Got a TV Licence?

You need one to watch live TV on any channel or device, and BBC programmes on iPlayer. It’s the law.

Find out more
I don’t have a TV Licence.

Gabaasa Kallattii

Yeroon eerame hundi akka UK tti.

  1. Keeniyaan bara dhuftu loltootashi Somaaliyaatii baasuufi

    Somaaliyaa

    Loltoonni Keeniyaa haleellaa hidhattoota al-Shebaab dhaabsisuuf Somaaliyaatti waggaa salgan kana ergaman .

    Loltoonni Itoophiyaa, Yugaandaa,Jibuutii fi Burundiis qaamolee tika Somaaliyaa tumsuuf ergaman.

    Loltoonni Keeniyaa xumura bara dhufuutti wayita biyyattii keessa bahanitti, loltoonni Somaaliyaa humnoota ergama Gamtaa Afrikaa raawwachuuf biyyatti keessa buufataniirra akka fudhataniif karoorfamuu gaazexaan’Daily Nation’gabaaseera.

    Keeniyaan loltoota bara 2011 gara Soomaaliyaatti ergite hordofuun haleellaan hidhattoota al-Shabaabiin irra deddeebi'ee qaqqabeera.

  2. Amma nu gaheMootummaan Ingiliz dorgommiin Piriimer Liigii biyyattii akka itti fufu eeyyame

    Mohaammad Saalaa fi taphataa Barnimawuz tokko

    Mootummaan Ingiliz dorgommiin kubba miilaa biyyattii ji’a Waxabajjii keessa akka deebi’uuf karaa saaqan.

    Barreessaan ministera aadaa biyyattii Oliver Dowden wal gahii waldaa kubba miilaa waliin gaggeesseen liigotni Ingilizii dorgommicha itti fufsiisuuf karoora qopheessuufi haala gaarii irratti akka argamus himaniiru.

    Karoorri qophaa’aa jirus deeggartootni haala itti tamsaasa kallattiin daawwachuu danda’an bal’isuufi galiin dorgommichi deebi’uurraa argamus maatii kubba miilaa bifa deeggaruu danda’uun qophaa’aa jira jedhan.

    Kilebootni Piriimer Liigii Wiixata darbe wal gahuun Waxabajji 12 gara dorgommiitti akka deebi’an himaniiru.

    Dorgommichi garuu istaadiyeemii cufaatti gaggeeffama.

    Oliver Dowden akka jedhanitti mootummaafi ogeessotni fayyaa deeggarsaafi qajeelfama kennuuf qophii tahuu himaniiru.

    Piriimer Liigii Ingiliz bara kanaa Liiverpuul qabxii 25’niin Maanchister Siitii caaluun dursaa jira.

  3. Tiraamp hariiroo Chaayinaa wajjiin qaban addaan kutuuf doorsisan

    Doonaald Tiraamp fi Shijinpiing

    Pirezedant Doonaald Tiraamp haalli chaayinaan weerara koronaavaayirasii to'achuurratti dalagde 'sirrii miti' jechuun hariiroo biyyoota lamaan giddu jiru addaan kutuuf doorsisan.

    ‘’Waanti raawwachuu dandeenyu hedduudha,Hariiroo wajjin qabnu guutummaatti addaan kutuu dandeenya’’ jedhan Tiraamp.

    Itti dabaluun,hariiroo Chaayinaa wajjiin guutummatti addaan yoo kutne doolara biliyoona 500 qusannaa jedhan.

    Kana malees, hariiroon daldalaa wal hin gitnetu biyyoota lamaan gidduu jiraachu dubbatu.

    Chaayinaan odeeffannoo vaayirasii bifa weeraraatiin ka'e dhoksuun beenyaa akka baaftuuf Ameerikaan dhiibaa turte.

    Chaayinaan garuu himannaa kana irra deddeebiin haalteetti.

  4. Ameerikaatti namoonni miiliyoona 36.5 hojii dhaban

    Nikoolas Rey erga umuriinsaa ganna 14 guutee yeroo jalqabaaf carraa hojii dhabuu hime

    Uggura sababa weerara vaayirasiif labsame hordofuun torban darbe Ameerikaatti namoonni miliyoona 3 ol ta’an deeggarsa hojii dhabdootaaf kennamuu gaafatan.

    Waliigalatti walakkeessa ji’a Bitootessaarraa eegalee namoonni miliyoonni 36.5 hojii dhabuu gabaasan.

    Kun humna hojjachuu danda’u Ameerikaan qabdu keessaa harka sadii keessaa tokko ta’a jechuudha.

    Weerarri koronaavaayirasii dinagdee biyyatti qorrisiisuun hojii dhabdummaa biyyatti keessatti saffisaan dabaleera.

    Biiroon qabeenya humna namaa biyyattii akka ibsetti, hojii dhabdummaan biyyatti amma ibsameen olitti olaanaadha jedha.

    Ji’a Eblaa keessatti Ameerikaatti namoonni miliyoona 20 ol hojii dhabuusaaniitu ibsamee ture.

    Hojii dhabdummaa bara 1930 keessa kufaatiin dinagdee biyyatti mudatee asitti rakkina hamaa ta’eera.

    ogeeyyiin dhimma dinagdee uggurri sochii akkuma kaafameen hojii dhabdoota qacaruun waan eegalamuuf ni fooyya’a jedhan.

    Baankiin giddugaleessaa Ameerikaa dinagdeen biyyattii dafeetu bayyanata jedhamee abdatame suuta bayyanata jechuun akeekkachise.

  5. Ugguri sochii laafannaan namoonni rifeensa sirreeffachuuf halkan hiriira qabatan

    Niwuzilaand

    Niwuzilaanditti uggurri sochii laafannaan namootni baay'een rifeensa sirreeffachuuf halkan qixxeerra hiriira qabatan.

    Biyyattiin labsii yeroo muddamaa labsite har’aa eegalte laaffisuu hordofuun hojiiwwan biizinasii kumaatamatti lakka’aman deebi’anii banamaa jiru.

    Biyyattiin nama haaraa vaayirasichi qabe jiraachuu guyyoota sadan darban hin gabaasne.

    Kanaaf, suuqiin, kaafteeriyaa fi paarkiwwan iddoo hawaasni daawwatu deebi’anii banamaniiru.

  6. Raashiyaatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin du'anii gabaafamu gaaffii kaase

    Raashiyaatti namoonni 252,000 vaayirasichaan qabamaniiru, namoonni 2,305 du’uutu gabaafame

    Raashiyaatti namoonni 252,000 vaayirasichaan qabamaniiru, namoonni 2,305 du’uutu gabaafame.

    Biiroon fayyaa biyyatti namoota vaayirasichi ajjeese dhibee biraatu ajjeese jechuun otoo hin lakkaa'iin bira darbe.

    Seent Piitarsbargitti lakkoofsi namoota nimooniyaadhaan du’anii dachaa shaniin ol dabale.

    Namoonni koronaavaayirasiin du’an kan mootummmaan biyyattii ibsu Seent Piitarsbargitti dachaa 10’n caalaa jedhameera.

    Ogeeyyiin fayyaa biyyatti ragaa namoota du’anii kan ofiisaanii addatti galmeessu ,akkasuma abbootiin amantiis ragaa namoota du’aanii addatti qabaachuu isaanitu himame.

    Kanaan dura barruun 'Financial Times' lakkoofsi namoota du’anii kan mootummaan biyyatti ibsu harka 70’n caala jedhee gabaase ture.

  7. Hindii fi Paakistaan qoricha koroonaavaayirasii yaaluuf oolu 'remdesivir' oomishuuf

    Qoricha remdesivir yaalii Iboolaaf kennamaa ture amma Korronaavaayirasii yaaluuf oola jedhame

    Dhaabbatni Faarmaasii qoricha 'remdesivir' jedhamu koroonaavaayirasii yaaluf gargaara jedhame akka oomishaniif dhaabbilee qoricha oomishan Kibba Eeshiyaa waliin waliigalan.

    Waliigaltee dhaabbatni Faarmaasii Ameerikaa dhaabbilee qoricha oomishan kan akka Gili’aadii fi kanneen biroo shan Hindiifi Paakistaan keessa jiran waliin mallatteesse qorichi biyyoota 127 gargaaru akka oomishamu gargaara jedhame.

    Qorichi ‘remdesiver’ hospitala keessatti yaalamee jedhamu kun mallattoo Covid-15 guyyoota 15 keessatti mul’atu gara guyyoota 11'tti gadii xiqqeessa.

    Ameerikaan qoricha kana akka fayyadamtu ibsitee ture. Qorichi kun jalqaba yaalii vaayirasii Iboolaaf jedhameeti kan hojjetame.

  8. Moorishees weerara koronaavaayirasii 'injifachuu' labsatte

    Morishees

    Moorisheesitti guyyoota 17’n darban keessatti namni haaraan vaayirasichaan qabame hin jiru jette.

    Kanaaf biyyattiin qabsoo weerara vaayirasichaarratti to’achuurratti gaggeefamu irra aanaa jiraachuushee labsite.

    Haa ta’u malee,waraanni kun guutummaatti hin injifatamne,ammas dammaqinsa of eegu qabna jechuun ministiirri fayyaa biyyatti AFP tti dubbatan.

    Ministirri fayyaa biyyatti hawaasni tarkaanfii fudhatame tumsuu isaaf galaateffatan.

    Ammaas garuu hawaasni of dagachuu hin qabus jedhu.

    Biyyoota Afrikaa jalqaba uggura sochii labsite keessaa tokko turte.

    Manneen kuusaa gartokkeen kan banaman yoo ta’u, gabaan ammas hin dhaabbattu, manneen barnootaas cufaadha.

    Qarqarrii qaama bishaanii turistoonni daawwataanis cufaadha.

    Sirna cidhaa fi awwaalchaarratti namoonni 10 hin caalle akka hirmaachuu danda’an biyyattiin eeyyamteetti.

    Odola Afrikaa kanarratti namoonni 332 vaayirasichaan qabaman keessa 10 du’aniiru.

  9. Leegoos keessatti dubartiin ganna 98 Covid-19 irraa bayyanatte

    Qondaaltonni Naayijeeriyaa, magaalaa Leegoos dubartiin umrii waggaa 98 taate koronaavaayirasiin qabamtee erga yaalamaa turtee booda bayyanachuu ibsan.

    Bulchaan naannawa Leegoos Babajide Sanwo-Olu dubartiin kun namoota biroo 25 waliin giddu-gala tajaajila wal'aansaa Covid-19 keessaa bayyanattee baate jechuun tuwiitara isaaniirratti barreessan.

    Naayijeeriyaatti namoota koronaavaayirasiin qabaman 4,971 keessaa 2,041 magaalaa leegoos keessaati.

    Namoota qabaman keessaa hanga ammaatti 33 kan du'an yoo ta'u 523 bayyanatanii giddu-gala wal'aansaatii ba'aniiru.

    View more on twitter
  10. Amma nu gaheItoophiyaan sa'aatii 24 darban namoota 3,580 qorattee 9 Covid-19 qabamu mirkaneessite

    Asxaa Ministeera Fayyaa

    Itoophiyaan sa’aatii 24 darbetti namoota 3,580 koronaavaayirasiif qorattee 9 irratti argamuu mirkaneesaite.

    Namoota qabamn keessaa afur seenaa imala biyya alaa kan qaban yoo ta'u, sadii ammoo kanneen kanaan dura vaayirasichaan qabamaniin tuttuqqaa qabaachaa kan turaniidha.

    Kan hafan lama garuu seenaa imalaas ta'e tuttuqqaa namoota vaayirasichaan qabamnii hin qaban.

    Namoota qabaman keessaa 5 magaalaa Finfinneerraa yoo ta'an, 4 ammoo naannoo Somaalee irraati

    Itoophiyaatti hanga ammaatti namoonni 272 ta'an kan qabamn yoo ta'u, shan ammoo vaayirasichaan du'aniiru.

    Namoonni kunneen shan dhiira yoo ta'an afur ammoo dubaroota.

    Umuriin isaaniis waggaa 17 hanga 66 gidduu kan jiruudha.

  11. Intalli dubartii Covid-19 irraa bayyanattee dhagaan rukutamte

    Matildaa

    Dubartiin Gaanaa koroonaavaayirasiirraa bayyanatte, akkamiin taateen kun jireenyashee akka miidhe BBCtti himteetti.

    Dubartiin Maatildaa jedhamtu kun, Bitootessa 28 qoonqoo keessa dhukkubni itti dhagahamee gaafa hoospitaala deemtee, rakkoon ishee eegaluus dubbatti.

    ‘Bishaaniifi nyaata liqimsuun dadhabe. Wayitan gara hospitaalaa deemu, na qoratanii vaayirasicha qabda naan jedhan. Baayyees hin dhiphanneen ture. Gara Waaqaa ilaale. ‘

    Ijoolleen intalakoo akka dhagaan reeban natti himte. ‘Ati intala koroonaavaayiras’ ittiin jedhan. Mana keessa turu qabda akka jedhaniin natti himte.

    Daa’ima koof yaadda’uun eegale. Gaafa ijoolleen dhagaan reeban, namoonni kaan gaaddisa mukaa jala taa’anii ilaalu turan. Lubbuushee oolfachuuf jalaa fiigde.

    Gaafan yeroo jalqabaaf gara qe’eetti deebi’u, namni miira gaariin nan ilaalu ture. Amma manaa hin bahu.

    Abbaa warraakoo dabalatee- maatii koo waliin yerookoo dabarsa –ni haasofna, waa hunda waliin hojjenna. Na gammchiisu.

    Ollaatti gurra keennuun hin barbaachisu. Yoo isaaniin dhageessa tahe, akka nama ulfaa tokkootti- gaarii miti.

  12. Mammaaksa guyyuu BBC irraa

    Mammaaksi keenya har'aa kana jetti:

    Quote Message: Shimbirroon allaattii duuba fiigdu, waan allaattiin sodaattu seeti. from Kan nuuf erge Jony JImma - hori buli
    Kan nuuf erge Jony JImma - hori buli

    Isinillee hidhaa kana hordofuun, guca (form) dhumarra jiru guutaa- mammaaksa naannoo keessanitti mammaakaman nuuf ergaa.

    Mammaaksa guyyuu
  13. Buruundii qondaaltooti WHO sa'aatii 48 keessatti biyyattii akka bahaniif ajajje

    Hidhataa

    Buruundiin bakka bu’aa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO)fi ogeessoota fayyaa dhaabbatichaa kan biraa sadii biyyaa ari’atte.

    Xalayaan minisitra Haajaa Alaa irraa baheefi garuu kan hinmallaattaa’iin tokko akka ibseetti, bakka bu’aan WHO Dr Waaltar Kaazaadi Mulomboo fi kanneen isaan waliin hojjatan sadan sa’aatii 48 dhufan keessatti biyyaa akka bahan jedhe.

    Ministirri Haajaa Alaa Buruundii Ezeki’el Nibigiraa bilbilaan gaafatamanii hin haallees, ykn hin mirkaneessinee garuu maddeen Waajira Minisitirichaa BBC’f mirkaneessaniiru.

    Ministirichis sababii maaliif qondaaltonni kunneen akka harii’ataman kan jedhe hinjiru.

    Mootummaan Buruundii garuu tibba koronaavaayirasii kanatti filannoo gaggeessuu kaayyeeffachuu isatti baayyee qeeqamaa jira.

    Guyyaa filannoo Caamsaa 20 gaggeefamuuf jiruufis kaadhimamtoonni pirezidaantummaa biyyattii guutuutti duula na filadhaa gaggeessa wayita jiraniitti malli vaayirasicha ittisuuf kaa’ame tokkolleen jiraachuu dhiibuunis hawaasa keessatti sodaa umeera.

    Gareen Balaa Idil-Addunyaa ibsa Roobii kenneen, mootummaan Buruundii baayyina lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabanamii haalaa jira jechuun balaalleefatee ture.

    Hanga ammaattis namoonni vaayirasichaan qabamuun gabaafame 15 qofaa yoo ta’u, namni tokko du’uun himameera.

    View more on twitter
  14. Tuniiziyaan saatii sochii daangessitee turte kaasaa jirti

    Tuniiziyaan sa'aatii itti socho'amu hayyamamu sababa weera koronaavaayisatiif keessee turte marsaa lamaffaatiif hir'steetti.

    Sochiin guyyaatti sa'aatii 12f baatii darbe dhorkamee ture Roobii galgalarraa kaasee guyyaatti gara sa'aatii 6tti hir'ateera.

    Biyyattiin guyyoota sadan darban keessatti nama haaraa vaayirasiin irratti argame hin galmeessisne.

    Aanga'oonni fayyaa biyyattii akka jedhanitti, namoota dhibee kanaan qabaman keessaa walakkaa kan ta'an fayyanii namoota muraasa qofatu hospitaalatti hafe.

    Hanga ammaa dhorkaawwan itti fufan ni jiru - qophiiwwan hawaasa bal'aa hirmaachisan dhorkaadha, naannolee gidduu deemuufi gabaa gurguddoo deemanii shamatachuun ammoo hayyamaan ta'u. Manneen dhufaatiifi nyaataa ammoo akkuma cufamanitti jiru.

    Guyyoota sadan darban keessa namni haaraan qabame hin jiru