Paaspoortiin guddina dinagdee waliin hariiroo maalii qaba?

Tuulaa paaspoortii biyyoota garagaraa Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Paaspoortiin biyyootaa amma jiru daran walfakkaata

Kun odeessa wantoota addunyaa kana jijjiiran bifa addaan walitti fufiinsaan isiniif dhiyeessinu kutaa jalqabaati.

Seenaa waggoota hedduutiif, paaspoortiin meeshaa sodaachisaa ta'ee ilaalama ture. Duri nama aangoorra jirutu imalaaf xalayaa barreessee harkatti kennaaf ture. Xalayichis, namni isa baatu suun, rakkoo tokko malee iddoodhaa iddootti akka socho'u kan gaafatu dha.

Paaspoortiin akka meeshaa eegumsaatti akka tajaajilu yadamuunsaa baroota durii irraa kaaseeti. Eegumsis mirga osoo hin ta'iin kan namaaf kennamu ture.

Lammiileen Firaans daangaa ce'uu dhiisaatii, magaalaa magaalaatti socho'uuf illee waraqaa isaanii agarsiisuuf dirqamu turan.

Har'a biyyoonni badhaadhan namoota ogummaa hin qabne ofirraa eeguuf ennaa itti fayyadaman, seenaa keessatti garuu magaalonni, namootni ogummaa qaban akka isaan jalaa hin deemne gochuuf itti fayyadamu turan.

Jaarraa 19ffaa keessatti, daandiin baaburaa fi dooniiwwan hurkaan hojjetan gatii fi yeroo imalaa xinneessan. Maartin Looyid kitaabasaa 'The Passport' jedhamu keessatti, dokimantiiwwan imala nama dhorgan akka hin baramne ibsa.

Bara 1890n keessa Ameerikaa paaspoortii malee daawwachuu dandeessa, keessattuu yoo adii taate dubbiin sii salphata.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Imaltoonni 1890tti gara 'Statue of Liberty' dhufan paaspoortiin isaan hin barbaachisu ture

Biyyoonni Ameerikaa Kibbaa tokko tokko heera biyya isaanii keessatti imala paaspoortiin-alaa katabanii turan. Chaayinaa fi Jaappaanitti lammiileen biyya biraa paaspoortiin kan isaan barbaachisu dacheesaanii yoo lixan qofa ture. Qarqara galaanaa gahuuf paaspoortiin hin gaafatamu ture.

Jalqabbii jaarraa 20ffaarra, biyyoota muraasa qofatu galuu fi bahuuf paaspoortii gaafatu turan. Haalli kun garuu waliigalatti hafuuf waan adeemu fakkata.

Goolii/dararama godaantotaa

Ganama Fulbaana 2015, Abdullaa Kurdiin haadha warraa isaa fi ijoollee isaanii lama waliin Giriik, odola Kos gahuuf Bodiram, Tarkiirraa bidiruu yaabbatan.

Bidiruun isaanii garuu ni garagalte. Abdullaan yogguu bidiruu qabatee oolu, haati warraa fi ijoolleen garuu ni dhidhiman.

Reeffa daa'ima waggaa 3, Ayilaan Kurdii, gaazexeessaan Tarkii tokko qarqara bishaanii Tarkiitti argee suuraa kaase. Suuraan kunis mallattoo dararama baqatoottaa tahuun yeroo dheeraaf Awuropppaa sochoose.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Godaantonni kuma kudhaniin lakkaa'aman Tarkiirraa gara Giriikitti cehuuf yaalu

Maatiin kun abdiin isaanii Giriik qubachuu hin turre. Obboleettiin Abdallaa Tiimaan bakka jiraattu Vaankuuvar, Kaanaadaa gahuu ture kaayyoon isaanii.

Bidiruu bicuu taate yaabbatanii odola Kos deemurra, karaa salphaan Tarkiirraa Kaanaadaatti cehuun ni danda'ama.

Abdullaan maallaqa qaba ture. Doolaarri 4,460 inni namoota seeraan ala daddabarsaniif kaffale sun, tikkeeta xayyaaraa bituufi danda'a ture. Osoo paaspoortii sirrii qabaatanii jiraatan.

Image copyright Getty Images

Mootummaan Sooriyaa namoota gosaan Kurdi tahan akka lammiitti waan hin lakkoofneef paaspoortiis dhowwateera. Osoo paaspoortii Sooriyaa qabaataniyyuu xayyaara gara Kaanaadaa yaabbachuu hin danda'an ture.

Loogiidhaa?

Biyyoonni hedduun qaxartootni dhimmoota adda addaarratti hundaa'uun hojjattoota isaanii irratti loogii akka hin taasisne dhorku. Saala, umrii, bifaa fi kkf.

Paaspoortii keenya jijjiiruu hin dandeenyu jechi jedhu waan deemsisu miti. Doolaara Ameerikaa 250,000 kaffaluun odola bicuu 'St. Kitts and Nevis' jedhamturraa bitachuu dandeessu.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Seent Kitis karoora ''Lammummaa Investimentiin'' jedhu bara 1984tti jalqabde

Haa tahu malee, yeroo hedduu paaspoortiin keenya eenyummaa maatii keenyaa fi iddoo dhalootaa irratti hundaa'a.

Kufaatii Dallaa Barliin waggoota heedduun boodas, to'annaan godaantotaa akka haaraatti eegaleera. Doonaald Traamp daangaa Ameerikaa fi Meeksikootti akka dallaan ijaaramu watwaataa jira.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Pireezidant Traamp Meeksikoon baasii ijaarsa dallaa kanaaf bahu kaffalti jedha

Zooniin Awurooppaa 'Schengen' jedhamu, goolii godaansaan raafamaa jira. Hoggantoonni Awurooppaa baqattootaa fi 'godaantota diinagdee' jechuun adda qoqqodduuf tattaafatu. 'Baqatoonni diinagdee' kanneen waraanaa fi dararama baqatan waan hin taaneef hin galchinu jedhu.

Eenyutu mirgaan gale, eenyutu hin milkoofne?

Yaadrimee diinagdee keessatti: yogguu oomishakee barbaadama meeshaa sanarratti hundooftee sirreessitu, hangi oomisha keetis ni dabala.

Lafarrattis godaansi kamuu mo'aa fi mo'atamaa uuma. Akka qorannoon mul'isutti ammoo, miidhaa isaarra bu'aa isaatu caala. Biyyoota badhaadhanitti, namoota jaha keessaa, jiruun namoota shanii dhufaatii godaantotaan ni foyya'a.

Sababoonni qabatamaa fi baramaa akka godaansi rakkoo tahu taasisanis jiru. Dhaabbileen tajaajilaa warra haaraa dhufan simachuuf qophii hin taasisne taanaan, akkasumas amantaan namni tokko qabu makamuuf rakkisaa tahuu danda'a.

Kan baay'ee olka'ee mul'atu garuu, isa gama miidhaa sanaan jiru dha.

Fakkeenyaaf, gareen Meeksikaanotaa Ameerikaa galan yaa jennu. Isaan kunis kaffaltii lammiin Ameerikaa argatuu gadiin oyruu keessa muduraalee guuru. Bu'aan kanaas, burtukaanni yookaan maangoon gatii rakasaan namoota hundaaf akka dhihaatu taasisa. Bu'aan kanaa hedduudha, garuu baay'ee irratti hin xiyyeeffatamu - hin dhagahamu. Gama biraatin garuu Meksikaanonni kunniin hojii keenya nu jalaa fudhatu kan jedhu hedduu caqafama.

Jara gama kanaan miidhaman, gama gibiraa fi baasii foyyessuun gargaaruun ni danda'ama. Garuu kun waan yeroo baayyee hojjetu miti. Yaadni godaansa diinagdee yeroo baay'ee kan hojjatu, daangaa cehuu yoo of keessatti hin hammanne dha.

Yaaddoo nageenyaa

Warri waa'ee diinagdee qoratan: osoo namni hudhaa tokko malee biskileeta koree iddoo fedhe dhaquun hojjata tahee, diinagdeen harka lamaan dabala ture. Kun kan nutti himu - osoo paaspoortiin jalqaba jaarraa 20ffaa keessa awwaalamee jiraatee, addunyaan tun irra caalaatti duroomti turte. Sababni paaspoortiin awwaalamuu dhabeefis, Waraana Addunyaa Jalqabaa ture.

Image copyright Getty Images

Yaaddoon nageenyaa imalli akka ulfaatu taasisuun, mootummoonnis sochii namootaa irra to'annoo ulfaatu kaa'an. Erga nageenyi deebi'es booda, to'annoowwan kanneen kaasuu didan.

Dhaabbanni haaraa 1920tti hundaa'e Liig of Neeshins, ''Konfaransii Idil-addunyaa Paaspoortii, Gumurukii fi Tikeetaa Seensaa'' jedhu qopheesse. Kunis, uumamuu paaspoortiif kan karaa banedha.

Konfiransii kanarrattis, 1921 irraa eegalee bal'inni paaspoortii sm15.5, sm10.5in akka tahuuf, fuula 32 akka qabaatuu, akkasumas waraqaa jajjabaan akka maaxanfamuu fi suuraa akka qabaatu murteeffame. Hanga har'aattis, osoo baay'ee hin jijjiiramin kanuma itti fayyadamna.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan