Geetuu Kootuu: Weellisaa qaro-dhabeessa Finfinnee keessatti Afaan Oromoon sirbu

Geetuun oyruufi kondominiyamii waliin
Goodayyaa suuraa Geetuun taphataa maasinqoo magaalaa Finfinnee keessatti jiraatudha

Qaroo dhabuun, namni tokko fedhii keessa isaa jiru akka fiixaan hin baasneef, dhorkuu danda'aa laata? Mee Geetuu Kootuutiin walbaraatii, gaaffii kanaaf deebii ni argattu.

Geetuun ganama barii ennaa manaa ba'u, waan bahuuf galmaan gahatee deebi'uuf hedduu carraaqa. Obboo Geetuun Oromiyaa, Godina Shawaa Kaabaa, iddoo Qimbibit jedhamutti dhalatee, guddate. Ijoollummaa isaatiin ture qaroo kan dhabe - sababa dhibeetiin.

Xiiqii

Namicha tokkotu ganda Geetuu fa'ii dhaqee cidharratti masiinqoo taphachaa uummata bashannansiisa ture.

Innis keessa isaa fedhii guddaan waan jiruuf namicha kanaan, 'maaloo masiinqoo kee naaf ergisiitii nan taphadhaa,' jechuun gaafate. Namtichis daa'imummaa isaa tuffachuun achii hari'a.

Geetuunis aarii namicha sanaatiin hiriyoota isaa waliin ta'uun, meeshaalee gataman kanneen akka qorqoorroofi muka funaanuun masiinqoo hojjachuun taphachuu jalqaban.

''Ijoolleen waliin jalqabne na biraa hafan. Ani garuu ittuman fufe,'' jedha Geetuun ennaa kutannoo inni waa galmaan gahachuu qabu ibsu.

Meeshaan kee Miidiyaa taphachiisuu hin danda'u
''Qaroo dhabuun takkaa natti ulfaate hin beeku: Geetuu Kootuu

'Moggaasa'

Albamiin Geetuun kan yeroo jalqabaaf bara 1998 baasee waa'ee Magaalaa Finfinnee dubbata ture. Inni akkamiin maqaawwanni iddoowwan garaa garaa Finfinnee keessaafi naannawa ishee mootota duriin akka jijjiiramanii moggaafaman kan himudha.

''Maqaalee duraan turan gara walalootti jijjiruunan ture albamii koo kan duraa kanan hojjedhe,'' jechuun waa'ee albamasaa gammachuun BBCtti kan hime. Fakkeenyaafis:

''Qarsaadhaan Markaatoo jedhee maqaa itti baasee,

Caffee Aannaniin, Meeksikoo jedhee maqaa itti baasee,

Caffee Araaraatiin Jaan Meedaa,

Ruufa Mujjaan, Shiroo Meedaa,'' jechuu nuuf eeree jira.

Goodayyaa suuraa Furtuun Addunyaa tanaa ija jedheetan fudhadha.

Bu'aa ba'ii

Bara 1987 gara Finfinnee dhufe. Umriisaa 17tti, qaroo dhabeessa ta'uunsaa, akkasumas Afaan Oromoo qofa dubbachuunsaa rakkoo cimaa itti ta'e. Manneen daadhii adda addaarra naanna'uun sirbuus eegale.

''Seenaa adda addaa qorachuun ofuma kootiin muuziqaawwan koo qopheessa. Namni na qarqaare hin jiru.''

''Furtuun addunyaa tanaa ija jedheetan fudhadha. Garuu inni sun na hin mo'anne. Gaaf tokkollee natti ulfaate jedhee hin jiru. Bu'aa ba'iinsaa baay'eedha.''

Sirboonni isaa maal fa'i irratti xiyyeeffatu?

Akkuma artistoota muuziqaa Oromoo biroo, Geetuunis waa'ee jaalalaa, quuqama sabasaaf qabu, siyaasa, qoosaa, akkasumas dhimmoota hawaasummaa adda addaa irratti xiyyeeffachuun sirboota isaatiin ergaa dabarfata.

Jaalala

Waa'een jaalalaa nama hunda akka tuqu dubbata Geetuun. Sirba isaa keessattis akkas jedheera:

''Shaawulee, yaa Shaawulee,

bareedduu akka ulee.

Hurutaa gamaa buburraaqanii,

Koottuutii na dhungadduu,

durattuu maqaa nurra tuulanii.''

Goodayyaa suuraa Geetuun manneen daadhii Finfinnee keessatti uummata bashannansiisa

Hawaasummaa

''Birrii naa fiddi jettee,

Lafa gurgurtee niitii Arabatti erguu dhiisii yaa 'gabaree'.

Faranjiin 'hojjattuu' fakkeechee niitii godhachuu 'jalqabe.''

Baacoo

''Hiriyaa dhugaatii manatti hin barsiisin,

Alatti afeerrii gaggeechii malee.

Niitii si jalaa tuttuqaa,

Gaafa manakee keecha bare.''

Oromummaa

''Beenuu Baalee Roobeedhaan si geessaa,

Seenaa Waaqoo Guutuun sitti odeessaa.

Beenuu Shawaa Salaaleen si geessaa,

Taaddasaa Birruudhaan sitti odeessaa.''


Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Qaroo dhabeeyyii guddoo milkaa'an keessaa Istiivii Wondar isa angafa

Artistoonni muuziqaa qaroo dhabeeyyii waltajjii idil addunyaarratti milkaa'an muummee hin qaban. Kanneen keessaas:

  • Bilaayind Leeman Jefarsan
  • Istiivii Wondar
  • Reey Chaarlas
  • Nobuyuukii Suujii muraasa maqaa dhahuun ni danda'ama.

Akka Geetuun jedhutti, isaa fi nama tokko kan biraa qofatu magaalaa Finfinnee keessa Afaan Oromootiin sirba. Yeroo ammaa Geetuun manneen daadhii magaalaa Finfinnee keessa jiranirra naanna'uun maamiltoota Afaan Oromoo beekanii fi kanneen hin beeknees bashannansiisuu isaa itti fufeera.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata