Tilmaammii FA CUP marsaa shanaffaa

Madda suuraa, BBC Sport
Taphoonni FA CUP marsaa shanaffaa torbee kanaa har'aa kaasuun geggeeffamu. Qabxii akkamii akka qabaatan xiinxalaan keenya Laawuroon tilmaameera.
JIMAATA
Leestar fi Sheefildi Yunaayited
Sheefildi Yunaayitid yeroo kanatti Chaampiyoonsi Shiippii keessatti sadarkaa gaarii irratti argamu, tapha gulaalliin gara PL ol guddachuufis ni yaadu.
Leestar of eeggannoo hin taasisan yoo ta'e, qabxii naasisu arguu danda'u. Garuu, cimina gareetiin waan caalaniif Leestar ni injifata jedheen yaada.
Tilmaammii Laawuroo: 2-1
Chelsea v Hull
Cheelsiin alii hin cimuu aliimmoo ni laafu. Wixata Weesti Biroomiin haala gaariin moo'ani, duratti ammoo Waatfoordiin 4-1'n moo'amanii turan.
Haal Siitiin rakkoo keessa akka jiran beekamaadha. Kanaafuu Cheelsiin ni moo'a jedheen yaada.
Tilmaammii Laawuroo: 2-0
SANBATA DURAA
Sheefildi Weed fi Siwaansii
Leenjisaan Sheefild Weenisday duraanii Kaarloos Kaarvahaal erga Siwaansii galee hojii dansaa hojjataa jira. Baay'ee bayeessa ture, garuu kun garee Sheefildi isa Darbii Kaawuntii 2-0'n injifatedha. Tapha kanas Sheefildi ni moo'a jedheen yaada.
Tilmaammii Laawuroo: 2-0
Biraayitan fi Koovantirii
Koovantiriin hanga yoonaatti dorgommii kana keessatti cimoo turani, garuu waan addaa hin eegu. Biraayitan ammoo Amajjii darbe gareesaanii cimsanii jiru. Ciminasaanii itti fufsiisuu yaada waan ta'eef, injifannoon kan Biraayitan ta'a jedheen tilmaama.
Tilmaammii Laawuroo: 2-0
Weesti Biroom fi Saawuzihaampitan
Gareen lameen yeroo dhihootti taphatanii galchii hedduutu lakkaawwame. Kubbaa miilaatiin wanti uumamu hin beekamu waan ta'eef, Weesti Biroom ni moo'a jedheen yaada.
Tilmaammii Laawuroo: 1-0
Haadarsifiild fi Maan Yunaayitid
Liigii keessatti Yunaayitidiin yeroo moo'anitti daawwadheera. Garuu amma Maanchistar garee addaati.
Tilmaammii Laawuroo 1-2
DILBATA
Roochideel fi Tootanhaam
Roochideel, Miilwool waliin walqixa ba'uun dirree ofiirratti injifatanii marsaa shanaffaa kana ga'ani.
Haa ta'u malee, Tootanhaam garee akkamiinuu dirree yoo seenan, isaanitti ni baay'atu jedheen amana.
Tilmaammii Laawuroo: 0-2
WIXATA
Wiigaan Atileetiik fi Maan Siitii
Dirreen Wiigaan deeggartootaan akka guutamu fi haalli gaariin akka jiraatu nan eega, kunis isaaniif mishaa ta'a. Garuu gareen lamaanuu dhimma ba'atan qabu. Wiigaan bara dhufutti PL keessa hirmaachuu barbaadu. Siitiin ammoo PL injifachuu.
Tilmaammii Laawuroo: 0-3