Motarri Rudoolf Diizil attamiin addunyaa geeddare?

Chaappaa biyya Jarmanii Ruudolf Diiziliifi motorasaa agarsiisu Image copyright Shutterstock

Rudoolf Diizil osoo bu'aa kalaqaa isaarraa hin fayyadamin, haala hinbeekamneen lubbuun isaa dabarte.

Yeroonsaa halkan keessaa sa'aa 4:00tti ture, Rudoolf Diizil doonii SS Dresden jedhamtuun, Beeljiyem irraa ka'uun Bo'oo Ingiliiz (English Channel) qaxxaamuraa kan ture.

Kalaqaan kun waa'ee liqii cimaa fi dhalasaa deebisee kanfaluun hindandeenyee cimsee yaadaa ture. Galmee guyyee (diary) kan guyyaa Fulbaana 29 bara 1913 isaa irratti, nama hinbeekamneen mallattoo ''X'' kaa'ame ture.

Diizil oggasuu kutaa keessa jiru keessaa gara alaa bahe. Kootii isaa baafachuun fannise. Achiinis, dallaarraa gara gadii utaale, moo hin utaalle laata? Diiziliin namatu ajjeese malee of hin ajjeesne warri jedhanii shakkanis jiru.

Mee gara ALA 1872, waggaa 40 gara boodaa deebii'uun haa ilaallu. Baaburrii fi warshaaleen ennaa humna hurkaan dalagan, geejjibni magaalotaa garuu ammas fardaan gaggeefama. Baruma sana qufaan fardeenirraa ka'e magaalota Ameerikaa mudde.

Fakkeenyaaf, magaalaan jiraattota miiliyoona walakkaa qabdu, fardeen 100,000 qabaatti. Fardi tokko guyyaatti faandoo kg 15fi fincaan litira 4 baasuun lafa xureessa. Motorri mala geejjibaa kana bakka bu'u akka raajiitti ilaalama.

Motorri mala kana baaka bu'u inni jalqabaa, motora hurkaan hojjetudha. Konkolaatonni humna hurkaan dalagan, akka dansaa dalagamaa turan. Inni biroo ammo, motoora waa gubuu (internal combustion) ture - kan humna boba'aa, gaazaafi baarudaan dalagu. Ennaa Rudoolf Diizil barataa turetti, gosoonni motooraa lachanuu tajaajilaan ala tahanii turan.

Image copyright Alamy
Goodayyaa suuraa Karoora motoora waa gubu Rudoolf Diiziliin bara 1897tti kalaqame

Diizil kana foyyeessuuf kutate. Motorri isaa inni jalqabaa si'aawinni yookaan bu'a qabeessummaan isaa harka 25 ol ture. Yeroo har'aa motorri Diizil dansaadha jedhamu, si'aawina %50 qaba.

Sababni bu'a qabeessummaa motooraa Diizil gariin, haala inni itti boba'aa abiddaan qabsisuudha. Motorri boba'aa tokko, boba'aafi qilleensa walitti cuunfuun, qaanqee ibiddaa itti gadhiisuun qabsiisa.

Adeemsa walitti cuunfuu kana keessa, yoo makaan tokko baayyate, motorichi ajajaan ala ibidda qabsiisa. Kun ammoo bu'a qabeessummaa isaa daran xinneessa. Kalaqaan Diizil garuu, qilleensa qofa cuunfuun, akka ho'u taasisa. Kun ammo, yeroo barbaadamutti boba'aan ibiddaan akka qabatu taasisa.

Adeemsi cuunfuu kun reeshiyoon isaa olaanaa tahu, boba'aa xiqqaa barbaada. Milkaa'inni kun Rudoolfif akka yaadetti hin taanef. Maamiltoonni isaa hedduun akka qarshiin isaanii deebi'u gaafatan. Kunimmoo kalaqaan kun kasaaraa keessaa hinbaane keessa akka seenu taasise.

Haatahu malee Rudoolf abdii hin muranne. Ittuma fufuun motora kana foyyeessuusaa itti fufe.

Foyya'inni biroos mul'achuu eegalan. Motorri Diizil (naafxaa), motora boba'aan (petrol) hojjetaniin addatti boba'aa ulfaatu fayyadamuu eegalan. Naafxaan kunis qulqulleessuuf (dhimbiibuuf) boba'aa kaanirra rakasa tahuusaa caalaa, balaan inni qaqqabsiisuus xinnaadha.

Keessattuu kun akka inni tajaajila geejjibaa oltuuwwaniif akka filatamu taasise. 1904tti, dooniin bishaan jalaa (submarine) Faransaay, motora isaa fayyadamuu eegalan.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Konkolaatonni naafxaa haa qaala'an malee, fayyadamni isaanii rakasa

Kun egaa sadoo (shakkii) waa'ee du'a Rudoolf Diizil isa jalqabaatti nu geessa. Awurooppaa bara 1913tti, oduun waraanaa iddoo hundarraa dhagahama ture. Dheebuun maallaqaa kan itti hammaate Jarmaniis gara Landanitti kutaa turte. Gaazexaan tokkos akkas jechuun gabaase: 'Kalaqaan tokko, ragaa kalaqasaa mootummaa Biritaaniyaa irraa dhaabsisuuf bishaanitti of darbe.''

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Yaadni Diizil kan zayita lawuzaa, yeroo ammaa kana, naafxaa uumamaa jedhamuun, akka guddoo leellifamaa jira

Osoo Diizil oggas hin dune tahe, tarii diinagdee addunyaa kanaa lowziitu (ocholoonii) gaggeessa ture.

Maqaan Diizil jedhu, boba'aa jikitaa (crude oil) waliin garmalee ka'a. Haatahu malee, Rudoolf motorri isaa boba'aa gosa garagaraa akka fayyadaman taasisee kalaqe: daaraa kasalaafi zayita kuduraawwaniis dabalee. Bara 1900, Paaris Worlid Feer irratti, modeela motoraa kan zayita lawuziin dalagu agarsiisee ture.

Bara 1912 du'uusaatin waggaa tokko dura, Rudoolf Diizil, zayitni kuduraawwanii, akka boba'aa kaanii barbaachisaa akka tahu raajee ture.

Mul'anni kun abbootii qabeenyaa warshaalee boba'aa qabaniif gammachiisaa hinturre. Milkaa'inni mullata kanaas du'a Diizil waliin sakaalamee hafe. Sadoon inni lammeessoos kana: ''Abbootii qabeenyaa boba'aatu ajjeechise.'' jedhe gaazexaan tokko.

Rudoolf Diizil irra wanta gahe dhibbaan dhibba beekuu hin dandeenyu. Reeffi isaallee qoratamee akka bira hin gahamneef, guyyoota 10 booda bishaan keessaa bahe. Guyyoota hagasiin booda ammoo reeffi ni tortora.

Du'a Diizil

Motorri Rudoolf Diizil kalaqe, akkuma isaa awwaalamuun isaa waan oolu miti.

Ammas si'aawinaan motora boba'aa haacaalu malee, motorri boba'aan hojjetus foyya'ina gurguddoo agarsiisaa jira. Rakkoon guddaan motora naafxaa - faalama qilleensaati.

Gaazoonni miidhaa qaqqabsiisan motoroota naafxaa irraa bahan, du'a namootaa yeroon malee miliyoonootaan lakka'amaniif gumaacha.

Magaalonni tokko tokko konkolaattota motora naafxaan socho'an, bara 2025 irraa kaasee dhorkaniiru. Biyyoonni tokko tokko ammo, gurgurtaa konkolaattota motora naafxaan socho'an bara 2040 irraa eegalee dhorkaniiru.

Kisaaraafi ajjeeftuun argachuu baattuyyuu, Diiziliin, faalamni qilleensaa isa argachuun isaa hinoolu.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan