Dhooqa Danaakil: Lafa garmalee ho'aa addunyaa kanaa

Dhooqa Danaakil kan naannoo Afaar Ityoophiyaatti argamu Image copyright Colbeck, Martyn
Goodayyaa suuraa Dhooqa Danaakil kan naannoo Afaar Itoophiyaatti argamu

Dhooqi Danaakil haroo halluu keelloo fi magariisaan guutame dha. Bishaan gubaan achii ol keessaa danfa. Ho'a irra darbee, gaaziin kilooriinii fi saalfarii hafuura baafachuu nama dhowwa.

'Karra jaannamaa' jedhamuun kan beekamu dhooqni Danaakiil kun adduunyaa kana irratti addumaatti akka abiddaa gubuudhaan kan beekamu yoo ta'e illee, lubbu qabeeyyiin akka keessa jiraatan qorannoon dhiheenya kana qoratame tokko mul'iseera.

Handhuura gaanfa Afriikaa keessatti kan argamu gammoojjiin yookaan lafa gad-jedhaan Danaakil, ho'a isaa irraa kan ka'e bakka namni jiraachuu hin dandeenye, fagoo fi qorannoon kessaatti gaggeefamee hin beeknee dha. Bakki kun naannoo Afaar keessaa meetira 100 sarara galaana gaditti kan argamu dha.

Bakkichi qaama sulula baaha Afriikaa yemmuu ta'u, humna keessoo dachee irraa kan ka'e yeroo ammaatti ardiilee sadii addaan baasuun lafti haaraa tokko bakka itti umamuuf deemuudha jedhame ammanamuu dha.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Gamoojjii Danaakil lafa gubaa haa ta'u malee oomisha ashaboof immoo mijataa dha.

Lafti isaa jabaataa hinta'iin malee, gogaa fi bokkaan yeroo bayee kan kessaatti hinroobne dha. Ho'ii naannoo kanaa yeroo baay'ee digrii seentigireedii 45 oli. Volkaanoo yookin Burkaana sochoo'aa lamatu dhooqa kana keessa jira. Inni tokko Ertaalee kan jedhamu yeroo ta'u danfa lafa keessaa ol folfolu asiidiin wal make kan baaasuu dha.

Bishaan soogiddumma qabu galaana irraa dhufu wantoota burkaanni yookin volkaanoon lafa keessaa baasu wajjiin gafa wal maku halluu addaa addaa uuma. Soogiddaa fi Salfariin naannoo sanatti argaman yeroo wal makanis bifa kelloo uumuun naannichi argama hawwataa akka qabaatu taasisa.

Haalli qilleensa naannoo kanaa jireenyaaf mijataa miti. Kanaafu biqiltuuwwanii fi lubbu qabeeyyii muraasatu as jiraata. Naannoon Daalool walumaagalatti jireenyaaf bay'ee cimaa yeroo ta'u dhiheenya irratti kan argamtu Hamadeella keessa garuu horsiisee bultoonni Afaar muraasni ni jiraatu.

Image copyright imageBROKER / Alamy Stock Photo
Goodayyaa suuraa Biqiltuu fi Lubbu qabeeyyii muraasatu naannichatti argama

Sababa ho'a olaanaa fi rakkoo nageenyaa naannoo daangaa Itoophiyaa fi Eertiraa gidduu jiruun waa'een naannoo kanaa osoo hin baramiin tureera.

Qorannoon bara 2013 jalqabee qoratamaa jiru tokko akka Danaakiliif xiyyeeffanaan kennamu taasiseera.

Bara 2013 jalqabanii namoota naannoo kanatti qorannoo qorataa turan keessaa Yunivarsiitii Boloonyaa biyya Italii irraa kan dhufte Baarbaraa Kavalaas "Naannichi baay'ee adda dha, ho'i isaa giddu galeessaan hanga digirii sentigireedii 48 gaha. Gaaf tokko digirii sentigiredii 55 safaruu keenya nan yaadadha" jetti.

Daalool keessatti bishaan ol burqu ammoo digirii seentigireedii 100 dha. Qorattoonni gaasii summaawaa Hayidiroojin Salfaayid irra of eeguutu isaan irra jiraata. Qilleensi daaraa Kilooriinii naanno sanatti argamu akka somba isaanii hin xuqneef yeroo hundaa golgaa gaasii irraa isaan eegu kaawwachuu qabu.

"Soogidda irra keessa isaa uffisee jiru kun yeroo irra ejjetamu cabee keessa gad bu'uu waan danda'uuf, of eegannoo guddaa gochuu qabdu," jetti Kaavalaaz. Bishaan hanga digirii seentigreedii 100tti danfee fi asiidawaa ta'e kana kessaatti yoo kuftan, balaa guddaa irra nama busa. Sanuu ammoo manni yaala dhihoo sanatti argamuu dhabuun immo caalaa yaachisaa ta'a.

"Bara 2013 yeroo hojii kana jalqabnu, akkamitti hojjachuu dandeenya kan jedhuratti ture kan xiyyeeffanne. Firiijii fi keemikaalota saamuda qorannof fudhannu keesa keenyu achi geessuun waan hin danda'amneef cimsinee yaaduu fi kariirsuun nurra ture," jetti Kaavalaav.

Bara 2016 keessa lubbu qabeeyyiin haroo ho'a guddaa qabu kana keessa jiraachuu maluu shakkii jedhuun qorattoonni saamuda sassaabuun qorachuu jalqaban. Ho'aa fi asiidummaa bishaan haroo sanaas safaruu eegalan.

Bara 2017 keessas saamuda fudhachuu itti fufan. Ji'a sadii booda laaboraatooriin garee qorattoota Kaavalaav, baakteeriyaa irraa DNA fudhachuun lubbu qabeeyyiin dhooqa Danaakil keessa akka jiran yeroo jalqabaaf mirkaneessuu danda'an.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Haroo Dhooqa Danaakil

Baakteriyoonni achitti argaman kunis 'polyextremophiles' kan jedhaman yeroo ta'u, naanno ho'aa baay'ee olaanaa, asiidummaa fi Ashaboo qabu keessa jiraachuu kan madaqani dha.

Qorannoo isaanii hin maxxansamiin kana keessatti, saayintiistonni kunneen, baakteeriyaa lubbu qaban gosa lama bakka garaa garaa lamattiargan. Burqaa ashaboon keessaa ol danfuu fi haroo xixiqqoo naanno sanatti argamu kessatti ture.

Haroowwan xixiqqoo naannoo kanatti argaman, akka burqaa ashaboo ho'i isaa digirii seentigireedii 55 hin gahu. Bishaan isaas adda dha: ashabummaa of keessa haa qabaatuyyuu malee asiidummaan isaa gadi aanaa dha. Jalli haroo kana burkaana waan qabuuf bishaan isaa Karbon dayooksaayidiin kan badhaadhe dha.

"Haroon kun maqaa adda addaatiin waamama. Namoonni naanno sanaa "Gaat'aalee" yookaan "aaraat" jedhanii waamu. Haroo zayitaawaa yookaan Haroo bifa keelloo jedhanii kan waamanis jiru. Kaan immoo 'haroo ajjeesaa' jechuun waamu. Kunis gaazii Karbon daayoksaayid jedhamu irraa kan kaa'ee bineeyyiin xixiqoon akka simbirrootaa yeroo bishaan dhuguuf gara haroo kana dhaqan gaazii kanaan ukkaamamani waan du'aniifi," jechuun qoratuun Baarbaraa Kavalaas ibsiteetti.

Karbon dayooksaayidiin gaasiiwwan biroo irra ulfaatina waan qabuuf lafatti gadi bu'ee argama. Lubbu qabeeyyii gurguddoon kan akka namaa lafa irraa ol dheerina qaban balaan irra gahu hagana hin jiru.

Haa ta'u malee lubbu qabeeyyiin hanga sentimeetira 30 lafatti dhiyaatan kallattiin karbon daayoksaayidii baay'ee gara keessaatti waan fudhataniif du'u malu.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Haroo salfariif ashaboo kan dhooqa Danaakil

Argannoon gartuu qorattoota kanaa tokko riikoordii haaraa kan galmeessise dha. Kunis haroo asiidummaan isaa PH zeeroo ta'e keessatti lubbu qabeeyyiin argamuu isaaniiti. PH'n safartuu asiidii yoo ta'u, PH zeeroo jechuun gar malee asiidawaa dha. Hammi asiidii kanaan dura lubbu qabeeyyiin keessatti argaman PH 2 yoo ta'u, biyya Ispeen kessaatti ture.

"Maarsii irra dhooqa Danaakil keessa kan jiran wajjiin kan wal-fakkaatan kuufamni Salfeetii fi albuudawwan biroo jiru. Bishaan ashabaawaa darbee darbee yaa'us jira."

"Bakkeewwan akkas ulfaataa ta'an keessa lubbu qabeeyyiin jiraachuu fi akkamiin akka jiraatan qoratanii baruun, pilaanetoota biroo akka Maarsii irra akkamiin jiraachuun akka danda'amu akka barruuf nu gargaara" jetti Kaavalaav.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan