''