Kalaqni waraqaa gumaata guddina adunyaatiif taasise qabaa laata?

Johannes Gutenberg circa 1455. Image copyright Getty Images

Mee haalawwan kumaatama waraqaatti fayadamnu haa yaadannu. Kan baraman kitaaboolee fi gaazeexaa maxxansuu fi xalayaa barreessuu fa'ii dha.

Hojiin maxxansaa tajaajila waraqaa isa duraa qofa dha. Waraqaan Poostaroota fi suuraalee gara garaan keenyan manaa ittiin bareechuu dabalatee tajaajiloota heedduuf olaa jira. Bunaa fi Shaayee ittiin calaluu, aannanii fi cuunfaan saamsuu fi meeshaa akka saanduuqaa waraqaa furdaa akka kaartoonii irraa hojjechuuf itti fayyadamna.

Waa'ee madda waraqaa bu'a qabeessa kanaa baruuf , waggoota 2000 gara duubaatti deebi'uu qabna. Chaayinaatti.

Jalqabarratti Chaayinoonni meeshaalee gati jabeeyyii ittiin golguuf waraqaatti fayyadamaa turan. Achiin booda garuu, waan gatiin waraqaa kan shimalaa fi kan arriitiin gadi tureef namoonni irratti barreessuuf itti fayyadamuu jalqaban.

Biyyoonni Arabaas yeruma sana barreefamaaf itti fayyadamu yoo jalqaban, kiristiyaanoonni Awuroopaa ammo gogaa irraatti waan barressaa turaniif dafanii waraqaa hin fudhanne. Gogaa irratti barressuun immoo heddu gatii cimaa gaafata ture. Fakkeenyaaf, Macaafa Qulqulluu tokko barreessuuf hanga gogaa hoolotaa 250 isaan barbaachisa ture. Ta'us bara sana keessa namoonni baay'een barreessuu fi dubbisuu waan hin dandeenyeef rakkina gudda hin turre.

Yeroo sana booda garuu daldalli heddu babal'achuu irraa kan ka'e herregnii fi walii galteewwan uumuun baay'achaa dhufe. Kanaafis meeshaan irratti barraa'u kan gatii rakasaa barbaadame.

Omisha Industirii Sirrii

Gatiin waraqaa gadaanaa ta'uunsaa diinagdee maxxansaa caalaatti hawwataa taasisee jira. Maxxansaaf gogaatti fayyadamuun garuu hoolota miliyoonaan lakkaawwaman fixuu mala.

Baroota 1870 keessa ture, kubbaaniyyaan Ingilizii tokko waraqaa bifa lallaafaa, cimaa fi haala dhangala'aa xuuxuu danda'un kan omishe. Innis waraqaa mana fincaanii addunyaa kan jalqabaa ture.

Dhugumaa, waraqaan omisha industirii sirrii waan ta'eef, fayyadamaa fi fudhatama haawaasa Kiristaanoota Awuroopa biratti fudhatama argate. Isaanis ardii Awurooppaa keessatti haalaan guddaa kan ta'e warshaa waraqaa uumani.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Waraqaalee irra deebiin oomishamuuf walitti qabame

Kalaqa xumura hin qabne

Jalqabarratti waraqaan jirbii daakame irraa hojjetama ture. Jirbii daakame sanas gara bulbulaatti jijjiiruun barbaachisaa ture. Kanaaf Kemikaalli Amooniyaa jedhamu kan fincaan namaa keessatti argamu tajaajila kanaaf ooluu waan danda'eef, jaarraa heddu darbaniif warshaaleen Awuroopaa fincaan namaatti fayyadamuun waraqaalee oomishaa turan.

Waraqaa bulbuluudhaaf ammoo aannisaa guddaatu barbaachisa. Kanaafuu, iddoo omisha waraqaa durii keessaa tokko kan ture, Faabriyano kan biyya Xaaliyaaniis warshicha sochoosuuf anniisaa gahaa kan argatu burqiituuwwan saffisoo gaara irraa yaa'anitti fayyadamuun ture.

Erga jirbiin bulbulameen boodas, calaalamuun qabiyye jirbii kan ta'e 'cellulose' kessatti qulqulleefama. Itti aansuunis, inni qallatee sun akka gogu taasifamuun gara waraqaa omishuutti dabarfama.

Yeroo gara yeroottis, adeemisichi fooyya'iinsa xumura hin qabne agarsiise. Bara 1702tti, gatiin waraqaa baayyee rakkisaa ture. Kan hojjatamus oomisha sa'aatii 24 booda akka gatamuuf kan qophaa'e ture. Fakkeenyaaf gaazeexaan addunyaa kan jalqabaa "The Daily Courant" jedhamu.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Gaazeexaan kunis yoo eegalu oduu biyya alaa qofa gabaasa ture

Waraqaa yeroo gabaaba kessatti akka gatamu taasifamuun isaa kuusaan qabeenya waraqaa industirii akka dhumatu taasisuun balaaf saaxile: Kunis biyyoota Awuroopaa fi Ameerikaan hanga cittuu waraqaan ala ta'aniitti akka waraqaaf dhoobatan isaan taasise.

Haalli kun hammaachuurra kan ka'e, namonni loltoota du'an hordoofuun huccuu isaanii funaanuun fidanii warshaa waraqaatti gurguruun jalqabame. Muknis akka filannoo galtee meeshaa omisha waraqaa kan biraatti adda baafame.

Kana Chaayinaan attamiin akka omishamu erga hubattee kan bubultee yoo ta'u, Awuropaanotaa garuu fudhachuuf yeroo itti fudhatee ture.

Bara 1719 keessa, qorataa baayooloojii lammii Faransaayi, Frechuult De Rii'aamuur erga soonsi muka alanfachuun mana hojjetatee, maaliif namni muka irraa waraqaa hojjechuu hin dandeenye? jechuun barreessee ture.

Waggoottan booda yaadni isaa irra deebiin yoo xiinxalamu, mukti waraqaa omishuudhaaf meeshaa barbaachisaa kan laayyoo akka hin taane adda baafame. Walakkeessa jaarraa 19ffaa keessas, warra Awurooppaa biraatti mukni waraqaa omishuuf madda barbaachisaa ta'e.

Har'a, Chaayinaa keessatti bal'inaan waraqaan muka irraa omishama, yeroo baay'ee irra deebiin tajaajilarra akka oolu taasifama.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Mala Chaayinaan waggaa 2000'n dura itti fayyadamtee waraqaa hojjetaa turte

Waa'ee barreefamaa yoo kaafnu, umuriin waraqaa dheeraa akka ta'e dubbatama. Komputara qofaatu waajjira waraqaa malee gargaaru danda'a jedhamee yaadama. Kunis erga Tomaas Idison jaarraa 19ffaa keessa raagameen booda dha.

Yadichis bara 1970n keessa, wayituma komputarri eegalamee booda bakkeewwan hojiitti itti fayyadamu jalqabame.

Komputarri waraqaa malee odeeffannoo haala salphaan raabsuun akka danda'amu yoo taasisan iyyuu, meeshaan maxxansaa ammayyaa jiraachuun ammoo hojii maxxansaa salphisuun barbaachisummaan waraqaa cimee akka itti fufu taasiseera.

Amma garuu dubbiin waan geeddaramaa jiru fakkaata. Bara 2013 kaasee fayyadamni waraqaa aduunyaa gara dhummaarra waan gahe fakkaata. Dubbiin gara dijitaalaatti jijjiiramaa jira.

Ta'us, baay'een keenya fuula argii (screen) haxaa'urra ammalleen miira kitaabaa fi qaama gaazeexaa barbaanna. Garuu gatiin tamsaasaa karaa intarneetii baay'ee rakasa waan ta'eef isa filachaa dhufneera.

Egaa gama qulqulinaatiin osoo hin taane gama gatiitiin, interneetiinis waanuma dur waraqaan googaa hoolaa irraan gahe sana waraqaa irraan gahaa jira.

Itti fayyadamni waraqaa gadi bu'aa adeemus, waraqaan ammalee giddugalawwan gabaa keessa qofa osoo hin taane, manneen fincaanii fi waajjiraalee keessatti fayyaduu itti fufa.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan