Seenaan dhufaatii Inshuuraansii adduunyaa maal fakkaata?

Mana Bunaa Taawar Istiriit Landanitti yeroo hojii jalqabe
Goodayyaa suuraa Mana Bunaa Taawar Istiriit Landanitti yeroo hojii jalqabe

Ija seeraatiinis ta'e aadaadhaan tirgaa fi beenyaa gidduu adda addummaan akka jiru hin shakkamu.

Ija diinagdeetiin yoo ilaalamu garuu, lamaanuu tokkuma. Sababiin isaas, wantoota hin mirkanoofnee fi gara fuulduraatti ta'uu malu jedhamanii yaadaman irratti hundaa'uun jijjiirraa qarshii taasisuuf waliigaluu waan ta'eefi.

Meeshaaleen tirgaa/qumaaraaf ta'an waggoota kuma shaniin dura biyya Masirii/Gibxiitti itti fayyadamamaa akka turee fi dhaabbileen beenyaas yeruma sanatti akka jalqabamuu hin oolle himama.

Jabanuma sana keessa Chaayinoonni mala balaa daldala isaaniirra gahu ittiin hir'isan fayyadamaa turan. Kunis daldaalaan tokko meeshaalee isaa hunda doonii tokkotti fe'uurra, qoqqooduudhaan doonii addaa addaarratti fe'ata.

Yoo akka tasaa dooniin tokko dhidhime, meeshaaleen doonii biraa irratti fe'aman ni baraaramu, miidhaa qaqqabus daldaltoota hedduutu waliin qooddata jechuu dha.

Inshuraansii akka waliigalteetti mallatteessanii ittiin hojjechuu garuu baroota heddu booda warra Roomaatu eegale.

Dheebuu odeeffannoo

Bara 1687tti namni Eediwaard Looyid jedhamu, buufata doonii Landan biratti mana bunaa Taawar Istiriit jedhamu bane. Manni bunaa kunis, bal'aa fi odeeffannoo wal jijjiiruuf mijataa waan tureef, daldalli sirriitti ho'e. Abbootiin qabeenyaas achitti wal ga'uun haasa'uu eegalan.

Oduu achiitti odeeffamu keessaa inni guddaan waa'ee dooniiwwanii fi isaan wal qabatutu caala ture. Dooniin kam maal fe'ee dhufaa akka jiru, yoom akka achi ga'u akkasumas nagaan ga'emoo hin geenye kan jedhu ture.

Qarshii qabsiisanii waliin morkuu fi booda tirgaa/qumaara taphacuun illee baramaa dhufe.

Namoonni mana bunaa sana dhufaa turan buna dhuguuf qofa osoo hin taane, odeeffannoo wal jijjiiruufis akka dhufan Eediward Looyid hubatee ture.

Kanumarraa ka'uunis namoota odeeffannoo waa'ee doonii fi galaanaa sassaaban qacaruudhaan, barruu xiqqaa tokko maxxansuu eegalan. Barruun kunis beekamtii guddaa argachaa dhufte.

Kaappiteenonnii achitti wal gahan seenaa walii qooduu fi turtii keessa ammoo doonii walirraa bituu fi walitti gurguruun achumatti eegale.

Donii isaaniirra balaan yoo gahe beenya walii kaffaluufis waliigaltee walii mallatteessuun eegalamee, manni bunaa Looyid bakka haasaa fi bashannanaa irraa gara waldaa Inshuraansii Looyiditti jijjiiramte.

Looyid wayita amma maqaalee Inshuraansii London keessatti beekamtii guddaa qaban keessaa tokko.

Goodayyaa suuraa Magaalaa Landanitti kan argamu dhaabbata Inshuuraansii Looyid

Waldaaleen beenyaa hundi garuu tirgaadhaan hin eegalle. Fakkeenyaaf waldaan walgargaarsaa qonnaan bultoota Aalpeeyin, jaarraa 16ffaa keessa qonnaan bulaa daa'imni yookin loon duraa miidhame akka bayyanatuuf, qarshii waliif gumaachaa turan.

Kanumarraa ka'uunis dhaabbilee beenyaa bebbeekamoo ta'an magaalota Muuniikii fi Zuuriik keessatti hundeessanii jiru.

Dhaabbileen iinshuraansii jiraachuun isaanii namoota sirriitti itti fayyadamaniif boqonnaa sammuu kennuurra darbee, guddina diinagdee biyya tokkoof gumaachi isaa olaanaa dha.

Inshuuraansiin Itiyoophiyaa keessatti jalqaba jaarraa 20ffaa keessa abbootii qabeenyaa biyyoota Awurooppaa kan akka Ingliiz, Faransaay, Xaaliyaanii fi kan biroo irraa dhufaniin akka eegalame qorannoowwan ni mullisu.

Bara 1951, walta'iinsa mootummaa fi abbootii qabeenyaa biyya alaatiin yeroo jalqabaaf dhaabbanni inshuuraansii biyya keessaa kan hundaa'e.