Serjiyoo Aguweeroo imimmaaniin kubbaa miilaatti nagaa dhaammate

Sarjiyoo Aguweeroo Maanchistar Siitii waliin

Madda suuraa, Getty Images

Taphataan sarara fuulduraa lammii Arjentiinaafii kilaboota gurguddoo akka Maanchistar Siitii, Baarselonaafi Atileetikoo Maadriid Saarjiyoo Aguweeroo tapha kubbaa miilaarraa sooroma bahuu beeksise.

Sagantaa Ispeen dirree Baarselonaa, Kaamp Nuutti, qophaaye irratt Aguweeroon tapha kubbaa miilaa piroofeeshinaalaa dhaabuuf kan murteessee guyyaa 10 dura, sababa rakkoo fayyaa isa mudateen ta'uu deeggartootaafi miidiyaalee idila addunyaatti himeera.

''Koonfiransii kun kan qophaaye ani kubbaa miilaa piroofeeshinaalaa taphachuu dhaabuu koo ibsuufi. Yeroo akkaan ulfaataadha. Murtee fayyaa koof jedhee murteessedha; Miidhama ji'a tokkoofi torban lama dura na mudateen walqabatee'' jedheera.

Harka garee waldhaansaa gaariirra akka ture kan hime Aguweeroon '' murtee kana kaniin murteess guyyaa 10 dura kubbaa taphachuu akkan itti fufu wanta danda'amu hunda erga gooneeti'' jedhe.

''Hojii kiyyatti baayyiseen boona. Umrii koo ganna shanitti yeroo duraaf ergan kubbaa miilaan tuqee taphataa piroofeeshinaalaa ta'uun abjuukoo ture.''

Odeessaalee Ispoortii biroo:

Umrii isaa 18'tti kan isa simate kilaba Atileetikoo Maadriid fi kilaba isaa ijifannoowwan hedduu wajjiin dhamdhame Maanchistar Siitii galateeffateera.

Sarjiyoo Aguweeroon seenaa piriimiyeer Liigii Ingiliiz keessatti taphattoota goolii heedduu lakkoofsisan keessaa sadarkaa afraffaarratti argama.

Aguweeroon tapha 275 irratti hiriiree gooliiwwan 184 lakkoofsiseera. Nama lammii Ingiliiz hin taane fi goolii hedduu liigicha keessatti lakkoofsise keessaas Tiyeerii Heenerii ofitti aansee sadarkaa tokkoffaarratti argama.

Aguweeroon hat tiriikiiwwan 18 bara kubbaa miilaa taphate keessatti kan lakkoofsise yeroo ta'u, kana keessaa 12 piriimiyeer liigii Ingiliiz keessatti. Kunis Liigicha keessatti haat tiriikii isa olaanaadha.

Kilaba seenaa itti hojjete Maanchistar Siitii Istaadiyoomii Itahaad fuula duratti siidaan yaadannoo Aguweeruu ni dhaabbata jedhameera.

Sagantaa Kubbaa miilaatti nagaa dhaammate kana irratti bakka buutotni kilaboota Atileetikoo, Baarselonaa, Federeeshinii Kubbaa Miilaa Arjantiinaa, Federeeshinii Ispoortii Ispeen fi leenjisaan Siitii Peep Gaardiyoolaa warra qaamaan argaman keessaati.

Madda suuraa, Getty Images

Jaallattootni kubba miilaa hedduun sooroma bahuu Aguweeroo ''taphataa cimaa addunyaa yeroo hundumaa'' kanaatti miira itti dhagaahamee, dinqisiifannaafi hawwii gaarii qabaniif ibsaa jiru.

Leenjisaan Liivarpuul Jaargan Kiloopp ''inni taphataa jabaadha. Jajjaboo na qunnaman keessaa isa tokko'' jechuun ibsan.

Hiriyyaa isaa Maanchistar Siitii kan ture Yaayaa Tuuree, ''har'a sooroma baatee arguu kootti gaddeera,'' jedhee ''si wajjiin taphachuun kabajadha'' ittiin jedheera.

Keeviin Debruuyiinaa ammoo ''jifataa cimaa yeroo maraati'' jechuun hawwii gaarii dhaameefiira.

Kilabni morkataa isaa ture Riyaal Maadriid gama isaan ''taphataa akka kee waliin morkachuun kabaja. Ati taphattoota jaboo addunyaa keessaa tokko'' jedheera.

Taphataan ganna 33 kun jalqaba kilaba Arjantiinaa Indippeendentee jedhamu keessatti imala piroofeeshinaalummaa kan eegale yeroo ta'u, achiis gara Atileetikoo Maadriiditti makame.

Ciminni Atileetikootti agarsiise Siitii hawwatee gara Itihaaditti akka deemus sababa ta'e.

Itahaaditti waggaa 10 keessatti si'a shan piiriimiyeer liigicha injifateera. FA kaappi tokkoofi Liig kaappii jahas mo'ateera.

Aguweeroon akkamiin akka yaadatamuu barbaadu gaafatamee kana jedhe: ''Namoonni wanta naaf maluun osoo na ibsanii natti tola. Ani hin beeku. Ani nama kana murteessu miti.''

Aguweeruun gooliin yeroo jalqabaaf kilaba Indippeendenteef ganna 17 osoo jiru galche gooliwwan galche keessa isa gaariidha jedhee himeera. Goolii isaa gaarii isa xumuraa ammoo kilaba Riyaal maadriid irratti isa lakkoofsise filate.