Guyyaatti buna shiinii sadii dhuguun umurii dheeressa laata?

Buna shiniitti bu'aa jiru
Goodayyaa suuraa Buna dhuguun Oromiyaa keessatti baayyee baramaadha

Oromiyaa iddoowwan hedduutti buuna dhuguun kan barameedha. Keessattuu ganama sa'aa cirreetti ykn sa'aa laaqanaatti, kan mijateef ammoo galgala dabalatee guyyaatti al sadii bunni ni dafiffama.

Dhugaatiin bunaa kunis ammoo, maatii fi ollaa waliin taphachaa, odeeffannoo wal jijjiiraati kan raawwatamu.

Qorannoon barruu 'Annals of Internal Medicine' jedhamu irratti maxxanfame tokko akka mul'isuuttis, namoonni guyyaatti buna dadabalanii dhugan umurii dheerachuu danda'u jedha.

Haa ta'u malee ogeesssonni kana maman ammoo, bunni mataasaatti umurii dheeressa jechuurra jireenya fayyaa qabeessa ta'ee jiraachuuf ni gargaara osoo jenne wayya jedhu.

Qorannoon haaraan kun maal qabatee dhufee?

Qorattoonni kutaa qorannoo Kaansarii idil adduunyaa Yunivarsitii Koolleejjii Landan kun akka jedhanitti, buna shiinii tokkoon ol dhuguun balaa du'aa hir'isuu waliin walitti dhufeenya qaba. Keessumaa mmoo du'a onneefi mar'imaaniin dhufan hir'isuuf gahee qabaata.

Isaanis ragaa fayyuummaa namoota umuriin isaanii 35 ol ta'anii fi biyyoota Awurooppaa 10 keessaa argaman erga xinxalanii booda dha gudduunfaa kana irra kan gahu danda'an. Isaanis jalqaba qorannooichaa irratti buna hangam dhuguu akka barbaadan gaafachuunii fi kana boodas haala du'aatii jiddu-galaan waggoota 16f qarataniiru.

Bunni isiniif gaariidhaa?

Qorannoowwan kana dura gaggeefamanis waan wal faalleessu fi wal mormu mul'isaniiru.

Namoonni hedduun wayita buna dhuganitti kaaffeeyiniin buna keessatti argamuun miira dammaqinaa akka argatan muuxannoo ofiirraa ka'uun ni dubbatu.

Garuu dhiibbaan qabiyyee kaaffeeyinii dhuugaatii bunaa miira namoota irraatti qabaatuus namaa namatti adda adda dha.

Keessattu, dubartoonni ulfaa guyyaatti hameentaa Kaaffeeyinii mg 200 tiin ol fudhachu akka hinqabaannee gorsu. Sababiinsaas, daa'imti garaa keessaa carraa ulfaatina gadaanaan akka dhalattu waan taasisuuf dha.

Kaaffeeyiniin kan argamu buna qofa keessaa miti. Dhugaatiiwwan akka 'Kookaa' fi Shaayee keessaas waan jiruuf, baay'inasaa akka to'annuufi.

Wanta hubachuu qabnu

Qorannoon kamiyyuu guutuu waan hin taaneefu, saayintistoonnis bifa jireenyaa gara biraa namootaa xinxalu qabaatu, fakkeenyaaf waan isaan nyaatan fi dhugan, hangam akka kuufatan, hangam akka ispoortii hojatan illeen ilaaluun barbaachisaa ta'a.

Kanaafuu, ammaaf wanti ogeessoonni jedhan, yaada keessan gutuu bunni fayyummaaf keessaniif gaarii ta'usaa qofa irra wantoota gara biraa yaaduunis gaariidha jedhu.

Fakkeenyaaf, ganama yeroo hojii deemnuu fi yemmu manatti deebiinu daandii gabaabaa miilaan deemuun warri magaalaa keessa jiraannu taaksii fayyadamu akka xiqqeessinnu gorfamna.