Ijoollee lafeefi sibiila gatame irraa doqdoqqee hojjatan wal baraa

Balfa irraa lafeewwan fi sibiiloota waliitti funaanuun boca hojjetame
Goodayyaa suuraa Fedhiin keenya waan gatame irraa waan gatii qabu hojjetanii agarsiisuudha jedha Lij Yaared

Lij Yaareedii fi hiriyyaa isaa Isxifaanos magaalaa kana keessaa waan lamatu isaan dhiphisa. kunis laastikii fi lafee bakka hundumaatti gatamanii argaman!

''Laastikii fi lafeen jireenya namoota irratti rakkoon isaan fidaa jiran ni hubanna. Kanaafu balfa akkamittiin akka gatamuu qabu irratti ummata keenya barsiisuuf jecha kana goona,'' jechuun dubbataniiru.

Akkaataan balfi itti sassaabamu, kuufamuu fi gatamu biyyoota guddina irra jiran kan akka Itiyoophiyaa kessatti, namoota, horii fi naannoo irratti balaa inni fiduu danda'u akka salphaa miti.

Akka gabaasa sagantaa eegumsa naannoo kan mootummoota gamtoomanittii, faalamni naannoo balfaan dhufu heddu yaadessaafi kan furmaata atattamaa barbaadu dha.

Meeshaan kee Miidiyaa taphachiisuu hin danda'u
Aartistoota lafee fi feestaalii gatame aartiitti jijjiiraniin wal baraa

Magaalaa guddittii Finfinnee keessattis dadhabinnii karaa balfa sassaabuu fi gatuu irratti argamu namaa, horii fi bareedina magaalatti irratti dhiibbaa guddaa uumeera.

Qulqulummaa magaalatti mirkaneessuuf angawoonni bulchiinsa magaalaa Finfinnee daran yaali addaa addaa yoo godhan illee, akkaataa qabannaa balfa ilaalchisee hubbanoo gadi-aanaatu jira.

Yaareedii fi hiriyyaan isaa qulqullinnii naannoo itti gaafatamummaa namoota hundumaatii jedhanii amanu.

Kanaafuu, namni hundi waan irraa eegamu gochuudhaan naannoo isaa faalama irraa eeguun barbaachisaa waan ta'eef, nuus karaa keenyaan 'kennaa addaa' qabnu fayyadamuun barumsa kennuuf yaalaa jirra jedhan.

Goodayyaa suuraa Balfa gatame irraa fakkii hojjechuun ni danda'ama

Yaareedii fi Isxifaanosis laastikoota, lafeewwan fi sibiiloota bakka bakkatti gatamanii argaman fayyadamuun fakkii fi boca adda addaa hojjetu.

Kana gochuudhaannis ''Namoonni balfa karaa sirna qabeessa ta'een gatuu akka baratan gochuudha,' jedha Yaareed,

Isxifaanosis karaa isaatiin, '' Laastikoota addaa addaa dabalatee biskutiwwaan, karameellaa fi hancaqqeen ittiin saamsamaan yeroo gabaabaaf hawaasa yoo tajaajille iyyuu, yeroo gataman immoo rakkoo bara dheeraa fiduu akka danda'an uumanni beeku qaba,'' jechuun dubbata.

''Hojiilee kana hojjechuudhaan maallaqa argannu tokko illee hin jiru. Balfi naannoo faale arguun yaaddoo waan nutti ta'eef, wantoota tajaajila hin qabne jedhamani bakka bakkatti gataman kana akkamitti hojii irra akka oolchinu yaadu jalqabne. Utuu maallaqa barbaanna ta'e, silaa hojiin maallaqa namaaf fidu baayee hojjechuu ni dandeenya turre,'' jedha Yaareed.

Goodayyaa suuraa ''Balfa gatamee keessaa hojii fakkii fi bocaaf waan na barbaachisuun funaana jira,'' Yareed

Namoonni hojii keenya ilaaluun yaadi isaan nuuf kennan yeroo baay'ee kan nama mufachiisudha. Yeroo hojii kana hojjennu yaada gaggaarii waan namoota bira argannu fakkaachu danda'a, garu miti; bu'aa bahii baaye'eetu jira.

Waanan godhuufi kaayyoo koo utuu hin beekin namoonni; maaliif televijinii irraa badde lafee funaanta? Maaliif balfa keessa naannoofta? Yoom akka namaa bakka namaa oolta? naan jedhu.

An garuu balfa sana ergan irraa miicee qulqulleesseen dandeetti addaa qabutti gargaaramuun waan bareeddu hojjedha malee balfa wajjiin miti kanan hojjedhu. Namoonni kana naaf baru qabu.

An kanan barbaade waan gatame irraa waan gatii qabu hojjedhee agarsiisuudha, jedheera.

Yaareedii fi Isxifaanoosis, hojii kana hojjechuu keenyaaf qaamni nu gargaaru yookaan hamilee nuuf kennu tokko illee waan hinjirreef abdi kutanne hojii kana dhaabuuf adeemna jedhaniiru.

Yaareed bara 1998 jalqabee hojii eegumsa naannoo irratti kan bobba'e yeroo ta'u, bara 2003 keessa gita biyyoolessaatti kan kennamu badhaasa 'Griin Awwaard' jedhamu badhaafameera.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan