Pirimeer Liigii Ingiliiz: Taphattoonni Arsenaal Oziliifi Kolasinaach '100%' taphachuuf qophaa'oodha

Arsenal's mesut Ozil and Sead Kolasinac Image copyright Getty Images

Manaajarri Arsenaal Unai Emery apha Sanbata boruu Barnileey waliin taasisan Oziliifi Kolasinaach '%100' taphachuuf qophaa'oodha jedhe.

Yaalii konkolaataa isaanii saamuudhaaf Adoolessa keessa saamtota gareetiin isaanirratti aggaamamee tureen taphattoonni Arsenaal kunneen lamaan tapha Piriimer Liigii 2019/20 Niiwuukasil waliin taasifame hin taphatiin hafaniiru.

Taphataan sarara gidduu Oziliifi qarqara bitaa Kolaasinaach Kibxatarraa eegalanii shaakalatti deebiyaniiru.

Image copyright Getty Images

"Kun nuuf oduu gammachiisaadha, sababiin isaas tapha sana keessatti isaani hedduu nu gargaru," jedhe Emery.

Torban lamaffaa Piriimer Liigii Ingiliiz ilaaalchisee manaajeroonni Maanchester Yunaayitid, Maanchester Siitiifi kan Liiverpuul dabalatee ibsa kennaniiru.

Ibsa isaanii keessattis waa'ee hiree taphattootaa isaanii tokko tokkoos kaasaniiru.

Manaajeriin Maanchester Yunaayitid Ole Gunner Solskjaer waan Aleksii Saancheez irratti haasa'amu ifa godheera.

Taphataan kun warra eeggatootaa marsaa lamaffaarra jiran waliin leenji'aa jira jedhamee ture.

"Aleksiis taphataa ga'eessa ta'edha, qaama kilaba kanaas ta'uu barbaada. Warra sadarkaa eeggannaarra jiranittis gadi hin buune. Inni taphataa cimaadha.

Torbee muraasaaf warra kaan biraa boodatti hafeera garuu qaqqabuudhaaf dhiyaateera," jechuun ifa godheera.

Taphataan sarara gidduu Maanchester Yunaayitid Paul Pogba maqaan isaa Riyaal Maadiriid Ganna kana keessa waliin ka'aa tureera. Garuu qabatamaan hanga ammaatti itti deemame hin jiru.

Obboleessi isaa Mathias akka jedhetti gara Zinedine Zidane deemuun isaa osoo yeroo jijjiiraan taphattootaa kan Ispeen hin cufatiin milkaa'uu danda'a. "Garuu boodatti waan harkifachaa jiru fakkaata."

La Liga fi Bundesliga'n galgala kana jalqaba

Tapha La Liga Ispeeniifi Bundesliga Jarman kan bara 2019/20 galgala kana jalqaba.

Kan Bundesliga tapha jalqabaa Bayern Munich fi Hertha Berlin waliin yommuu ta'u, kan La Liga ammoo tapha Atletico Madrid fi Barcelona gidduutti taasifamuun jalqaba.

Oduu Barcelona Neymar Paris St-Germain deebiyaa kilaba isaa duraanii Barcelona makamuudhaaf kaffalataa yuroo miliyoona 15 hir'isuunillee deemuu akka barbaadu himamaa jira.

Taphataan kun miindaa isaa yuroo milioona 38 irra gara yuroo miliyoona 23tti gadi buusee deebiyuu barbaada.

Haata'u malee, PSGn qarshii dabalataa guddaa gaafachuudhaan yaalii kana fudhatama dhabsiisaa jiru.

Gama Barcelona tiin akka inni deebiyuuf wanti danda'ame akka taasifamus barbaadaa jiru.

Fakkeenyaaf, Lionel Messi, Gerard Pique fi Luis Suarez akka inni deebiyee dhufu barbaadu.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata