Qilleensa mijeessuun attamiin addunyaa jijjiire?

Meeshaa qilleensa qabbaneessuu Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Meeshaa qilleensa qabbaneessuu

Mee haala qilleensaa bantuu fi cuftuu sochoosu qofaan to'achuu danda'uu keenya yaadi. Qilleensa ho'isuu yookin qabbaneessuu, fi jiisuu yookin gogsuu.

Silaa ongee ykn lolaan, aduu saafaa ykn daandiin cabbiin irra tuulame hin jiraatu. Gammoojjiin ni lalisa, Oomishnis gonkuma gogee hin badu.

Dhalli namaa haga fedhe qaroomus, mala haala qilleensaa, manaan alaatti to'achuu isa dandeessisutti hin dhiyaanne.

Garuu erga meeshaaleen qilleensa mijeessan kalaqamanii as, qilleensa mana keessaa to'achuun danda'amee jira. Kunis dhiibbaa hin eegamne fi yeroo dheraaf turan geessisee jira.

Dhalli namaa erga abidda uumee kaasee qilleensa qorra ho'ifachuu danda'ee ture. Rakkoo kan ture qilleensa ho'aa qabbaneessuu dha.

Mootiin Impaayera Roomaa durii Elgabulus jedhamu tokko cabbii tuulluuwwan irraa fichisiisee mooraa isaa keessatti akka tuulamu gochaa ture, qilleensa qabbaneessuuf.

Rakkina qilleensa jiidhiina qabuu

Hojii uumaan biyya Ameerikaa Fredirik Tudoor, jaarraa 19 keessa, waqtii gannaa tullaa cabbii haroo'New England' keessaa walitti qabee, wantoota gara biraa irraa ega adda baasee booda gara bakkeewwan ho'aatti geesse daldaluun bu'aa guddaa irraa argate.

Goodayyaa suuraa Cabbiin wayita sassaabamu 1850'n keessa

Hanga bifa nam-tolcheen cabbii tolchuun danda'amuuttis, hongeen cabbii haroo kana akka hin mudanne sodaatamaa ture.

Qilleensa mijeessuun kan eegalame bara 1902 keessa yoo ta'u, innis tajaajila dhala namaaf akka oolu yaadamee hin turre.

Kaampaniin maxxansaa Niiwyoork tokko wayita maxxansa halluu maxxansuuf yaalutti, jijjirami jiidhina qilleensaa baay'ee isa darare. Maxxansa halluu maxxansuuf waraqaa tokko irratti si'a afur maxxansuun dirqama, kana giduutti jiidhinni qilleensaa yoo jijjiirame waraqaan sontooruu fi diriiruu waan danda'uuf, wanti maxxanfamu walirra bu'ee dogoggora uuma ture. Kanaaf jecha manni maxxansicha kaampaanii ho'iinaa Bufaaloo Forji jedhamu mala jiidhina qilleensaa to'atu akka omishuuf gaafate.

Injinarri Ameerikaa dargaggeesi Wiilis Kaariyer, qilleensi wayita sibiilota dheerinaan tarree galanii walitti hidhaman, kan dhangala'aa amoniyaatiin ukkaamfaman irra yoo deddebi'u, jiidhinni isaa %55 irratti akka dhaabatu gochuun akka danda'amu irra gahe. Maxxansitoonnis ni gammadan.

Image copyright CARRIER
Goodayyaa suuraa Wiilis Kaariyer bu'aa kalaqa isaa fageesse yaade

Bu'aalee Heedduu

Kaampaniin Buufaloo Foorjis kalaqa Wiilis Kaariyer kana industiriiwwan maamiltoota isaa jidhiinni qilleensaa rakkina itti uumaa jirutti hatattamaan gurgurate. Industiroonni haala qilleensaa hojjettotaaf mijeessu badaa hin yaanne ture, garuu innis bu'aa tasa argamee dha.

Bara 1906tti, Kaariyer 'mijaa'iinaaf' namootaaf jecha gamoowwan hawaasaa akka tiyaatiraa keessatti hojiirra oolchuuf qorachaa ture. Seenaa keessatti sababiidhuma ho'a olaanaatiif manneen tiyaatiraa wayita bonaa ni cufamu turan.

Hawaasni waliigalaas meeshaa qilleensa mijeessu kana yeroo jalqabaatiif kan argan bara 1920nitti galma tiyaatiraa guddachaa jiruutti yoo ta'u, hatattamaanis akkuma filmiiwwani barbaadamummaan isaa dabalaa dhufe.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Kalaqni mijessituu qilleensaa haala manneen Ameerikaa kibba geeddareera

Teknoolojii Jijjiirama

Wayita garmalee ho'anitti komputaroonni waan hojii dhaabaniifu, mijeessituu qilleensaa malee kaadimtuuwwan ykn sarvaroonni baankii gurguddaa intarneetiif annisaa kennan hin jiraatan. Dhugumattis warshaaleen qulqullina qilleensaa isaanii kan eeguu hin dandeenye yoo ta'e, yeroo hundaa meeshaalee jijjiirraa komputaraa omishuuf carraaqna ta'a.

Mijeessituun qilleensaa damee ijaarsaa fi dizaayinii manneeniis jijjiiree jira.

Ijaarsi gaariin haala qilleensaa ho'aa keessatti yoo ijaaramu, keenyan furdaa, baaxii ol dheeraa, haratii (balcony), mooraa fi foddaawwan biiftuutti fulleeffatan akka qabaatan yaadama.

Manneen dogtrot kibba Ameerikaatti beekamanis qilleensaaf akka mijatanitti koriidarii dhumnisaanii banaa ta'een kan hiramanii dha. Mijeessituu- qilleensaatiin duras, gamoowwan dhedheeroon fuldurri isaanii of-laalee ta'e filannoo gaarii hin turre.

Mijeessituun qilleensaa haala caasaa ummataa illee geeddaree jira. Fakkeenyaaf, isa malee guddina magaalota akka Dubaayii fi Singaapoor yaaduun cimaa ture.

Ameerikaatti walakkeessa jaarraa 20ffaa keessa lakkoofsi maatii garmalee kan dabale yoo ta'u, baay'inni uummataa bakka ho'aa kibba biyyattii %28 irraa gara %40 tti guddate.

Keessattuu namoonni sooram bahan kaabaa gara kibbaatti socha'uun isaanii madaala siyaasa naannichaa geeddaree jira. Pireezidantiin Ameerikaa durii Ronald Reegan Sababii mijeessituu qilleensaan filataman jechuun morma ture, barreessichi Istiiv Joonson.

Reegan bara mijeessituu qilleensaa addunyaa keessaa walakkaan ol Ameerikaan itti fayyadamtu, bara 1980 taayitaa argate.

Erga guddinni dinagdee saffisaan mul'atees: Chaayinaan dhiheenyatti addunyaa dursuuf deemti. Magaalota Chaayinaa keessatti ammeentaan manneen mijeessituu qilleensaa qabanii waggoota 10 keessatti harka kudhanii gadii gara sadii keessaa harka lamaatti (2/3) ol guddataniiru.

Biyyoota akka Indiyaa, Biraaziil fi Indooneezhiyaattis, gabaan mijeessituu qilleensaa ariitii dijiitii lamaan babal'achaa jira. Kana caala akka guddatus ni eegama. Magaaloonni gurguddoon addunyaa 11 gammoojjii keessatti argamu.

Guddinni mijeessituu qilleensaa sababii baay'eef jecha oduu gaarii dha.

Innis tibba dambalii ho'inaatti balaa du'aatii akka hir'isu qorannoowwan ni mul'isu. Ho'ii hidhamtoota mana sirreessaa keessaa boqonnaa dhabsiisa - kanaafuu mijeessituun qilleensaa wal dhabdee hir'isuun ofuumaa gatii ofii kanfala.

Galma qormaataa keessatti ho'inni yoo seentiigireedii 21 ykn 22 ol tarutti, barattoonni qormaata herreegaatiin qabxii gadaanaa galmeessu jalqabu.

Biiroolee keessattis mijeessituun qilleensaa akka bu'a qabeessa taanuuf nu gargaara. Akka qorannoo kanaan duraa tokkoottis, barreessitootni mootummaa Ameerikaa hojii caalmaa %24 akka raawwataniif gargaareera.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Geejjiba irratti illeen haala qilleensaa to'achuun murteessaa dha

Dhugaa fudhachuuf nama rakkisu

Namtichi Wiliyam Nordihos jedhamu qorannoo qorateen, omishtummaan lammiilee biyyoota qilleensa ho'aa, kanneen biyyoota qilleensa qorraa caala gadi bu'aa dha.

Dhugaan fudhachuuf nama rakkisu: mijeessituuwwan qilleensa wayita mana keessaa qilleensa qabbaneessan, alaa ho'i akka dabalu gochuudhaani.

Qorannoon Arizoonaa, Fiineeks keessatti qoratameen ho'i mijeessituuwwan qilleensaatiin gadi dhiifamu, ho'iinsa qilleensaa magaalaa tokkoo wayita halkanii digirii seentigireedii 2'n akka dabalu mirkanaa'eera.

Sirni qabaneessu daandii baaburaa lafa jalaa gara sadarkaa ho'a garmaleetti geessuu danda'a.

Ho'a kana qabbaneessuuf yeroo baay'ee cilee jijjiirama qilleensaatiif gumaatutu faayidaa irra oola. Kun ammoo yoo naannootti makame balaa hamaa qaqqabsiisuu danda'a.

Haa ta'u malee, teeknooloojiin mijessituu qilleensaa qulqulluu fi naannoo kan hin faalle ta'aa jira.

Fedhiin ariitiidhaan dabalaa jira- namoonni yaada gaarii qaban waa'ee argannoo gama kanaan ta'uu danda'an irratti sirrii yoo ta'an iyyuu, bara 2050tti ammo itti fayyadamni anniisaa dacha saddeetiin ni dabala.

Kunis gama jijjiirama qilleensaatiin oduu yaachisaadha. Yeroon itti kalaqa qilleensi manaan alaa itti to'atamu itti argannu yoom laata?