Barbaachisummaa yeroo hubachuun maaliif fayyada?

Sa'aatii Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Sa'aatii

Hubannoon nu yeroodhaaf qabnu sochii pilaaneetotaa irratti hunda'eeti. Waa'een guyyootaa fi waggootaa lakkaa'uu utuu lafti oorbitii ishee eggattee biiftuutti akka naannooftu hin beekamiin waggoota heddu dura ni beekama ture.

Bahuu fi lixuun addeessaa namni hubbannoo baatii ykn ji'aa akka qabaatu taasise. Yeroo biiftuun samii keessa qaxxaamurtu ammoo 'waaree' ykn 'saafaa' taa'uu isaatu beekna. Kun bakka nu itti argamnu irratti hundaa'us.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Kubaaniyyaan daandii baabura sa'aatii sirriitti hordofanii eeguu irratti haalaan hojjetu turan.

Uumamaan namoonni kan sa'aatii isaani sirreeffatan haaluma naannoo isaanii irratti hunda'uudhaan. Haa ta'u male, nama naannoo biraa keessa jiraatu wajjiin walitti dhufuun yoo yadame garaa garummaan sa'aatii waan jiraatuuf wal qunnamuu irratti dhiibbaa uumuu danda'a. Kana jechuunis garaa garummaa yerooti malee 'yeroon sirriin hin jiru' kan nu jechisiisu miti.

Rakkina Fageenya bahaa-Lixa ka'uumsa lakkoofsa sa'aatii

Waa'ee sirriitti sa'aatii lakkaawuu ilaalchisee, namni lammii Daach Kiristiyaan Huyigeensi jedhamu bara 1656 bal'inaan irratti hojjeteera. Garuu, baroota kana duras sa'atiin yeroo lakkaa'u tureera.

Sa'aatiin bishaaniin lakkawamu kan jalqabame bara qaroomina Masirii kaasee hanga bara Peershiyaa kan har'a Iraan jedhamuun bekamtuutti ture. Biyyoonni biroon ammoo dungoo irratti mallattoo gochuudhaan sa'aatii lakkaa'u turan. Kun hundumti iyyu mudaa mataa isaanii fi dogoggora uuman ni qabu turan.

Sa'aatiin inni sirriitti lakkaa'a jedhamu illee hanga daqiqaa 15 ta'u guyyaatti ni dogoggora ture. Kun Moloksee kadhannaaf sa'aatii eeguuf rakkoo ta'uu dhiisuu mala.

Haa ta'u malee, bakki sirrumaan sa'aatii beekuu dhabuun rakkoo diinagdee guddaa itti fiduu malus jira. Imala bishaan irraa.

Imala bishaanii irratti yeroo baay'ee kallattii biiftuu ilaaluudhaan fageenya Kaabaa - Kibba jiru herreganii kan bira gahan yoo ta'u, bahaa hanga dhihaa kan jiru garuu ni tilmaamu turan.

Tilmaamni akkanaa kun ammoo yeroo bay'ee dogoggora uumuun balaa sukkanneessaa isaanii fi qabeenya fe'anii deeman irraan gahaa tureera. Sa'aatii imaltoonni dachee bira geenya jedhanii tilmaamaniin dursanii gahuun utuu hin yaadamiin dacheen walitti bu'uun balaa gurguddaan mudateera.


Yeroo Sirriitti beekuun attamiin nama gargaara?

Giddu galeessa do'annaa hawaa kan magaala Landan keessatti argamuu 'Greenwiich observatory' jedhamuun beekamutti walakeessa guyyaa (waaree) ta'uusaa yoo beekte - biiftuu ilaaluudhaan, garaa garummaa yeroo heerreguudhaan fageenya jiru beekuun ni danda'ama.

Sa'aatiin Peendulamii nama Huygeensi jedhamuun hojjetame sa'aatota duraan hojjetaman caalaa harka 60'n kan yeroo sirriitti himuu dha. Ta'us ammoo, guyyaa tokko keessatti dogoggora sakandii 15 qaba. Kun imala yeroo dheeraaf godhamu keessatti yoo walitti-qabamu guddaa ta'a. Akkasumas, pendulamiin doonii imalaa jirtuu tokkos sochii irraa kan ka'e haala eegamutti hojjechuu dhiisuu danda'a.

Image copyright Alamy
Goodayyaa suuraa Sa'aatii peendulamii kan Huuygeens hojjete, harka 60 sirritti kan himu dha

Rakkoon fageenya bahaa-lixaa ka'uumsa sa'aatii (longitude)tiin dhufu warra bishaan irra imalan biratti rakkoo guddaa ture. Kana ilaalchisuunis, Mootiin Ispeen nama furmaata kana argatuuf badhaasa guddaa gochuuf waadaa galee ture.

Bara 1700 keessa lammiin Ingiliiz, Joon Haarisan sa'aatii yeroo sirreesse lakkaa'u hojjechuun badhaasa mootummaa Ingilizii irraa kan argate yoo ta'u, sa'aatiin inni hojjate sunis guyyaa tokko keessatti sakandii 2 qofaa dogoggora ture.

Image copyright Alamy
Goodayyaa suuraa Sa'aatii geejjiba bishaan irraaf gargaaru kan Joon Haarison hojjete

Booda keessa ammoo biyyoonni adunyaa lakkoofsa yeroo waalta'aa idil-adunyaa, kan naannoo adda addaa irra fudhatame bu'ura godhachuun sa'aatii sirri jechuun irratti waliigalaniiru.

Milisakandiin maaliif barbaachisa?

Bara Huyigeensi fi Haarisanii jalqabee sa'aatiin dogoggora malee lakkaa'u hanga har'aatti fooyya'aa dhufeera. Lakkoofsi yeroo UTC jedhamu waalta'aa fi idil-adunyaa kan atoomikii irratti hundaa'ee sa'aatii safaru yoo ta'u, garaa garummaa xiqqoo hanga sadarkaa elektiroonii tokkoo osoo hin dogogoriin kan safaruu danda'uu dha.

Akkas sirrii ta'uun isaa maaliif fayyadaa?

Sa'aatiin namoonni harkatti hidhatanii adeeman bareedinaa fi qabeenya agarsiisuu irra darbee, akka nama tokkootti milii sakandiidhaan lakkaa'uun isaa waan baayyee nu fayyadu hin qabu.

Haa ta'u malee, miliisakandiin bakka inni faayiidaa gudda itti qabu jira. Fakkenyaaf, dorgoommii figichoo keessatti bu'aan milii sakandiin qabu olaanadha. Miliisakandii 1000 sakandii 1 yoo ta'u, garaa garummaa kanattis atileetoonni wal dursu danda'u.

Sa'aatiin dogoggora malee sirriitti hojjatus akkaataan hojii komputaraa fi qunnamtii haalaan akka jabaatu taasiseera. Geejjiba bishaan gubbaafis ta'e baaburaatiif faayidaa walfakkaataa gumaacheera. Yeroo ammaa kanatti kallattii biiftuu ilaaluun imaluun hafeera; sababii malli GPS jedhamu jiruuf.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Teknooloojiin GPS geejjiba irratti jijjirama guddaa fideera

Yeroo ammaatti imalli bishaan gubbaa hojiin siyaasaa fi k.k.f hundi teekinooloojii ammayaa kanaan jijjiirama guddaa argateera. Haa ta'u malee, kun hundi kan sirriitti hojjechu danda'u gaafa saatalaayitoonni hundi yeroo irratti waligalan ta'a.

Ammallee ammayyoomni sa'aatii ittuma fufa.

Dhihoo kanattis saayiintistonni sa'aatii biraa hojjataniiru. Kunis qabiyyee yiterbiyam (ytterbium) jedhamu irratti hundaa'e yoo ta'u, irra caalaa dogoggora irraa bilisa kan ta'e dha.

Malli caalaa wayyaa'uun dogoggora irraa bilisa ta'ee hojjatame kun, gaffii jijjiirama diinagdee ammaa fi boodaa hangam fida laata? jedhuuf deebiisaa yeroon kan himu ta'a.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata

Naannawaa BBC