Gatiin ifaa gadi cabaa dhufuusaa baruun maaliif nu gargaara?

bulbii ifaa Image copyright Thinkstock

Walakkeessa 1990 'otaa keessa hayyuun diinagdee Wiliyaam Nordihaawus jedhamu waa'ee ibsaa ilaallatee qorannoolee xixiqqoo adda addaa godhee ture.

Jalqabarra teknooloojiiwwan turan irratti xiyyeeffate: qoraan irra abidda qabsiise.

Haa ta'u malee Profesarri kun meeshaa hammayyaa of harkaa qaba: kunis meeshaa ifa safarudha.

Qoraan kiiloo 9 qabsiisuun yeroo hamammii keessatti akka boba'ee dhumu xiinxalaa, ifa inni kennuus meeshaa kanaan safaruun galmeessa ture.

Itti aansuun kurraazii bitee, fo'aa itti galchuun dibata saliixii qabanawaatti cuunfamee itti guutee bobeessuun dibati kun hagam akka gadi deemuu fi ifa walfakkaataa inni kennu meeshaadhuma sanaan safaruun galmeesse.

Akka xinxala profeesara kanaatti, qoraan kiiloo 9 kun kan inni boba'aa ture sa'aati 9 qofa yeroo ta'u, boba'aan cuunfaa saliixii irraa hojjetame kun garuu shiinii tokko waanti ta'u guyyaa guutuu boba'uu danda'e.

Maaliif kan hojjechuun isa barbaachisee?

Barbaachisummaa qoranno kanaa hammam ifaan ammayyaa kan ta'e ampooliin har'a ifaaf itti fayyadamnu teekinooloojiwwan duraan turan wojjin yeroo walitti madaalaman faayidaa dinagdee akkamii akka fidan baruu fi baasii kana dhiheessuuf ba'u sirriitti hubachuufi.

Image copyright iStock
Goodayyaa suuraa Professer Noordihaus kuraaziin dibataan boba'u kan Roomaatti hojjetame kun ifa wayyaaha akka kennu hubate

Baay'ee mi'aawuu ifaa

Ifi, luumeen kan jedhamuun safarama. Shaamaan (dungoon) tokko yeroo boba'u lumeenii 13 qaba. Balbiin tokko immo hanga harkaa 100 kan ta'u dungoo caalaa ifee boba'a.

Kanumaan walqabatee mee hojii sa'aatii 60 yaadatti haa fudhannu. Kunis guyya guyyaatti sa'aatii 10f hojii qoraan funaanuu fi muka falaxuu guyyaa ja'aaf hojjechuudha haa jennu.

Hojii dadhabsiisaan hammas gahu kunis ifa luumenii 1,000 qofa maddisiisuuf nu gargaara.

Haa ta'u malee ampooliin ifaa hammayyaa tokko ifa hammas gahu daqiiqaa 54 keessatti ibsuu danda'a.

Akkuma beekamu, namni ifa qofaaf miti kan qoraan kan bobeeffatu: abiddi ofii ho'a namaaf kenna, mana hoo'isa, ittin nyaati bilcheefama, akkasumas bineensa sodaachisuufis nama gargaara.

Yoo ifa barbaadda ta'ee fi filmaata ati qabduu qoraan qofa boobeessu yoo ta'e, filannoo ati qabdu tari hanga aduun baatutti eeguu ta'uu mala.

Waggoota kuma tokko dura garuu, filmaati wayyaa'aa ta'e argame ture - kunis - shaamaa/dungoo biyya Misiriin fi Kireete kan Griikii keessatti argamtu akkasumas ibsaa dibata irraa argame kan biyya Baabiloon irra argaman warra jalqaba turan.

Ifti isaan kennu danda'anis kan wayyuu fi gaarii haa ta'u malee gatiidhaan immoo mi'aa turan.

Akka galmeen himutti, jalqaba Ebla 1743 keessa Prezidaantii Yuniversitii Haarvaard kan ta'an Luba Ediwaard Hooliyooke jedhaman, maatiin isaanii duungoo kiloo graamii 35 ulfaatu cooma horii irraa hojjechuuf guyyaa lama guutuu akka itti fudhatu galmeessanii turan.

Bara sanatti abbootiin qabeenyaa gagaa dammaatti yeroo fayyadaman, irra caalaan namoota immoo duungoo cooma horii irraa hojjetamanitti gargaaramu turan. Dungoowwan akkasii immoo baay'ee cinca'oo fi aara hedduu kan baasaniidha.

Cooma horii kana walitti qabanii baqsuudhaan, deebisanii deddeebisanii fo'aa keessa cuphuudhaan duungoo akka inni ta'u gochuun hojii cimaadhaafi kan yeroo namaa fixu ture.

Image copyright WORLD HISTORY ARCHIVE / ALAMY STOCK PHOTO
Goodayyaa suuraa Kubaaniyaan Taalowu Chandilaar jedhamu cooma baqee keessa fo'aa cuphuudhaan yeroo dungoo hojjetu

Akka qorannoo Profeessor Noordhaawustti, yoo waggaa tokko keessatti torban tokko ramadnee sa'aati 60f dungoo hojjenne, yookaan hojii sa'aatii 60 hojjennuun mindaa argannuun hundaan yoo dungoo binne, galgala galgala guyyaa hundumaa sa'aati lamaa fi daqiiqaa 20f dungoo bobeeffachuun waggaa tokkoof nu gahuu danda'a.

Akka jaarraa 18ffaa fi 19ffaan galeen waanti hundumtuu jijjiramuu jalqabe.

Dungoon /shaamaan qabiyyee Ispermii kan gagaa fakkaatu mataa qurxxummii isa qaamaan guddichaa uumama hundaa caaluu kessaa fuudhatamu irraa kan hojjetamutu dhufe.

Ameerikaa gad bu'uruun Abbaa Ameerikaa jedhamee kan beekame Beenjaamiin Fraankliin dungoo Ispermii mootii qurxummi kanarra hojjetamee kun ifa adii inni kennu jaallachuun 'kun harkatti yoo qabatanis ta'e yoo ho'a keessa tures dafee hinbaqu, yeroo dheeraafis ifu ni danda'a' jechuun galmeesseera.

Gara caalutti tarkanfachuu ifaa

Ifaan shaamaa irra argame gamachiisa haa ta'u malee gatiin isaa immo mi'aa ture.

Jorji Waashington baasii shaamaa irratti godhamu ilaalchise akka herregetti, sa'aatii shaniif turu kan danda'u shaama tokko guyya guyyaatti yoo bobeefanne, wagaatti hanga $9 baafna kunnis akka mallaqa har'aatti $1000 olitti eregama.

Wagoota kudhanoota xiqoo booda, ibsaan butaa gaazii fi gaazii adii (Kerosene) baasii ifaaf bahaa ture akka gad-cabsuu irra darbe shaamaa hojjechuuf kan itti fayyadamamaa turame akka qusatamu taasiseera. Haa ta'u malee kunnis argachuun isaa dadhabsiisa ta'u caalaa yeroo lafa irratti dhangala'u fi baqu abbidda qabachuun balaa gubbachuu fiduu jalqabe.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Toomaas Edisooniin bulbiin hojjetamee kan jijjiirama teknooloojii guddaa fide ture.

Kana booda ture kan kalaqni bulbii yookaan ampoolii inni jijjirama gudda fide kan as bahe.

Bara 1900 keessa, nama Toomaas Edisoon jedhamuun bulbiin hojjetamee ifa gaarii fi dacha 100 kan shaamaa caalaa ifu yeroo ta'u, guyyaa 10f walitti aansee ifuuf kan danda'uudha. Gatiin kanaaf kaffalaamu mindaa sa'aati 60f hojji dadhabsiisaa hojjenne argannu wojjin walgita.

Bara 1920 keessa immo gatiin ifaa bulbii tokko irraa argamu gad bu'uudhaan mindaan torbaniin sa'aatii 60 hojjechuun Kan duraan ifaa guyyaa 10f qofa kafalaa turame amma garuu kan ji'a shanii akka kafaluu danda'u ta'eera.

Bara 1990tti immoo waggaa 10 ta'e.

Waggaa lama booda immo, sababa kalaqa bulbii fluooresentii kan humna ibsaa hamma tokko qusatu irra kan ka'e, humnni namaa kan dur ibsa bulbiin daqiiqaa 54 qofaaf akka ibsuuf godhaa ture amma bara kana keessa garuu waggoota 52f hamma burqisuusuu danda'uutti ga'eera.

Mallattoo kalaqaa

Akkasumas argamuu ifaa LED irraa kan ka'e gatiin ifaa guyyaadha guyyaatti irra caalaa rakasaa jira.

Image copyright IStock
Goodayyaa suuraa Bulbiin ifaa kan LED jedhamu humna electikaa guddoo kan qusatuudha.

Akkasumas, ifti bulbii hamayaa irraa argamuu akka dungoo dibataa fi gagaa irraa argamuu utuu hinta'in: qulqulluu, aara kan hinqabne, balaa abiddaa kan hinfidnee fi akka barbaachisaa ta'etti kan to'atamu danda'uudha.

Kanaafu, kalaqni bulbii kun karaa baay'ee kan haawwaassa keeny jijjiirera jechuun ni danda'ama. Hagam halkanni yoo dukkana ta'e iyyuu, yeroo barbaanee fi bakka barbaannetti hojii keenya hojjechuuf haala mijetaa nuuf uumeera.

Egaa, namoota baayy'ee biratti bara tokko gatiin isaa daran mi'aa fi kan hindanda'amne kan ture, hara'a immoo rakkasaa fi waa'ee isaa yaada'uun kan nama hinbarbaachifne haa fakkaatu malee, gatii ifaa kan dur dur turerraa hamma kuma 500,000 gad kufuu danda'uun issaa qofti seenaa gudda fi gamachiisaa akka ta'e seena kanarra hubanna.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan