Angafa dureessootaa Jaakoob Fugariin wal baraa

Fakkii Jaakob Fugar Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Akka galmeen seenaa isaa ibsutti, har'aa kana Doolaara Biiliyoona 400 qabaata ture

Osoo har'a lubbuun jira ta'ee, qabeenyi Jaakoob Fugar (1459-1525) ida'ama qabeenya biliyanaroota wayita ammaa Biil Geetis, Waaran Baafeet, Kaarloos Islimii fi Maark Zuukarberg ni caala ture.

Seenaa nama kanaa kan galmeessu Gireeg Isteeyinmeetz akka jedhutti, yeroo lubbuun turetti Jaakoob Fugar abbaa qabeenyaa baankii fi daldalaa ture. Namichi lammii biyya Jarmanii kun, maqaa masoo ''Sooreessicha'' jedhamuun beekamas ture.

Qabeenyi inni wayita sana qabu har'atti doolaara biiliyoona 400 baasa.

Gulaalaa "The Wall Street Journal" kan ture Isteeyinmeetz, 'Seenaa keessatti dureessicha yeroo maraa' jedhaan. Kitaaba waahee Fugar bara 2015tti barreessees kanumaan moggaaseera.

Dureeyyii yeroo adda addaa keessa jiraatan wal-madaalchisuu namootni hedduun gaaffii keessa haa galchan malee, Isteeyinmeetz garuu waan tokko irraa shakkii hin qabu.

''Jaakoob Fugar mamii tokko malee seenaa dhala namaa keessatti abbaa qabeenyaa baankii humna-qabeessa tahe dha.'' jechuun BBCtti himeera.

Sababni isaa maali?

''Bara Fugar lubbuun jiru sana, addunyaan to'annaa qaamolee lamaa jala turte: mootii Impaayera Roomaa fi Phaaphaasii Kaatolikaa. Fugar lachansaanii maallaqaan deeggara ture.'' jedha Isteeyinmeetz.

Image copyright Simon & Schuster
Goodayyaa suuraa Qola Kitaaba Galmee jireenyaa Fugar, Gaazeexessaa Isteeyinmeetziin barreeffame.

Akka ibsa barreessaa kitaaba kanaatti seenaa kamiyyuu keessa abbaan qabeenyaa baankii akka Fugaritti siyaasa keessatti dhiibbaa olaanaa qabu hin turre.

''Fugar mootiin Ispeen, Chaarlas Duraa, mootii impaayera Roomaa akka tahuuf murteessee ture. Kanaanis milkaa'eera.''

''Chaarlas 5ffaan 'Addunyaa Haaraya' yookaan Ameerikaa koloneeffattee osoo gara aangootti hin dhufne tahee, seenaan addunyaa kan ammaa kanarraa adda ta'a ture.'' jedha Isteeyinmeetz.

Maaliif wallaalame?

Tarii namoota muraasatu waa'ee angafa dureessotaa Jaakoob Fugar dhagahe. Sababni inni duraa, akka Isteeyinmeetizitti, lammii biyya Jarmanii ta'uusaati. Kunis waa'eensaa warra Afaan Ingiliizii dubbatan biratti akka hin beekamne taasise.

Sababni olaanaa namoonni biyya biraa keessa jiran Fugariin wallaalanif, akka namoota babbeekamoo jabanasaa keessa turanitti of mul'isuuf hin carraaqu ture.

Phaaphaasii tahuufis tahee aangoo siyaasaa qabachuuf hin tattaafanne. Akka warra kaanii manneen babbareedan gurguddoo fi kaatediraalota hin ijaarre.

Hojiinsaa kan baay'ee beekamaa ta'e piroojaktii manneen hawaasaa Fugaraayi jedhamu dha.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Piroojektiin manneen hawaasaa Fugaraay, waggoota 500'n booda har'as, namoonni keessa jiraatan waggaatti Doolaara 1 qofa kaffalu.

Piroojektiin manneen hawaasaa kun iddoo itti dhalate magaalaa Ogisbarg, kibba Jarmanitti argamtutti hojjateedha. Piroojektiin kunis waggoota 500'n booda har'as kan jiru yommuu tahu, namoonni soorama bahan waggaatti Doolaara 1 qofa kaffaluun keessa jiraatu.


Addunyaaf maal gumaache?

Baay'een keenya beekuu dhiisuu dandeenya malee, wantoota inni gumaache har'allee arguu dandeenya. Kanneen keessaas shanan kunoo:

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Fugar yeroosaatti baay'ee beekamaa ta'uusaarraan kan ka'e, artistoota bebbeekamoo yeroo sanaa Durarifi Haans Holbeeyin jedhamaniin fakkiinsaa kaafameera

1. Kaampaanii Idil-addunyaawaa jalqabaa uumeera

Yeroo sanatti sochiin daldalaa hagas mara hin turre. Maallaqa qabu fayyadamuun, Fugar waliigaltee albuuda baasuu taasiseera. Kanaanis daldala kopparii fi meetii dhuunfachuu danda'eera.

Kana malees, mi'eessituuwwan adda addaas daldaleera. Hundeessitoota sirna Kaappitaalizimii keessaa isa tokko jechuudha.

2. Tajaajila oduu isa jalqabaa hundeesseera

Fugar gatii odeeffannoon qabu nama sirriitti hubate ture. Gama kanaanis morkattoota isaan durfamuu hin barbaanne.

Hojjattoota isaas waa'ee daldalaa fi siyaasa magaalota adda addaa odeeffannoo akka fidaniif kaffalaafi ture.

Dhaaltonni isaas hojii kana itti fufsiisuun Barruu Fugar hundeessan. Kunis seenaa keessatti akka namoota tokko tokkotti gaazexaa isa jalqabaati.

3. Qusannaa baankii keessaa hundeesseera

Dureeyyiin yeroo sanaa kanneen akka Meedichii jedhaman baankii qabu turan. Ta'us Bataskaanni Kaatolikaa dhala hin heeyyamtu turte, akka cubbuutti ilaalama waan tureef.

Fugar garuu Phaaphaasii yeroo sanaa kan turan Liyoo 10ffaa amansiisuun, maamiltoonni baankii Ogisbargitti yogguu qusatan dhala waggaa %5 akka argatan taasiseera.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Manni dhiqannaa gamoo Fugar Ogisbargitti argamu, baay'ee guddaafi bareedaas ture.

4. Abuurtoota maallaqaan deeggareera

Yeroo Kolombas Ameerikaa abuureetti, Fugar nama umurii waggaa 33 ture. Faayidaa abuuruun diinagdeef qabu hubachuun abuurraa jalqabaa Hindiitti godhame maallaqaan deeggareera.

5. Riifoormeeshinii jalqabsiisuuf sababa ta'eera

Fugar Vaatikaan waliin daldala godhu keessaa tokko gurgurtaa tikeeta ittiin Waaqa biraa araara argatan ture. Kun sababoota gurguddoo ka'uumsa Riiformeeshinii keessaa isa tokko yoo ta'u, Maartiin Lutar hojimaata kana mormuun Riiformeeshinii erga kaasee barana waggaa 500 guuteera.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan