Wiirtuu hiidhaa godaantotaa Liibiyaa: 'gaannama fakkaata’

Suuraa Heneesi
Goodayyaa suuraa Heneesi Maanjiing waggoota sadiif Landan jiraateera, ammas achitti deebi'uu barbaada

Henesii Maanjiing, waan hamaa kan eegee galaana irratti ture.

Dargaggoon Sudaan Kibbaa umuriin isaa 18, Liibiyaa irraa gara Awurooppaatti ennaa qaxxaamu galaana irratti du'u akka danda'u beeka ta'a. Hanga ammaattis galaanni Meeditiraaniyaanii goodaantootaa fi koolu galtoota 2,400 ta'an nyaateera.

Haa ta'u malee, Henesiin osoo qarqara galaanaa hin gahiin butamuun rukutame, ajjeefamuufis ture. Akka dargaggoon kun jedhutti, rakkinni maatiin isaa waan du'aniif sodaachuun bara 2016tti mana maatii isaatii bahe.

Innis dhiiroota 1, 000 kan biraa waliin Taariq al-Sikaa, wiirtuu mana hiidhaa magaalaa Tiriippoolii keessa jiraata. Hedduun keenyas lamiilee Afrikaa hojii barbaadaniitu galaanaa irratti dhaabachiifame.

Amma mana kuusaa bakka ifi hinjirree fi afuura baafachuuf itti cinqaman keessatti qabamaniiru. Aduu nama gubu keessa miilli isaanii wal xaxe haala gaarii keessa hin jiran.

Yoo ho'ii dhufuu walumaan baqu. ''Yeroo dhumni imala isaanii asi ta'u hubatanis, baayyee qalbiin isaanii cabe,'' jedha qondaalli wiirtuu sanaa tokko.

Muraasni isaanii waanuma argataniin of bashannansiisuu yaalu. Alkan yoo karri cufamuttis qaruuraatti fincaa'uu qabu.

''Kunis akkuma gaannamaati. Sirriiyyu mana hiidhaarra caala,'' jedha Henesin.

Goodayyaa suuraa Hidhamtoota kana mara sooruuf qarshiin gahaa hin jiru

''Ani waan rasaasaan rukutameen se'e''

Dargaggoo qaloon kunis loqooda warra Landaniin dubbata. Kunis turmaata maatii isaa waliin waggoota sadiif achu tureen kan argateedha. Hawiin achii deebii'uuf qabuus jalqaba Masirii, isaan booda ammoo daangaa Baha Libiyaa isa geesse. Akka inni jedhuttis, achitti ture gareen namoota hidhatanii kana kaan 40 waliin nama isaan geessu harkaa kan itti butan.

''Namoota qawweefi ulee qabatan agarree. Isaanis akka konkoolaataa keessa galuuf ni dirqisiisan,'' jedha.

''Namoonnis utaaluu jaqaban. Yeroo sanas jaarsi Chaadii dhufe tokko rasaasaan rukutame. Dhiigni isaa uffata koo gutuutti faca'e. Anis waanan rukutame waan natti fakkaate nan fiige.''

Innis nama naannoo sanaa kan gara warra butaniitti geesse irraa gargaarsa gaafate.

''Na kabaluun garaa keessa na dhiite, '' achinis ''maaliif baqatta?'' naan jedhe.

''Galata waaqaa guyyaa sadaffaairrattis namichi nu geessee dhufe gadi nudhiisise.''

Henesin akka gara Tiriippoolii deemuuf viisaan soobaa kennameef. Garuu, yoo achi gahutti milishootaan qabamee wiirtuu hiidhaa buufata xiyyaarratti dhihoo jirutti hidhame.

''Guyyaa guyyaan miidhaatu jira,'' jedha. '' Yoo namoonni sagalee dhageesisan, yookiin nyaataaf mudaman ni dhahamu. ''

Waardiyyootaaf meeshaan waraanaa filatamaan ujummoo bishaaniti.

Hiidhamtoonni isa waliin jiran kan biraa balaawwan Libiyaatti goodaantoota irra gahaa jiru tarreessu. - dadabarfamuu fi milishootaan gurguramu, akka garbaatti itti fayyadamu, fi wiirtuu hidhaatii bahuu waardiyootaaf maallaqa kennuuf dirqiisifamu fa'i.

Goodayyaa suuraa Biyya kana gadhiise manakootti deebi'uu nan barbaada

Osmaan Abdal Salaam:

Lammiin Sudaan kan ta'ee Osmaan Abdal Salaam godaannisa morma isaarraa agarsiisuuf marxoo morma isaarraa kaase.

Kunis hojii hidhamtoota magaalaa Liibiyaa Baani Waliiditti keessaa ta'u dubbata. Isaanis hidhmtoota irraa maallaqa fudhachuuf akka firoota isaanii buiyyaatti bilbilaniif dirqisiisu.

''Yemmu bilbilluu ni boonya. Mataa keessa si dhahu. Namoonni aboomamu hinbarbaadnees jiru. isaanis qaama isaani gubu. Abbaan kiyya qote bulaadha. Innis waan maallaqa hinqabneefu mana keenya gurgure. ''

Bilisummaan Osmaan karaatti hafes warra isaa dolaara 5, 000 baasise.

Ammas gara Awurooppaa deemuu barbaaddaa jedhe yoon gaafadhu, ija isaa fooxoon hagugee bo'uu eegale.

''Bakka kanaa dhiisee gara biyya kootti deebi'uu qofan barbaada.''

Abjuu deebiifamuu

Tiriqii al-Sikaatti yeroo ciree hiriiraan dheeraa garuu nyaataaf gabaabaa dha.

Tokkoon tokko namaas daabboo xiqqoo, dhadhaa muraasa, fi juusii qallaa kubbayyaa tokko fudhata.

Hidhamtoonnis qondaalli kanaaf itti gaafatamaa ta'ee gaafanuuf barbaadan. Isaanis dhiyeesitii isaaniif kanfaluuf hanqina maallaqaa waan qunnameefu gargaarsa irratti akka hundaa'an dubbatan.

Isaan kanneen asitti qabamanis hidhamtoota, garuu waggaa meeqaaf akka itti murtaa'ee hin beekan. Osoo seeraatti hin dhiyaatiin yeroo dheeraaf turuu ni danda'u. Abdiin gadhiifamuuf qabanis gara biyya isaanitti deebiifamuun ergamuu dha.

Goodayyaa suuraa Erga dhalate reefu ji'a sadii kan ta'e Solaan yeroo hedduu isaa hidhaa kanatti dabarse

Erga dhalate reefu ji'a sadi kan ta'e Solaan jireenya isaa gabaabdu mana hiidhaa keessatti dabarse. Nutis kutaa dubartootaa keessa firaashii moofaarra nagaan rafee agarre. Haatii isaa shamarree Waasilaa Alaasaanne, yeroo inni kan umurii torbaan afurii tureedha galaanaan gara Xaaliyaanitti ce'uuf kan yaaltee turt. ''Doonii keenya waan cabeef poolisoonni bishaan irratti nu qaban,'' jetti.

''Ergasi asi kunoo mana hidhaa shan keessa ture. Nyaata gahaa hin qabnu. Maatii keenyaaf bilbiluuf mirga hin qabnu. Haa duu'u haa jiraadhu quba hin qaban. Anii fi mucaan koo rakkachaa jira.''

Abbaan warraa Waasilaas bakka biraatti hidhame jira. Yoom akka walitti makaman ykn bilisa ta'an hinbeektu.

Biyyi ishee Toogoon Liibyaatti ambaasaaddara hin qabdu. Kanaafuu, akkuma Awurooppaa galuuf abjootaa turte sana, akka deebiisanii gara biyyaatti erganiif abjoochu qofa dandeessi.e.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan