Oliviyer Tebiilii: Kubbaa miilaa irraa gara oomisha wayinii

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Tebiliin Kilabii Iskootlaand waliin bara tokkotti waancaa sadi kaaseera

Taphattoonni kubbaa miilaa hedduun deeggartoota isaanii ilaaluun hamilee argatu. Oliviyer Tebiliin garuu deeggartoota isaa osoo hin ta'iin, fuuldura isaatti oyruu wayinii isaa ilaala ture.

Soorama booda taphatoonni baay'een leenjisaa tahu, yookaan ammoo waanuma kubbaa miilaa ilaallatu dalagu. Taphataan kun garuu guutumaa guutuutti feedhiisaa isa lammataa irratti xiyyeeffateera.

Taphataan sarara ittisaa Barminghaam Siitii Oliviyer Tebiliin dhugaatii alkoolii omisha.

Dhugaatiin alkoolii inni oomishu Konyaak jedhamu, qulqullinnisaa daran olaanaadha.

Taphataan umurii 41 kun akka warri kaan godhan qarshii kubbaa miilaarraa argate hin qisaasu. Oyruusaa jalqabaa kan bite ijoollummaa isaatiini.

''Kontiraata koo isa jalqabaa akkan mallateesseen, hektaara laman bite,'' jechuun oyruusaa kibba-dhiha Firaans, magaalaa Saal Dogilitti argamurraa BBCtti himeera.

''Ofi kootti waantin hime yoon miidhamee kubbaa dhaabe, waan jireenya koo itti fufsiisu qaba.''

Image copyright JAMIE MCDONALD
Goodayyaa suuraa Tebiliin Barminghaam Siitiif taphoota 80 ol taphateera

''Waanin kana godheef ammoo, yeroon as turetti oyruu kana irraa maallaqa dabalataa argachuuf nan hojjedhan ture waan ta'efi.''

Tebiliin bara 1993tti kilabii Firaans Niyoor jedhamuuf mallatteese. Maatiin isaas ijoollummaa isaatti Abijaan, Ayivoorii Koostirraa gara naannoo kanaatti godaanan.

Tebiliin yeroo muraasaaf kilabiiwwan Shaataruu fi Sheefild Yunaayitid jedhamaniif taphate. Waancaa Afriikaa kan bara 2000ttis hirmaateera. Ergasiis bara 2001 kilabii Iskootlaand bara tokkotti waancaa sadi waliin kaase waliin, akkasumas waggoota afuriif Pirimeer Liigii keessatti Barminghaam waliin taphateera.

Kilabii Kaanaadaa kan tahe Toroontoo FC waliin erga mallatteessee booda miidhaa irra gaheen, waliigaltee addaan kutuun gara oyruu wayiniisaatti deebi'e.

Murtee kanaan booda garuu rakkoon tokko isa mudate.

Goodayyaa suuraa Tebiliin ammas akka itti Konyaakii bareedaan oomishamu barachaa jira

Magaalaa Konyaak keessatti lafti qaalii fi yeroo hedduu waan argamu miti. Tebiliin ammoo maallaqa gahaa tahe hin qabu.

Filannoon isaa manneen nyaataa lama keessa hojjachuu ture. Waggoota jahan boodas ollaa isaaniitii ilmi tokkichi namicha qonnaan bulaa oyruu wayinii qabuu tokko du'e.

Qonnaan bulaan sunis oyruusaa kana eenyuutti akka gurguru murteessuun irra ture.

''Ilmi isaa hiriyaa koo ture, moggoo kootis. Kanaaf taha abbaan isaa kan ana filatee natti gurgure,'' jedha Tebiliin.

Qonnaan bulaa Zhaan Misheel Lapin gamasaatiin, ''Naannoo kanatti oomishtoonni wayinii hunduu namoota wal fakkaatani.''

''Kubbaa miilaa nan jaaladha, akkasumas Oliviyer yeroo rakkoo keessatti nama na gargaaredha. Maaliifin qabeenya koo nama gurraacha tahee fi taphataa kubbaa miilaatti hin dabarsu jedheen murteesse.''

Goodayyaa suuraa Tebiliin qonnaan bulaa Zhaan Misheel Lapin irraa qonna hektaara 22 biteera.

''Namoonni baay'een na dhaabsisuu yaalanii turan, an garuu yaada koo hin jijjiirre,'' jedha Zhaan Misheel.

Waliigaltee daldalaa kanaan namoonni naannichaa baay'een hin gammanne. Kun ta'us, dhalataa biyya Ayivoorii Koost kan tahee fi oomishaan Konyaakii Afriikaa jalqabaa, oyruu hektaara 22 gahu qabaachuusaatti baay'ee gammada.

Oyruu wayinii dabalatee Tebiliin abbaa qabeenyaa warshaa dhugaatii Konyaakii oomishuuti. Zhaan Misheelis akkaataa Konyaakii bareedaan itti omishamu barsiisaa jira.

''Hawaasni naannichaa taphataan Afriikaa tokko hojii isaanii hojjachuunsaa isaan dhibee ture,'' jedha Tebiliin.

''An garuu Wiixataa kaasee haga dilbataatti hojiikoo irrattin argama. Baay'een isaanii hojiin kun cimaa waan ta'eef ni hojjata jedhanii hin yaanne.''

''Namoota gammachiisuuf miti kanin hojjedhu. Hojii koo baay'een jaalladha,'' jechuun gammachuu hojicharraa argatu ibsa.

Goodayyaa suuraa Konyaakii isa jalqabaa bara 2013tti oomishe

Akka qonnaan bultoota naannoo Konyaak kaanitti, Tebiliinis oomisha isaa %90 tahu kaampaaniiwwan gurguddootti gurgura. Kan hafe garuu ofiif olkaa'ata.

Konyaakii isaa kan jalqabaa bara 2013tti oomishe. Ammaaf manneen daldalaa naannichaaf haa gurguru malee, gara fuulduraatti Afriikaatti qofa daldaluu barbaada.

''Abjuun koo isa,'' jedha. ''Gara Ayivoorii Koostitti gurguruu jalqabeera. Jalqabbii isaattis gammadeera.''

Achiin boodas akka qonnaan bultoota Konyaak birootti, soorama bahee ijoolleesaa dhaalchisuu barbaada.

Hammasitti garuu nama Afriikaa, Konyaakii beekamaa oomishu jedhama.

''Hedduu hedduun itti gammada. Kanaaf anis haga naa danda'amuun kanin tattaafadhu. Akkan kubbaa miilaa jaalladhuttin kanas jaaladha.''