Dho’iinsi keemikaalaa uummata Teksaas lolaan gaaga’e yaaddessaa jira

Balaa Hiwstanin loltoonnii kumaatama ta'an ummata gargaaruuf carraaqaa jiru Image copyright Reuters
Goodayyaa suuraa Lammilee Biyyattii rakkatanif helikoptarri barbaachisaa ta'eera

Jiraattonni magaalaa Hiwustan rakkoo lolaa fi rooba qilleensa makaten gaaga'amaa jiranitti warshaan kemikaalaa dhiyeenya jiru yeroo dhihooti dho'a oduun jedhu sodaa uume.

Guyyoota roobni cimaa roobe keessatti warshaan keemikaalaa Arkemaa jedhamu oomisha dhaabu waan hin dandeenyef balaan ibiddaa umamuu akka danda'u beeksiseera.

Haga ammaatti rooba qilleensa makate roobu 'Hariken Harviin'n namoonni 33 du'aniiru.

Goodayyaa suuraa Lafi gadi-aanaa Niw Orliyaans rooba 25mm ta'u sa'aatii 36 gidduutti argatuun lolaaf saaxilamu danda'a

Lammiileen Itoophiyaa Hiwstan Teksaas jiraatan BBC'f akka himanitti haga ammaa isaan keessaa namni miidhaan irra gahe hin jiru.

Haa ta'u malee, lammiileen lolaan mana isaanii jalaa guutee, dahoo yeroof qophaahe keessa jiraachaa jiru.

Haati ijoollee sadii Waynii Saamu'eel lolaan mana guutee baqachuun dahoo mootummaan qixxeesse keessa jiraataa jirti. Ijoolleen ishii balaa umameen rifaatuu keessa hin baane.

Kutaa Hiwustan lolaan baay'ee hin miidhamne keessa kan jiraatu Bafiqaaduu Morodaa, guyyoota shaniif manaa bahuu dhabuu isaa malee rakkoon biraa isa hin qunnamne.

Image copyright Haile Tefera
Goodayyaa suuraa Lammiileen Itiyoophiyaa balaa lolaa jalaa wayita baraaraman

Magaalaa Amerikaa gudditti boba'aa omishuun beekamtu, Hiwustan, keessatti dhaabbileen boba'aa calalan 125 jirataanis balaa lolaa umameen yeroo ammaa hanqinni uumameera jedheera.

Yeroo ammaa lammiileen 32, 000 ta'an daheffatani kan jiran yoo ta'u, humnoonni nageenyaa 24, 000 ta'an rakkoo umame furuuf hojjetaa jiru.