Paadiin dubartoonni laguuf itti fayyadaman maaliif funaanama?

Paadii laguu Image copyright Dr Atul Budukh/TMC Hospital
Goodayyaa suuraa Paadiin dubartoonni dhiiga laguu isaanii ittiin qulqulleesan ka'uumsa kaansarii gadaameessaa ta'eera.

Hindi keessatti waa'ee laguu haasa'uun akka qaaniitti ilaalama. Kanaafuu, yaada paadii dubartoonni laguudhaaf itti fayyadaman walitti qabu jedhuuf deebiin maal fakkachu akka malu yaadaa.

Haa ta'u malee, wanti hojjattoonni fayyaa carraa kaansarii gadameessaan qabamuu qorachuuf, mandarawwan Hindii Lixaa Maahaarashtraa keessatti raawwatan kanuma ture.

Dhukkubsattoota kaansarii gadameessaa addunyaa keessaa nuusaa ol Hinditti argamu.

Garuu, dubartoonni akka yaalii gadameessaatiif hin deemneef sababoota baay'eetu jira. Hanqina daandii fi buufataale fayyaa naannawa badiyyaa akkasumas kafaltii qaalii fi adeemsa qorannoo wal'aansaa ulfaataa isaan muraasa.

''Dubartoonni baadiyyaa waan qaana'anii fi qoranichas waan soodaataniifu akka waan hin barbaachifneetti ilaalu,'' jedha qorattoonni Barruu Ittisa Kaansarii Awurooppaa irratti barreessan.

Dubartoonni baadiyyaa Hindii %90 ol ta'an faallaa omishoota qulqullinaa bitamanii, huccuu manatti hojjatame akka paadii laguutti itti fayyadamu.

Hindi keessatti qorattoonni Jiddugala YaadannooTata fi Instiitiyutii Biyyaalessaa Qorannoo Fayyaa Wal-hormaataas, paadiiwwan laguuf itti fayyadaman kanneen qorachuun vaayirasii 'human papillomaa' (HPV) jedhamuufi kaansariif sababii ta'uu danda'u adda baasaniiru.

''Mala salphaa fi amansisaa dha,'' jedha qorataa dureen wiirtuchaa Dr. Atul Buduuk BBCtti wayita himu.

''Sagantaa kaansarii gadameessaa wal'aanuu hojiirra oolchuuf gufuu inni guddaan hirmaannaa gadaanaa dubartoota balaa irratti argamaniiti.''

Sababii kanaatifuu, dhukkubsattoonni kaansarii gadameessaa baay'een kan wal'aanaman dhibeen isaanii sadarkaa hamaarra erga gahee yookan sababii biraatiif gara hospitaalaa yoo dhaqan qofaa dha.

Image copyright Dr Atul Budukh/TMC hospital
Goodayyaa suuraa Qorannoo laboraatoriitti gaggeefameen paadiin qulqullina hin qabne madda rakkina fayyaa ta'eera

DNA (seelii sanyii) baay'ee qabbaneeffame

Qorannichaaf, dubartoonni 500 ol kaansariin qabamanii hin beekne, kan umuriin isaanii waggaa 30 fi 50 jidduutti argaman, kan sammuu fi qaamaan fayyaa qabanii fi laguu osoo adda hin citiin argaa jiran, waggaa lamaaf paadii laguu isaanii kennan.

Dubartoonni kunnenis guyyaa laguu isaanii jalqabaatti huccu akka paadiitti itti fayyadaman korojoo cufamu keessatti walitti qabuun hojjattoota fayyaa gandaatti akka kennan gaafataman.

Isaan boodas huccuun laguu sun digirii seentigireedii -20 keessa ega kaa'amee booda qabee cabbii gogaan qorannoo HPVtiif gara wiirtuu qoranichaatti ergama.

Dubartoonni 24 HPV'n irratti waan argameefu, wal'aansa dabalataaf adda baafamaniiru, akka Dr Buduuk jedhanitti.

Kunis adeemsa wal'aansaa salphaa ittiin qarqarri gadameessaa qoratamu (colposcopy) kan dabalatu dha.

Adeemsichis seeliin gadameessa keessaa nagaa ta'usaanii fi wal'aansi akka barbaachisu mirkaneessa.

Qorattoonni haala jiruu fi jireenyaa akkasumas seenaa wal-hormaata dubartootaa, bakka itti dhiqatamuu, mana fincaanii, akkasumas meeshaa laguuf itti fayyadaman ni galmeessu.

Qulqullina qaama wal-hormaataa:

Qorannichis barnoonni fayyaa walitti fufiinsa qabu qulqullina qaama wal hormaataa irratti hatattamaan kennuun barbaachisaa ta'uusaa adda baase.

Akka lakkoofsa uummataa fi manneenii Hindii bara 2011tti, maatiin %42 ol bakka itti dhiqannaa kan hin qabnee fi warra qaban keessayis %16 bakki dhiqannaa isaanii baaxii akka hin qabne mul'isa.

"Sababii haalaa gadi aanaa bakka itti qaama dhiqannaa ykn hanqina mana fincaanitiin, dubartoonni baadiyyaa bakka itti qaama wal-hormaata isaanii dhiqatan hinqaban,'' akka Dr Buduuk jedhanitti.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Paadiin laguu qulqulluun fayyummaa dubartootaatiif gahee olaanaa qabaata

Hanqinni qulqullina qaama wal-hormaataa ammoo, kaansarii gadameessaa fi dhiitoo gadameessaaf madda ta'usaa akkasumas paadii huccuu irra deddeebiin itti fayyadamuun balaa kaansarii kan dabalu ta'usaa qorannichi mul'isee jira.

Huccuu laguu walitti qabuun dhugumattu rakkisaa ture. Kunis laguun wal qabatee ilaalcha hawaasa baadiyyaa Hindii keessa jiruun kan wal qabatee dha.

Fakkeenyaaf, dubartiin laguurra jirtu akka bakka nyaanni itti bilcheefamu fi mana sagadaa hin seennee akkasumas wal gahiiwwan amantaa irratti akka hin hirmaanneef ni dhorkamti.

Ilaalchaa fi amantaa

Haalli kunis hojjattoonni fayyaa wayita paadii walitti qaban, keessattuu halkan akka itti cimu taasiseera. Sababiin isaas dubartiin laguurra jirtu erga biiftuun lixxee gadi bahuun akka waan hamaatti ilaalama.

Sagantaawwan barnoota fayyaa waa'ee kaansarii gadaameessaa fi attamiin ofi irraa ittisuun akka danda'amurratti haala walitti fufeen hoggantoota gandootaa, hojjattoota hawaasummaa fi miseensota maatii hirmaattootaaf kennameera.

Isaanis ilaalchaa fi amantaa laguun walqabatee jiru irratti hubannoo argatanii jiru.

Haa ta'u malee qorannichi hanqinawwan ni qaba. Ragaawwan fe'uun gatii olaanaa kan gaafatu waan ta'eef, paadiiwwan cabbeessaanii erguurra mala salphaatti dafanii ittiin ergan uumuun barbaachisaa ta'uusaa qorattoonni adda baasanii jiru.

Dubartoota laguu argan qofti qorannoo kanarraa fayyadamoo akka ta'anis hubatameera.

Dr. Buduuk fi gareen isaa akka jedhanitti, sirni fooyya'aa ittiin paadiiwwan laguu dafanii walitti qabanii qorannoof dhiyeessanii fi barnootni fayyaa gaarii jiraannaan malli kun mala sirrii qorannoon kaansarii gadameessaa ittiin gaggeefamu ta'u danda'a.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan