Waa'ee Wal'aansa fayyaa Masirii durii kana beektuu?

Fakki dubartii dahuumsarra jirtuu kan biyya masirii durii Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Dubartii dahuumsarra jirtuu fi deessistoota ishee gargaaraa jiran

Bara durii wayita daangaan saayinsii fi amantaa ifatti gargar baasu hin turetti, Masirii keessatti wal'aansa fayyaa fi falfala (magic) gargar baasuun rakkisaa ture.

Lammileen biyyattii dhukkubni hojii badaa namni tokko raawwateef dheekkamsa waaqolii isaanii irraa itti dhufu ykn akka hafuura hamaa qaama isaanii keessaa sirnoota amantaa gara garaatiin bahuutti yaadu.

Haa ta'u malee ilaalchoonni kun barmaatilee fi gochoota wal-aansa fayyaa gara garaa hanga har'aatti tajaajila kennaniin deegaramaa turan.

Barmaatilee wal'aansa fayyaa waggoota 3000 dura warri masirii itti fayyadamaa turan keessaa muraasni kan armaan gadiiti.

Baqaqsanii wal-aanuu

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Meeshalee wal'aansa baqaqsanii yaaluu Masirii durii

Masiriin durii reeffa nama du'ee mala ittiin gogsanii yeroo dheeraaf tursiisan "Mummification" jedhamu qabu turan. Kunis caasaa qaama namaa sirritti hubatanii akka beekan isaan gargaaree jira.

Kanumaa irraa ka'uun sammuu nama dabalatee qaamota namaa gara garaa baqaqsanii wal'aanaa turan warri Masirii.

Wal'aansa ilkaanii

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Mastaabaa, Qondaala olaanaa mooticha Zoser. Hogganaa ogeeyyii fayyaa fi wal'aansa ilkaanii bara 2700 dhaloota kiristoosiin dura.

Midhaan nyaataa qopheessuuf fayyadaman haga fedhan haa qulqulleessan iyyuu malee yeroo heddu dhakaa caccabaa xixiqqoo fi cirrachi gammoojii nyaata lammilee Masirii durii keessaa hin dhabamu.

Kun ammoo ilkaan lammiilee biyyattii durii akka nyaatamuu fi caccabuuf isaan saaxilaa ture.

Kana irra ka'uun qoricha bifa nyaataatiin fudhatamu kan ilkaan nyaatamee fi caccabe ittiin guutan gara garaa qabu turan.

Qaama nam-tolchee

Image copyright JON BODSWORTH
Goodayyaa suuraa Quba nam-tolchee mukarraa hojjetamee erbeedhaan miila irratti maxxanfame, Masirii durii

Masiroonni durii qaama nam-tolchee nama lubbuun jiruufis nama du'eefis ni hojjetu turan.

Keessattuu nama du'eef qaama nam-tolchee hojjechuun baramaa dha. Kunis jireenya du'a booda jiruuf, namni du'e qaama guutuun awwaalamuu qaba jedhanii waan yaadaniif.

Haa ta'u malee, namoota lubbuun jiran qaama hir'uu ta'aniifis qaama nam-tolchee ni hojjetu. Qaamni nam-tolchee heddumminaan hojjetamu quba harkaa fi miilaati.

Qubni miilaa armaan olitti mul'atu kunis quba nam-tolchee kan umurii dheeraa qaba jedhamu dha.

Dhaqna qabaa

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Masiroonni durii dhaqna qabaa yoo raawwatan

Seenaa Masirii durii keessatti dhaqna qabaan akka wal'aansaa fi barmaatiilee amantaatti raawwatamaa ture.

Lammilee biyyatti biratti baayyee baratamaa waan ta'eef namni dhaqna hin qabanne akka raajiitti ilaalama.

Barreeffamoonni tokko tokko lammileen Masirii durii booji'amtoota humna waraanaa Libiyaa warra dhaqna hin qabatiinitti akka bohaaraa turan mul'isan jiru.

Namoota akkasii maatiin isaanii akka ittiin bohaaraniif booji'anii gara manaa akka ittiin galanis ni himama.

Sirna wal'aansaa fi to'annoo mootummaa

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Wal'aansa ijaa Masirii durii

Sirni wal'aansaa Masirii durii to'annoo cimaa mootummaa jala ture.

Inistiitiyuutotni mootummaa ogeeyyii fayyaa leenjisanii fi dhukkubsattoota simatanii yaalan Masirii durii keessa turaniiru. Qajeelfamoonni fayyaa gara garaas akka turan himama.

Nannoo ijaarsawwan gurguddoo jiran maratti daannoon fayyaa namoonni balaa tasaatiin miidhaman itti yaalaman jira ture.

Namoonni sababa balaa akkasiitiin miidhamanii yaaliirra jiran miindaan isaanii akka kaffalamuuf qajeelfamni ajaju akka tures seenaan ni eera.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan