Bu'aalee kalaqaa Ardii Afriikaa beekuu qabdan keessaa

1. Kalaqa humna ibsaa gandoota baadiyyaatiif

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Humna ibsaa badiyyaatti yoo itti fayyadaman

Rakkoolee amma jiran:

Yeel Invaayiroment 360 akka mirkaneessetti, waliigalatti addunyaa irraa namoonni biiliyoona 1.3 ta'an humna elektrikaa hin argatan. Jiraattoota baadiyyaa fayyadamtoota humna ibsaa maddawwan gurguddaa taasisuun rakkisaa ta'usaatiin alattis, maddawwan humna ibsaa aduun hojjatan baramanis humna murtaa'aa qofa maddisiisu.

Furmaata:

Dhaabbanni 'Steamaco' jedhamu tokko elektiriikii humna aduu fi baatiirii qofa irraa madduun ganda tokkoof tajajila ibsaa kennuu danda'eera.

Attamiin hojjataa:

Raabsaan humna ibsaa gadaanaan waan haaraa miti. Haa ta'u malee, qaamni haaraan teeknoolojii Steamaco kana adda taasisu tokko sirna ofumaan humna elektirikaa to'achuu isaati.

Kanaafuu, sirni kunis yoo humni ibsaa bakka tokkootti barbaachisummaan isaa ol ka'u, fakkeenyaaf, Sambata galgala yoo namoonni ibsaa caalaa barbaadanitti, ykn erga aduun lixeen booda bakka humna dabalataa argachuun hin danda'amnetti, bakkawwan nammoonni humni ibsaa osoo citee baayyee hin hubamnetti ofumaa akka dhaabatu taasisa.

Kana malees, sirnichi dhaabbileen akka hospitaalaa hojiisaanii akka itti fufaniif jecha tajaajilli manneen jireenyaa irraa akka dhaabatu taasisa. Kanas maamila hundaafuu ergaa barreeffamaa erguun beeksisa.

2. Kalaqa jaakkeeta dhukkuba sombaa adda baasu

Image copyright BRETT ELOFF
Goodayyaa suuraa Jaakkeeta dhukkuba sombaa adda baasu

Rakkina amma jiru:

Dhukkuubni sombaa waggaa waggaan daa'imman umuriin isaanii waggaa shanii gadii kuma 27 ajjeesa. Irra caalaan sababa du'a kanaas dhukkubichi akkuma busaa haalaan yaalamu dhabuu irraa kan ka'eedha.

Furmaata:

Injinarri lammii Ugaandaa Briyaan Turyaabaagye jedhamu jakkeeta wal'aansaa 'smart jacket' jedhamu dhukubbii sombaa hatattamaan fi sirritti adda baasu kalaqeera. Jakkeetichis ho'ina qaamaa fi ammeentaa argansuu daa'ima dhukkubsatu safara.

3. Kalaqa Taabileetii (Komputera xiqqaa) fageenya irraa haala onnee agarsiiftu

Goodayyaa suuraa Tableetii kanaan onneen namoota rakko onnee qabanii yeero yeroon hordofama

Rakkoo amma jiru:

Namootni baadiyyaa jiraataniif lafa fagoo deemuun ogeessa onnee argachuun rakkisaadha. Fakkenyaaf biyya akka Kaameruun uummata miliyoona 20 ta'an qabdutti ogeessota onnee 50 qofatu argama.

Furmaata:

Namni Artuur Zaang jedhamu hojattoonni fayyaa baadiyyaa jiran firii qorannoo onnee karaa taabileetii ogeessota onnee magaalaatti argamanitti akka ergan gochuuf meeshaa kaardiyoo paad (Cardio pad) jedhamu kalaqeera.

Attamiin hojjata:

Kaardiyoo Paad kunis hospitaalotaa fi kilinikoota biyya Kaameruunitiif kafaltii malee kan raabsamu yoo ta'u, dhukkubsatootni onnee waggaatti dolaara 29 qofa kanfaluun fayyadamu. Meeshichis haala hojii onnee namoota dhukkubsatanii galmeesse kan qabatu yoo ta'u, sakandoota muraasa keessatti qo'annoo onnee gara kilinika ogeessoota jiddu gala magaalaatti argamutti ni erga.

Kalaqni kunis bara 2016tti abbaa taayitaa Kaameeruuniin beekkamtiin kan kennameef yoo ta'u, bara 2017 keessa namoonni heedduun meeshaa kana kiliniika isanii keessatti argachuu akka danda'an illeen tilmaamameera.

Isinis kalaqawwan haaraa namoonni biraa beekuu qabu jettan yoo qabaattan nuuf ergaa ni simannaa!

Mata dureewwan walitti dhiyaatan