Afaan Oromoo fi Finfinnee: Atse Faasil irraa gara Jeneraal Taaddasaa Birruu

Finfinneefi Afaan Oromoo
Ibsa waa'ee suuraa,

Obbo Huseen Qixxeessaan ilma isaanii Miftaahiifi mucaa mucaa isaanii Soofiyaa yeroo qubee qo'achiisan

Miiftaah Huseen reefu waggaa sagalidha. Finfinnee naannoo Piyaasaatti dhalatus afaan dhalootaan barachuu hin dandeenye ture.

Waan abbaan jedhu ni hubata garuu deebisuu rakkata. Kanaaf irra deddeebi'ani dubbachuun yookiin afaan Amaaraa makuun walii galu.

Manni obbo Huseen maatii yeroo iccitii qofaa Afaan Oromoo dubbatu miti. Rakkoon akka Miiftaah akka isaan hin mudanneef jecha angafoota isaa Wallaggatti barsiisani.

Afaan walii wallaaluun maatii fi ijoollee orma walittii taasisuu danda'a. Kunii yeroo hedduu obbo Huseen Qixxeessaa yaaddessa ture.

''Afaan ofii wallaaluun seenaa fi aadaa ofii nama wallaalchisa. Kan qaama kootti aanu qooqa kooti.'' jedhu obbo Huseen.

Jaarraa tokko oliif maatiin akka obbo Huseen afaan maatii isaaniin ijoollee barsiifachuuf hin milkoofne.

Heera mootummaa ammaan Finfinneen teessuma Oromiyaa jedhamtus afaan ofin barachuun haga gaaraa ulfaataa ta'ee ture.

Amma hawwiin bara dheeraa Obbo Huseen milkaa'eera. Miiftahifis gammachuudha. Maal si fayyada jennaan, ''Afaan Oromoo ni guddata.'' jedhe.

Miftaaf manni barumsaa Afaan Oromoo haaraadha. Hiriyoota isaa mana barumsaa Atsee Faasil duraan itti barachaa ture keessatti bare mana barumsaa Janaraal Taaddasaa Birruutti argachuu dhiisu mala.

Obbo Huseen ilma isaanii mana barumsaa Atse Faasilitti kutaa shan gahe qixxeessee haa baruuf 4'tti gad-deebisanii Janaraal Taaddasaa Birruutti galmeessisan.

Mana barumsaa Afaan Oromoo
Ibsa waa'ee suuraa,

Mana barumsaa Afaan Oromoo janaraal Taaddasaa Birruu Finfinnee Gullalleetti ijaarame

Maaliif waggaa tokko duubatti deebiftan jennaan, ''Umurii isaa guutuu gabrummaa jaarraa dheeraatti hafuu mannaa waggaa tokko yoo boodatti deebi'ee bilisummaa bara baraa argate wayya," jedhan obbo Huseen.

Ta'een akkasi baay'eedha. Yeroo dheeraaf barattoonni Finfinnee dhufani barachuu fedhan afaan waan hin beekneef akka haaraatti akka baratan taasifama.

Obbo Habtaamuu Namarraan kanaan dura intala adaadaa isaanii kutaa shanitti dabarte yeroo Finfinnee fidan kutaa tokko akka eegaltu gochuuf dirqamanii turan.

Manneen barnootaa akkanaa ijaaruun dirqama bulchiinsa magaalaa Finfinnee ture. Waldaan misooma Oromiyaas yeroo dheeraaf ijaaruuf yaadus hin milkoofne.

Ganna darbe deeggarsa mootummaafi arjomtotaan manneen barnootaa Afaan Oromoo afur kutaalee magaalaa Finfinnee; Eekkaa, Nifaas Silk Laaftoo, Gullalleefi Kolfeetti ijaaramaniiru.

Kan duraa lamaan deeggarsa arjomtota dhaabbata Al-Maktum faawundeeshiniin ijaarame. Deggarsi kun ijaarsa qofaan osoo hin taane baasii hunda haga waggaa shani bahu danda'uu dabalata.

Akka deebiittimmoo kutaa saddeettaffaa booda baratoonnii fedhii qaban afaan Arabaa akka barnoota tokkotti akka barataniif biiroo barnootaan walii galan.

Kunis ta'u maatii obbo Huseeniif manneen barnootaa amma jiran gahaa miti.

''Baratoonni galmaa'an kan karoorfannerraa dachaa lamaa sadii ol ta'e jira,'' jedhu Obbo Alamaayyoo Asaffaa, hogganaan itti aanaa Biiroo Barnoota Oromiyaa.

Haa ta'u malee, kan Aqaaqiitti ijaramuuf jedhame dubatti hafeen ala dhiyeenyaaf mana baruumsaa dabalataa ijaaruuf wanti karoorfame hin jiru jedhaniiru.

Miftaahn haga saddeeti bakka baratu argateera. Isa boodaaf yaada qabna kan jedhu malee wanti lafa qabate hin jiru.

Manneen barnootaa kun mala barnootaa haaraa hin hordofani. Haa ta'u malee, qulqullina barnootaaf jecha deeggarsi addaa taasifamaaf.

Banamuun Mana baruumsa Afaan Oromoo Ijoollee Oromoo, garuu afaan hin beeku jedhan yookin maqaa Oromoo qabaatani afaan lagatan xiqqeessuu mala.

Kanaafi obbo Alamaayyoon manneen barnootaa kun eenyummaaf ijaaraman kan jedhaniif.

''Carraa barnootaa babal'isu osoo hin ta'in gaaffii eenyummaa sabni Oromoo afaan isaatiin bulchiinsa Finfinnee keessatti barachuu dhabe san deebise akka argatu gochuudha.''

Obbo Huseen ilma isaanii qofa miti mucaa mucaa isaanii barumsa idilee duraa (KG) barattus baasani Miftaahittii dabalaniiru. Ofiis immoo mana barumsaa ga'eessotaa dhiyeenya banamu seenuf yaada qabu.

Egaa manneen barnootaa kun jaarraa tokko booda maatii walitti fidaniiru. Abbaa ijoollee obbo Huseenif ammaa booda ilmi abbaa fakkaata.