iPhone X: Imala ganna 10ni, attamiin bilbiloonni kunneen jireenya keenya akka jijjiiran

Istiiv Joobs Ayifoonii isa jalqabaa ennaa beeksisu Image copyright Getty Images

Fulbaana 9 bara 2007tti, hojii uumaan beekamaa dachee kanaa waa ifa baase - oomisha seenaa keessatti baayyee bu'a qabeessa ta'uuf ture.

Inni kunis ayifoon (iPhone) ture. Fulbaana 12, 2017 kaampaanichi hundeeffama waggaa kurnaffaasaan walqabatee, oomisha haaraa dhiyeessee jira. Iphone'niin bifa hedduun diinagdee addunyaaf gumaate.

Addunyaa kanarratti Apple - kaampaanii (Iphone) oomishu, bu'aa 'iphone'rraa qofa buusu kan argatan dhaabbilee lama yookaan sadi qofatu jira.

Kunis oomisha haaraa kan tahe bilbila ismaart (smart phone) kalaquu isaatiini. Ayifooniifi warreen biroon oomisha waggoota kudhaniin dura omaa hin beekamne, yeroo ammaa garuu akka meeshaa namni baay'een argachuuf barbaadu omishan. Kana qofaa miti, Ayifooniin gabaa akka softiweer, muuziqaa fi beeksisaa jijjiireera.

Gadi fageenyaan waa'ee Ayifoonii yoo ilaallu, namoota kanneen akka Istiiv Joobsii fi shariika isaa Istiiv Wozniyaak, akkasumas itti aanee kan dhufe Tim Kuuk fi dizaayinara Ayifoon kan tahe Sir Joonii Ayiv maqaa dhahuun keenya waan oolu miti. Garuu namoonni milkaa'ina oomisha kanaaf shoora olaanaa taphatan dagatamaniiru.

Image copyright Thinkstock
Goodayyaa suuraa Teknooloojiin bilbiloota ismaartii qaamolee mootummaan deeggaraman

Mee of gaafadhu: Dhugaatti maaltu Ayifoonii, Ayifoonii taasise? Gar-tokkeen dizaayina isaa bareedaa, haala itti fayyadaminsaa, xiyyeeffannoo addaa haala sooftiweriif kennameefi miirri harkaan yoo qabatan namatti dhagahamudha. Haa tahu malee, booddee dizaayina hawwataa Ayifoonii kanas, wantoonni milkaa'ina bilbila ismaart tokkoof gumaachan hedduu dha.

Maariyaanaa Maazukaatoo, waa'ee dinagdee qoratti. Isheenis wantoota teknooloojii bilbila ismaart dhugoomsan 12 tarreessite.

1) piroosasara baayyee xixiqqoo

2) memoorii chip

3) baxxee jabaa (hard drives)

4) agarsiiftuuwwan likuuwid kristaal

5) baatirii liitiyem. Kunneen qaamolee ijaan argamaniidha. Cimdaa'iina (network) fi qaamoleen meeshichi akka socho'u taasisan immoo jiru.

6) Algorizimiin Fast-Fourier-Transform jedhamu-cimdaa'inni kanneenis sagalee, ifaa fi dambalii raadiyoo gara dijiitaalaatti akka geeddaruun kompiyuutarri akka dalagu taasisan.

7) Waa'ee intarneetii ammoo hedduu dhaggeessanii ta'a. Bilbilli ismaartii, intarneetii malee gatii hinqabu.

8) HTTP fi HTML, afaanota kompiyuutara intarneeta xaxamaa tahe marsariitii fayyadamuuf gara (World Wide Web) salphaa ta'etti geeddaruu.

9) Cimdaa'ina bilbila harkaa - Kanaan ala bilbilli ismaartii kee bilbila hinta'u, meeshaa taphaa malee.

10) GPS (Agarsiiftuu odeeffannoo bakkee fi yeroo)

11) Iskiriinii tuttuqamu (touch screen).

12) Sirii, qaama sagalee nam-tolchee dadamaqsu.

Kunneen hundinu egaa qaamolee Ayifooniin tokko, yookaan bilbilli ismaart kamiyyu akka sirnaan hojjatu taasisaniidha. Maariyaanaa Maazukaatos tarree kana yoo qindeessitu, wanta hawwataa biraas argattee jirti.

Image copyright Science Photo Library
Goodayyaa suuraa Teknooloojiin iskiriinii tuqamu argannoo kompiyuutaroota taableetiifillee karaa saaqeera

Namichi Ayifoonii kalaquuf hedduu gumaache, akka baay'een keenya beeknutti Istiv Joobs hin turre. Nama hin beekamne tokko dha. Teeknooloojiiwwan 12n asiin ol eeraman hundi, mootummootaan kan deeggaramaniidha - baay'inaan mootummaa Ameerikaatiin.

Cimdaa'inni kompiyuutaraa dinqiin kun bara 1960n tti Damee Ittisa Ameerikaatiin akka Arpant (The Advanced Research Projects Agency Network )tti eegale. GPS'nis akkasuma, addatti teeknoolojii loltummaa bara 'Cold War' jedhamutti hundeeffamee fi bara 1980nitti faayidaa hawaasaatiif saaqaa taasifameedha.

Iskiriinii tuttuqaatiin ala bilbilli ismaartii, bilbila ismaartii ta'uu hindanda'an. Injinarri teeknooloojii kana kalaqees EA Joonsan jedhama. Jonsan qorannoo isaa jalqabaas kan hojate, tibba Dhaabbata Mootummaa Biriteen Rooyaal Raadaar Istaablishmant jedhamuuf mindeefameetti ture.

Jarreen Dhaabbata Cern jedhamuu ammoo kalaqa kana irra deebiin caalaa fooyyeessan. Achiin boodas, qorattoota Yuunivarsiitii Daalaawer kan ta'an, Weeyin Westarmaan fi Joon Eliyaas kalaqa kana gabaarra oolchuun, kaampaanii isaanis Appilitti gurguran.

Mootummoonnis gara xumura teeknoolojii kanarratti qooda fudhataniiru. Qorannoon Weeyin Westarmaan kan deeggaramus dhaabbilee mootummaa US Naashinaal Saayinsi Faawundeeshinii fi CIA turan.

Sagalee bubaraa kan qabdu, Siriinis kalaqaawwan kanneen keessaa tokko.

Barkumee faranjootaatti, dhaabbanni Ameeriikaa Darpa (Defence Advanced Research Project Agancy)n Ayfoonii jalqabaatiin dura waggoota torbaa dura Inistitiyutiin Qorannoo Isaanfordii akka waan Sirii fakkaatu akka qopheessu qaxare ture, Siriin, hojjettoota looltoonni Ameerikaa hojii isaanii hojechuuf akka gargaartuuf kan yaadamedha.

Waggoota torba boodas, dhaabbanni qorannoo kana gaggeessu Sirii Inkorpooretid jedhamu, dhaabbata Appiliin bitame.

Meeshaaleen kanneen akka baxxee jabaa, agarsiiftuuwwan likuuwid kristaal fi baatirii liitiyeem seenaa mataa isaanii qabu.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Baatiriin litiyeemii guddina Ayifoonaaf guddoo gumaacheera

Hundinuu kofa kofaan hojiin saayinsii fi kalaqummaan isaan duuba jira. Kana malees, maallaqni hagana hin jedhamne qaamolee mootummaatiin kennameera. Keessattuu Ittisa Biyyaa Ameerikaatiin.

Kana jechuun Ittisni Biyyaa Ameerikaa Ayifoonii kalaqe jechuu miti. Dhaabbanni Cern Feesbuukiifi Googiil hin uumne. Teknooloojiin har'a addunyaa rratti akkasitti leellifaman kunneen, dhaabbilee dhuunfaatiin foyya'anii gabaaf dhihaatan malee, dhamaatii fi deeggarsa mootummaatu asiin isaan geessise.

Gara fuulduraattis rakkoolee gama humnaatiin nu mudatan, akkamitti akka furru kan nu gargaarudha.

Istiiv Joobs qaroo/qaxalee tahuusaa namni haalu hinjiru. Iskiriniin tuttuqamu fi intarneetiin osoo jiraachuu baateyyuu, waa kalaqee nutti mul'isuunsaa waan hinoolle dha.

Haata'u malee, akka Ayifoonitti dachee kana hin sochoosu ture.