Dhakaa Baatirii: Luka Raachaatii hanga Konkolaattota Elektiriikiitti

Dhagaa Baatirii Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Dhagaawwan baatirii tajaajila garagaraaf oolan

Xumura jaarraa 19ffaa keessa ture, Magaalaa Landanitti yakkamtoonni nama ajjeesan qabamanii fannifamuu isaanitiin dura dursanii dhoksaan of ajjeesu turan. Sababni isaas yoo fannifaman reeffi isaanii gara mana yaaliitti geeffamuun qorannoon adda addaa akka irratti hin taasifamneef sodaatu ture.

Tarii gaggabanii akka waan du'aniitti fannoo irraa buufamuun osoo qaama isaanii irratti yaaliin taasifamaa jiru akka hin dammaqnees ni sodaatu.

Bara 1803 du'aan kan adabame Joorj Fooster, wayita reeffi isaa minjaala mana yaalaa irra jiruu osoo dammaqee, qaanii isarratti raawwatamaa jiru arga ture.

Jiraattoonni Magaalaa Landan bakka walitti qabamanitti, saayintiistiin Itaalii tokko qaama Fooster keessa elektiroonoota galchuun maaltu ta'uuf akka deemuu miiraan hordofa.

Gariin jiraattoota kanneenii, Fosteritti waan lubbuun itti deebiitu se'anii raajii arguuf ija babaasu turan.

Elektiroonootiin aannisaa elektiriikiin guutame qaama Fooster kirkirse, harki isaa akka nama bunyaaf qophaa'ee fakkaatuun harkifame, afaan fi ijji isaa garmalee baname.

Saayintiistichi kaayyoon isaa Fooster du'aa kaasuu akka hin taane, garuu waan uumamuu danda'u akka hin beekne warra isa daawwataa jiranitti himee jira.

Poolisoonnis naannoo sana turan, tarii Fooster irra deebi'anii fannisuun yoo barbaachise jecha.

Qaamni Fooster Gaalvanaayiz ta'aa ture. Gaalvanaayiz jechuun waan tokkootti sochii uumuun akka socho'u gochuu jechuudha. Jechichi maqaa namicha Luyigii Galvani jedhamu irraa dhufe.

Luyijii Galvaaniin bara 1780mota keessa luka raachoota du'anii sibiila gara garaa lamaan yoo tuqu, lukti raachoota kanneenii ni socho'a ture. Namtichi kunis aannisaa elektiriikii bineensota irraa waan maddisiise itti fakkaate.

Image copyright Getty Images

Akka hiriyaan isaa Aleesaandiroo Voolta boodarra mirkaneesseetti, Galvaaniin dogoggoree ture. Dogoggorri isaa garuu hiriyaa isaa kanaaf karaa bane.

Vooltaan luka raachaa keessa dhangala'aan aannisaa elektiriikii sibiila tokkorraa kan birootti dabarsuu fi akka kuufamu godhaa akka jiru bira gahe.

Qorannoo yeroo dheeraa erga taasiseen booda bara 1800, meeshaa dhangala'aa qaama raachaa keessatti arge bakka bu'uu kan danda'u Ziinkii, Koopparii fi kaartoonii ashaboo keessa cuphamee irraa hojjete.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Aleesaandiroo Vooltaa

Meeshaa hojjete kanaanis dhagaa baatirii yeroo jalqabaatiif kalaqee maqaa Voolt jedhuun addunyaaf gumaache.

Argannoo Liitiyamii

Dhagaa Baatirii Vooltaan jalqaba hojjete humna deebisanii guutuun hin danda'amu ture. Bara 1859 Liidii, Liid Daayooksaayidii fi Salfariik Asiidii irraa dhagaa baatirii irra deebi'anii humna guutuun danda'amu hojjete.

Baatiriin ammayyaa garuu yeroo duraaf kan hojjetame bara 1886 ti.

Baroota hedduu booda bara 1985 namichi Akira Yoshino jedhamu dhagaa baatirii Liitiyam-Ayoon kan booda kubbaaniyaan Soonii (Sony) gabaaf dhiyeessaa ture hojjete.

Dhagaan baatirii Liitiyam-Ayoon salphaa fi iddoo xiqqootti humna hedduu qabachu kan danda'u ta'us, wayita bishanii fi qilleensi xuqu ni dhoha ture.

Uumamuun dhagaa baatirii Liitiyam-Ayoonii kun, kaampaaniin Motoroollaa moobayilii isa jalqabaa kan ta'e 'DynaTAC 8000x', 'the bric' jedhamee beekamu akka gabaarra oolchu isa dandeessise.

Moobaayilichi kiiloo giraama tokko yoo ulfaatu, daqiiqaa 30f ittiin haasa'uun danda'ama. Dhagaa baatirii kana malee bilbila harkaa yokin moobaayilii yaaduun ulfaataa ture.

Teekinooloojiin dhagaa baatiriis fooyya'aa adeeme. Bara 1990'n keessa baatiriin koompiitara Laaptooppii gurguddaa fi dafanii humna kan fixan ture.

Wayita ammaa kana baay'ee salphoo fi yeroo dheeraaf kan turan hojjachuun danda'amee jira. Kana caalaa foyyeessuufis duula hedduutu godhamaa jira.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Paaneliiwaan soolaarii wayiti aduun hin jirre anniisaa maddisiisuu hin danda'an

Maddeen anniisaa haaromfamanii kan akka ifa aduu, wayita ifti hin jirre anniisaa maddisiisuu waan hin dandeenyeef, egereen madda anniisaa addunyaa baatirii ta'uu mala jedhu hayyoonni.

Kun ta'uu kan danda'u garuu baayyinaan omishuudhaan gatiin baatirii daran akka xiqqaatu gochuun yoo danda'ame dha.

Kana dhugoomsuuf ammoo Kubbaaniyaan baatirii konkolaataa elektiriikii omishu 'Tesla' jedhamu, warshaa xiyyaara Booyiingi 747 omishutti aanee warshaa guddina isaatiin lammaffaa ta'e Neevaadaatti ijaaraa jira.

Dhiibbaa jijjiirama qilleensaa to'achuufis kun furmaata gaarii ta'uu akka hin oollees ni himama.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan