Federeeshinii Atileetiksii: 'Qabxii Olompikii Tookiyootti badeef qaamni itti gaafatama fudhatu jiraachuu qaba'

Abbaan riikardii fiigicha mana keessaa 1500m Gudaaf Tsaggaay Olompikii Tookiyootti 5000m'n sadaffaa baate

Madda suuraa, Abbie Parr

Ibsa waa'ee suuraa,

Abbaan riikardii fiigicha mana keessaa 1500m Gudaaf Tsaggaay Olompikii Tookiyootti 5000m'n sadaffaa baate

Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa qabxiin Olompikii Tookiyoorratti argame qoratamee qaamni balleesse itti gaafatama fudhatuu qaba jedhe.

Dorgommiiwwan Olompikii Tookiyoo torban lamaaf adeemsifamaa turan guyyaa Dilbataa xumuramaniiru.

Qabxii ''fooyyee qabu'' galmeessuuf kaayyeeffatee garas kan imale gareen atileetiksii Itoophiyaa, medaaliyaa afur argateera. Kamisa dhufuus gara biyyaatti deebi'a jedhamee eegama.

Qabxiin kunis qabxiiwwan biyyattiin Olompikii Riyoo, Landan, Beejing, Ateensii, Siidniitti akkasumas Atilaantaatti galmaa'anii gadidha.

Qabxii biyyattiin Tookiyootti galmeessiteen gammachuu akka hin qabne Pirezidantiin I/Aanaa federeeshiniichaa Gazzaahany Abarraa BBC'tti himeera.

''Qabxii kana olka'aadhaan ilaalla akka siin hin jenne beekta atis. Akka itti qophoofnetti gama teknikaa wanti bade jira. Sodaan keenyas kanuma ture,'' jechuun BBC'tti hime.

''Rakkoon guddaan ijoolleen irratti hirmaachuu qaban irratti hin hirmaachisiifne,'' jechuun hima atileetiin Olompikii Siidniitti maaraatooniidhaan warqee argate kun.

''Federeeshinii keessas rakkoon yoo jiraate Olompikii keessas rakkoon yoo jiraate furmaata tokko akka kennan dhaamsa dabarsuun barbaada,'' jechuun mootummaa gaafata.

''Sababa qabxiin hin argamneef qaamni gaafatamuu qabu jiraatuu qaba,'' jechuun BBC'tti dubbate.

Gareen Itoophiyaa akka hin milkoofnef sababi guddaa koree Olompikiiti jechuun kan himatan qondaalli federeeshinichaa taateen kunis ''Qabxiirratti bu'aan akka hin dhufne nu godheera'' jedhan.

Federeeshinichi Koree Olompikii irratti himannaa yoo kaasu yeroo duraaf miti. Waldhibdeen federeeshiniifi koree Olompikii dorgommii duras ture. Ta'us furmaata hin arganne.

''Himannaa nuti kanaan dura himachaa turre namni nuu dhagahees hinjiru,'' jechuun kana dura qaamolee mootummaatti himanis furmaata dhabuu dubbata.

Waldhibdeen ijoo Koreen Olompikii ''hojii ofii wallaalanii kan federeeshinii keessa seenuudha'' jechuun hima Gazzaahany. Leenjisaa olaanaan Komaandar Huseen Shiboos kanuma dubbatu.

Himannaa federeeshinichi qabdii xiqqaaterratti Koree Olompikii himateef, BBC'n koree olompikii irraa deebii hin arganne.

Kana dura Pirezidantiin Koree Olompikii Itoophiyaa Dr Ashabbir W/Giyoorgis 'murteen xumuraa filannoo atileetotaa kan Koree Olompikiiti' jedhanii turan.

Madda suuraa, INA FASSBENDER

Ibsa waa'ee suuraa,

Lammeechaa Girmaan eeggataarraa murtee koree olompikiin dorgomee 3000m gufachiisaan waggoota dheeraa booda medaaliyaa biyyaaf argamsiise

Akkaataa olompikiiwwan kana dura tureen federeeshinoota ispoortiitu atileetota biyya bakka bu'uuf ga'uumsa qaban qopheessanii akkasumas filanii koree Olompikiif kan dhiheessan.

Kanneen ispoorticha itti dhiheenyaan hordofan waldhibdee qaamolee lamaanii gidduu biyyi akkasumas atileetonni miidhamuu himu.

'Ijoolleen xiin-sammuun miidhamaniiru'

''Ijoolleen xiinsammuu kan miidhaman akkuma jirutti ta'ee akka hirmaachisuu irratti kan nuti dabarsine akka hirmaatan hin goosifamne,'' jedha Gazzaahany.

Federeeshiniichi dorgommii m5000 dhiiraan, m10,000 dorgomee warqi kan argate Solomoon Baaraggaa akka figu yaada dhiheessuus koreen Olompikii diduu isaa himeera. ''Kunimmoo qabxii nu dhabsiisee jira.''

''Olompikiin ogummaa isaa malee atileetota tokko tokko keessaa baasee, kan shanaffaa bahan fuudhee deemee hoteela teechisee ijoolleen xiinsammuu miidhamtee jirti.

''Hanga dhumaa deemanii qaama ho'ifatanii gara waldorgommii deemanitti eenyu akka kaatu hin beekani turani.'' Kunis, atileetonni qophii sammuu gahaa akka hinqabannee godhuu dubbatu.

Qabxiin biyyattiin akka waan hin eegne argattu kan taasisees ''inni guddaan'' kana ta'uu hima federeeshinichi.

'Itti - gaafatamni jiraatuu qaba'

Gareen Itoophiyaa Olompikii Tookiyoo irratti gosa ispoortii afuriin hirmaate warqii tokko, meetii tokkoofi maaldaa [nahaasii] lama argate. Atileetonnii sadii immoo gosa dorgommii sadiin afraffaa ta'un xumuran.

Akkuma kana duraa medaaliyaan kan argame atileetiksiin yoo ta'u medaaliyaa 4 keessaa sadii fageenya biyyattiin kana dura ittiin beekamtu, 5000m fi 10,000m'n argame.

Lammiileen biyyattii dorgommiiwwan kanneen hordofaa turan qabxii galmaa'een komii isaanii ibsataa turan. Qabxii badeefis miidiyaa hawaasummaa gubbaa koree olompikii yeroo balaaleeffatan mul'ateera.

Itoophiyaa Olompikiitti

''Maqaan biyyaa dambiidhaan ol akka ol hin kaane kan godhan kana irratti maal godhuu qabna jedhanii akka mootummaatittis gadi bu'anii ilaaluun barbaachisaadha jedheetan yaada,'' jedha Gazzaahany.

''Rakkoon jiru addaan bahu malee ammas rakkoo dhufuun hin oolu jedhetaniin yaada''

Maaraatooniirratti maaltu qunname?

Atileetonni Itoophiyaa maaraatoonii irratti dorgomaniifi seenaan Abbabaa Biqilaa deebisu jedhamanii eegamaa turan sadanuu dorgommicha xumuruu hin dandeenye.

Federeeshiniichi Shuraan leenjii xumuraa yeroo taasisu miidhamni isa qunnamuu hima. Kanaafis akka eeggataatti Caaluu Dassoo filateera.

Haa ta'u malee, Koreen Olompikii Qananiisaa Baqqalaa akka afraffaatti galmeessuu hima Gazzaahany. Qananiisaan immoo maaraatooni torban tokko dursee akka Olompikii hin fiigne beeksisee ture.

''Caalu Dassoon afraffaarra jiru wanta hin galmoofneef [koree olompikiitii] deemee hirmaachuu hin dandeenye'' jechuun BBC'tti hime.

Atileetonni dorgommii xumuruu dhabuun sababa ho'aan akka ta'e federeeshinichi himeera. Dorgommii maaraatoonii magaalaa Saapporoo taasifame irratti atileetonni 30 dorgommii addaan kutaniiru.

Dhimmi atileetii fageenyichaan yeroo saffisaa lammaffaa qabu, Qananiisaa Baqqalaa, qaamolee lamaan wal dhabsiisaa ture.

Federeeshinichi fiigicha gulaallii qopheesse Qananiisaan waan hin fiigneef akka isa hin fille beeksise.

Ta'us, koreen Olompikii akka Qananiisaan deemu himaa ture. Ta'us, boodarra hafuu isaatu ibsame.