Huccuuwwan moofaan namoonni gatan eessa dhaqu?

huccuu moofaafi maayii hin baasne
Goodayyaa suuraa Huccuuwwan tajaajilaan ala tahan dhumni isaanii Paanipaat keessa

Huccuun uffatamee obbaafame dhumnisaa eessa jettanii yaaddanii beektuu?

Biyyoota guddatanitti, tola ooltummaan huccuuwwan karaa suuqiiwwan ykn karaa baankiiwwan huccuutiin yoo kennitu, isaanis walitti qabuun kanneen rakkataniif kennu yookaan gurguruun qarshii walitti qabu.

Kun egaa huccuu irra deebiin uffatamu yoo ta'u, kanneen tarsa'anii fi obba'an ykn kanneen namuu bituu hin barbaanne hoo, eessa dhaqu sitti fakkaata?

Yeroo mara, gara biyya Hindii bakka wagga waggaan huccuu moofaan biliyoonootaan lakkaawwaman itti gurguramutti ergamu.

Keessattuu, magaalaan kaaba Hindiitti argamtu, Paanipaat ''magaalaa guddittii suphaa huccuu'' jedhamuun beekamti.

Guyyaa guyyaan huccuun ulfaatina toonii dhibbaan lakkaa'amu Ameeriikaa, Ingilizii fi biyyoota biroorraa gara Paanipaat dhaqu.

Qarqara magaalaattiis, konkolaataawwan fee'umsaa hiriiran hedduus ni argita. Huccuuwwan fe'an kanneenis kan fidan magaalaa qarqara galaanaa dhiha Hindiitti argamtu Kaandlaa irraayi.

Daldaltoonni naannoo kanaas isaaniin huccuu 'ciccitaa' jedhuun.

Goodayyaa suuraa Warshaa Shaankaaritti dursa haalluun adda babaasu

Akka ragaan dhiheenya kanaa mul'isetti, Hindiin huccuuwwan tajaajilan galchuudhaan biyyoota akka Raashiyaa fi Paakistaan dursiti.

Biyya Hindiitti, huccuuwwan moofaan gareewwan lamaan gara biyyaatti galu. Inni jalqabaa kan dhumate yoo ta'u, inni kaan ammoo kan uffatamuu danda'udha.

Oomishtoota huccuu biyya keessaa jajjabeessuufis, qaamooleen huccuuwwan uffatamu danda'an gara biyyaa galchan heeyyama mootummaa isaan barbaachisa. Heeyyamni kunis kan kennamu yoo kan bitu sun huccuu Hindii keessatti hin gurguramne, garuu gara biyya alaatti kan ergaman ta'u mirkannesseedha.

Haata'u malee, huccuuwwan gara biyyattii galan harki caalu, kanneen ciccitan waan ta'aniifu heeyyama isaan hin barbaachisu.

Warshaalee irra deebiin hojiirra olchan keessaa tokko, Warshaa Suufii Shaankaar keessa yoo deddeemtan tullaawwan qulfii halluu garaa garaa irra deemtu.

Tullaawwan jaakkeetii, qamisiiwwan, baarmeexaa, yuunifoormii manneen barnootaa fi huccuuwwan gosa adda addaatu mul'ata. Huccuuwwan biyyoota biraatti tolaan kennaman hedduun isaanii manni isaanii asi.

Goodayyaa suuraa Kanneen moofa'an hedduun uffata qorraa oomishuuf oolu

Kana boodas huccuuwwan kanneen haaluma halluu isaaniitiin adda baafamu.

Achumaanis, dabareedhumaan gara maashiniitti ergamu.

"Nutis wanta harki namaa hojjachuu hin dandeenye akka raawwatuuf gara maashiniitti ergina. Huccuwwan akka bututtuu xinnootti ciruuf.

"Ergasiin boodas maashiniin jalqabaa gara maashinii isa guddaatti dabarsa. Kunis gosoota uffata kamiyyuu - jirbii, suufii fi kanneen biroo walitti qabuun erga humnaan naanneesee booda gara fo'aa tokkootti geeddara,'' jedha hojii gaggeessaan Warshaa Suufii Shaankaar, Ashiwiinii Kumaar.

Tokkoon tokkoo uffata toonii 3 (kiloogiraama 3000) irraa oomisha maraa gara toonii 1.5tu baha. Kunis egaa kan deebii'ee huccuu ta'u dha.

Huccuun kunis baay'inaan kan oolu uffata qorraa omishuufi.

"Uffanni qorraa kunniinis yammuu balaawwan akka- sunaamii, obonboleetti hamaa ykn kirkirri lafaa mudatutti, adduunyaa irra yoo raabsamu kan agartuudha,'' jedha Obbo Kumaar.

Yookaan ammoo uffanni qorraa kun namoota harka-qalleeyyiitti qarshii 50 gadiin gurgurama.

Goodayyaa suuraa Industiriin kun gadi bu'aa jira

Wantoota asitti omishaman irra caalaa kan fayyadamu Afriikaadha. Daldaltoonni Hindii hedduun isaanis yeroo baayyee nama oomisha isaanii irraa bitu barbaacha gabaawwan biyyoota Afriikaa dowwatu. Gabaan biyya keessaa jiraatuus baayyee gadaanaadha.

Gatiin huccuuwwan kanneen biyya alaatii ittiin galchan baayyee salphaa ture. Yeroo dhihootii as garuu hojii bu'aa qabeessi kun, gatiin isaa baayyee dabaluunsaa oomishtoota akka Kumaariitti yaaddoo ta'aa jira.

''Erga tokko Hindii galee kaasee baasiin ittuma ida'amaa deema. Gibira, geejjiba, mankuusaa, ibsaa fi humni namaa ittuma dabalama. Maamiltoonni keenya Afriikaa keessaa ammoo uffata qorraa rakasaan barbaadu. Nutis gatii gadi hir'isuuf yaalaa jirra.''

Industirii kana rakkoon biraas mudataa jira. Innis dorgommii gosa huccuu polisteer nam-tolchee fi rakasaa irraayi.

Paawaan Gaarg, pireezidantii Waldaa Oomishtoota Huccuu Hindiiti. Akka isaan jedhanitti, industiriin kun haala guddaa taheen hir'achaa dhufeera.

''Wanti nuti asitti hojjechaa jiruu hojii barbaachisaa ta'edha. Osoo nuti tullaawwan huccuu gataman kanneen itti hinfayyadamne ta'ee, waa'ee dhiibbaa inni naannoo irratti qabaachu malu yaadaa."