Mallattoon koodii daldalaaf gumaata ni qabaa laata?

A bar code Image copyright iStock
Goodayyaa suuraa Koodii Mallattoo

Bara 1948, Instiitiyuutii Direeksel Filaadelfiyaatti barataa waggaa xumuraa kan ta'e Jooseef Wuudlaand, waa'ee rakkina daldaltoota biyya keessaa mudatu yaadaa ture.

Attamiin akka adeemsi sakkatta'iinsaa harkiifataan saffiisaan mankusaawwan keessatti akka gaggeefamuu danda'u yaade.

Dargaggeessi colleen kun bara waraanaa, piroojektii Maanhaatan jedhamu irra kan hojjatee fi muziiqaa liftii fi bakka namni baay'atutti xabachiifamuuf sirna fooyya'aa kan wixneessee ture. Garuu hin beekamne ture.

Isaan booda, akkawoowwan isaa gaafachuu deemee osoo qarqara galaanaa ta'aa jiruus qubni isaa akka tasaa cirracha irra buunaan,yaadi tokko gara sammuu isaatti dhufe. Akkuma kodiin Morsee jedhamu ergaa dabarsuuf xuqaa fi daashiitti gargaarame, innis sarara qalloo fi furdaatti fayadamuun odeeffannoo dabarsu akka danda'u yaade.

Koodiin ija sangaa fakkaatu bifa adii fi gurraachaan sararame omisha tokkoo gatii isaa waliin ibsuu danda'u, kan maashiniin dubbisu uumuu yaade.

Yaadichi kan hojjachu danda'u dha, garuu teknooloojii bara sanaatiin kan gatii guddaa gaafatu ture. Haa ta'u malee, haaluma kompiitarri fi meeshaan ifa carrallaa maddisiisu fooyya'aa dhufeen, haallichis caala dhugaa ta'aa dhufe.

Image copyright IBM
Goodayyaa suuraa Yooseef Wuudlaand bara 1952tti yoo galmeessittuu isaa ibsu

Mala fakkiiwwan sararaa dubbisu irra deebi'amee uumamee, yeroo gara yeroottis fooyya'aa dhufe. Bara 1950tti maandisni Deeviid Koliins jedhamu akka konkolaattota karaa biraatiin dhufanitti dafee mul'atutti daandii baaburaa irratti sarara qalloo fi furdaa kaa'ee.

Jalqaba bara 1970tti ammoo, maandisni IBM Joorji Loorar mallattoo ija sangaa Wudilaand uume irra roga-arfeen caalaatti hojjachuu akka danda'u hubate.

Innis mala ifa carralaa fi kompitarootatti fayyadamuun meeshaalee maqaan itti kenname iskaanariin dubbisee adda baasu kalaqe.

Omishootaa fi Daldaltoota

Wixineen Jooseef Wuudlaand qarqara galaanaatti wixines teekinooloojii dhugaa ta'e. Marii muraasaan boodas industiriiwwan shaqaxaa Ameerikaas koodii omishaa idil adduunyaa (UPC) waalta'aa irratti walii galan.

Image copyright Alamy
Goodayyaa suuraa Omisha maastikaa jalqaba koodiin gurgurame

Dhimmichi bara 1974tti Ameerikaa Magaalaa Ohaayoo giddugala gabaa Maarshaal jedhamu keessatti hojiirra ole. Achittis yoo yeroo jalqabaatiif gatii maastiikaa baakkoo 10 maashina mallattoo dubbisuun gargaaramuun battalumatti galmeessuun danda'ame.

Humna Geeddaruu

Maastikichis gurgurame. Koodiin mallattoos ni dhalate. Nutis koodii mallattoo akka teknooloojii salphaa baasii hir'isuutti yaadu dandeenya. Giddugallawwan gabaa akka daldalli isaanii caalaatti bu'a qabeessa ta'uu fi nutis akka gatii gad-aanaa arganu nu gargaara.

Garuu meeshaa mallaticha dubbisu dhaabuuf baasiin isaa qaalii dha. Akkasuma baakkoo koodii mallattootiin irra deebiin wixineessunis qaalii dha.

Daldaltoonni hanga omishtoonni koodii mallattoo omishicha irra kaa'anitti meeshaa koodii kanneen dubbisu dhaabu hin barbaadan. Omishitoonni ammo hanga daldaltoonni meeshaa mallaticha dubbisu haala gahaan dhaabaniitti koodii itti hin maxxansan.

Kusaa xinnoo maatiin hogganuuf meeshaan koodii dubbisu baayyee qaalii dha. Gidduugalawwan gabaa gurguddoon garuu gurgurtaa baayyee keessaa gatii meeshaa kodii dubbisu bitachuu danda'u.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Daldala xiqqaaf teknolojii koodiitti fayyadamuun qaalii dha

Gurgurtaa maashinaan hin deggaramneen warri gurguran tarii maamiltoota isaanii caalaa kanfalchiisuun osoo hin galmeessiin gara korojoo ofiitti galfachu danda'u. Garuu koodii mallattoo fi sirna meeshaa dubbisuutiin amalli akkasii kun ni qabama.

Bara 1970 yeroo qaala'iinsi olaanaa Ameerikaatti mudate, Gidduugalawwan gabaa osoo koodii mi'a hunda irraa hin kaasiin, dulaba irra kaa'amu irratti gatii haaraa maxxansuun jijjiirra gatii raawwachuu danda'aniiru.

Bu'aawwan madaallii

Bara 1970 fi 1980moota keessa akkuma koodiin omishaalee babal'ataa adeemeen daldaltoonni gurguddoonis baay'ataa dhufan.

Galmeen maashinii hordoffii fi meeshaalee yeroon qaqqabsiisuu dandeessisee jira. Gatii omishaalee garaa garaas gadi buuseera.

Bara mallattoon koodii baramettis, hojiin bal'aa, kan gosa baay'ee fi walxaxaa akkasiin salphate.

Tarii fayidaan isaa ifatti kan mul'ate bara 1988 wayita kusaan gatii gadaanaa Wal-Mart nyaata gurguru jalqabuuf murteesse ture.

Amma inni Ameerikaatti bakka gurgurtaa omishaalee olaanaa fi daldalaa guddaa addunyaa kanaati. Wal-Mart koodii mallattoo hojiirra olchuu kan eegale, adeemsa kompitaraan deegarame fi bulchiinsa galmee irrattis baasii olaanaa baasaa jira.

Koodiin mallattoos haala daldalli ittiin sirriitti raawwatamu qofa osoo hintaane, daldalli attamii akka bu'a qabeessa ta'ellee kan geedareedha.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan