Waggoota 25, Finfinnee: Hojii Barsiisuu Afaan Oromoo fi Godaannisa koo
Nama Afaan Oromoo waggoota 25'f barsiisaa turaniin wal baraa
Maqaan koo Tafarraa Ta'eeraa Ciibsaa jedhama. Namootni tokko tokko abbaa bunaa naan jedhu, buna baay'isee waanan dhuguuf maqaa naaf kenname dha.
Ambaasaaddaris maqaa kooti. Kun immoo kan namootni hojii barsiisummaa koo jaalatan naaf kennani dha. Maqaawwan koo hunda nan jaaladha, yeroo ittiin na waamanis nan awwaadha.
Ijoollummaakoo irraa kaasee waa'een eenyummaa koo dhimma sammuu koo keessa ture dha.
Kanaafis seenaa saba Oromoo beekuuf maanguddoota irraa iyyaafachuu kanan eegalees yeruma ijoolummaa koo ture.
Kunis seenaan uummata Oromoo barreeffamaan osoo hin taanee afaaniin dhalootarraa dhalootatti darbaa kan dhufe ta'uusaa fi muraasni barreefaman illee baay'inaan dogongora ta'uu isaanitiini.
Ani barnootaan hojjetaa herreegaati(accounting). Bara 1971 ture Yunivarsiitii Finfinnee mana barnootaa daldalaa irraa diiploomaan kanan eebbifame.
Waggoota muraasas oggummaa koo kanaan hojjadheera.
Haa ta'u malee, yeroo keessa daandiin jireenya koo kallattii biraa qabachuu eegale, hojii herreegaa dhiisee hojii waggootaaf abjoochaa ture hojjechuun eegale.
Waggoota 25 darbanif barsiisaa Tafarraan Afaan Oromoo Finfinnee keessa barsiisuuf guddaa dhamahan
Yeroon isaa bara 1985 ture, Afaan Oromoo afaan hojii naannichaa akka ta'uuf erga murtaa'ee bubbuleera, kitaabni waa'ee qubee dubbatu, kan akkaataa barreeffamasaa himu na harka gale.
Anis eeyyama biiroo aadaa fi turizimii Oromiyaa irraa argadheen namoota biroo torba waliin taanee magaalaa Finfinnee mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Baalchaa Abbaa Nafsootti Afaan Oromoo barsiisuu eegalle.
Namoonni na waliin barsiisaa turan torba kunneenis marsaawwan muraasaaf erga barsiisanii booda sababa namootni isin ABO dha nuun jedhanii fi sababoota birootiin hojii barsiisuu dhiisan.
Anis kophaa koo barsiisuu itti fufe.
Haa ta'u malee, waggoota 25'f Afaan Oromoo magaalaa Finfinnee keessatti barsiisaa turuu kootin maqaawwan namootni kaayyoo koo haanqisuu barbaadan jibbaan naaf baasanis nan qaba.
Qubee, Laatin, Oromiyaa, Oduu fi kunneen biroos ni jiru.
Kaayyoo Abbootii, Imaanaa dhalootaa
Afaan tokko dagaaguu kan danda'u namootni afaan sana dubbatan qofa osoo hin taanee sabootni fi namootni biroos afaanicha yoo dubbatani jedheen amana.
Kanaafis namoota Afaan Oromoo dubbatan fi Afaan Oromoo dubbachuu hin dandeenye waa'ee qubee, laafaa fi jabaa, dheeraa fi gabaabaa barsiisaan ture.
Dabalees irra butaa, hudhaa, waa'ee hirmaata afaanii, xalayaa barreessuu fi akkaataa dubbii Afaan Oromoo nan barsiisa.
Hanga ammaattis mana barumsaa Baalchaa Abbaa Nafsootti nama tokkof ji'atti qarshii 12 qofan kaffalchiisa.
Mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Minilikimmoo ji'atti qarshii 15 qofan harkaa fuudha.
Yeroon jalqabes gatiin sanuma har'as sanuma. Maali jedhu barattoonni. Lafaa hin fuune kaayyoo abbootii keenyaa galmaanan gaha.
Yeroo kana keessatti gaazexeessitoonni, barsiisonni, doktaroonni, injinaroonni, qondaaltootni mootummaa fi baratootni yunivarsiitii bakka adda addaa dhufanii na biratti barataniiru.
Barsiisaa Tafarraa Ta'eeraan mana barumsaa Minilik sadarkaa 2ffaatti ala-idileen Afaan Oromoo barsiisu
'Qubee innaa Tafarraa Yiwadmaal'
Karaan kuni ispoonjii ta'e miti kanan hanga har'aatti barsiise.
Rakkoo gurguddaatu narra gahe. Hin barsiisin naan jedhani, dhaabis naan jedhani cuubenis na waraanani 'qubeennaa tafarraa yiwadmaal' jedhaniis mana kootti maxxansani.
Sodaachisuun bubbultee, arabsoon irra deddeebiin natti darbatamaa turte, gara sadarkaa hamaatti ce'uuf akka taate quba hin qabu ture.
Bara 1985 galgala tokko akkuma barame hojii barsiissummaa koo irra turee gara manaa galaan ture.
Guyyaa kana namoonni ani eenyummaa fi eessaa dhuftee isaanii hin beekne, kan Afaan Oromoo akkan hin barsiisne natti dhaadacha turan cuubeen na waraanan.
Taateen kun narratti akka hin uumamneef barattoonni koo guyyaa guyyaan gara mana kootti na gaggeessaa turanillee irraa nan hambisne.
Madaan harka koo kunis sammuu koo keessatti godaannisa hanga ammaa hin daganne uume.
Afaan keenya sukkaara taate
Namootni 'qubee innaa Tafarraa yiwadmaal' jedhanii balbala koo irratti maxxansaa turan, kan iddoon barsiisutti dhagaa natti darbachaa turanii fi natti dhaadachaa turanis booda booda "Afaan Oromoo nu barsiisi" naan jechaa turaniiru.
Barattoonni marsaa barnootaa xumuran eebbi ni taasifamaaf
Kunis afaan keenya sukkaaruma taate na jechisiisa.
Amma yeroon jijjiirameera. Barattoota kuma kudhanii ol magaala Finfinnee keessatti afaanii fi seenaa ummata Oromoo barsiiseera.
Amma manni barumsaa Afaan oromoo Finfinneetti banamuun kuni baay'ee na gammachiise. Kaayyoodhuma Jeneraal Taaddasaa Birruuti kan amma hojjetaa jiru.
Baay'ee na gammachiise. Lafatti hin kufne dadhabbinnikoo.
Daandiin irratti imale mijooftuu, seenaan dabarses mi'ooftuu ta'uu baatullee waggootni digdamii shan darban waggoota boonsaa jireenya kooti turan.
Amma umuriin koo waggoota 63 qaqabeera. Yaadni koo gara fulduraas dargaggootni hojii koo kana akka na harkaa fuudhanii itti fufsiisan gochuu dha.
Huccuu dhuunfaatii miti kuni kan waliiti. Kan walii waan ta'eef tokkummaa uumani na harkaa fuudhu waan jedhuttan amana.

Afaan Oromoo fi Finfinnee: Atse Faasil irraa gara Jeneraal Taaddasaa Birruu
Manni barumsaa ammayyaa Finfinnee keessatti erga eegalee jaarraa tokko booda, kan Afaan Oromoo ijaaramuun hiika danuu qaba.