Qubsuma Koo 1: Seenaa imala godaansaa dargaggoo Ertiraa, kan goodaantoota kaaniif illeen ta'u malu!

Shishaayi Tesfaalam (Nashinashi) Jarmanitti Image copyright Shishaayi
Goodayyaa suuraa Dargaggoo galaana Meditiraaniyaan fi Gammoojjii Saaraa qaxxaamuruun Jarman gale, Shishaayi Tesfaalam

Shishaayi Tasfaalamiin jedhama. Namoonni baayyeenis Nashinashi jechuun na waamu. Dhaladhee kanan guddadhe Magaalaa Asmaraatti.

Muziiqaa fi komeediif (baacoo) fedhii olaanaan qaba. Garuu ergan jiddugala Saawwaatti leenjii loltummaa fudhadheen booda, barsiisaa sadarkaa tokkooffaa ta'een ture.

Hojii koo kanattis gammadaa hin turre. Galiin argadhuus gahaa waan hinturreef, maatii koorratti hirkachaan ture.

Adeemsa keessas jireenya Ertiraan jibbe. Haalli biyya keessa turees kanan ani barbaaduuf mijataa hinturre. Kanaafuu, biyyaa bahuufan murtesse. Waggoota lamaan dura Ertiraadhaa bahuuf yoon murteessuu, balaa maatii koofi anarra gahuu danda'u nan beekan ture.

Baqachuudhaaf qophiin akkamii taasifamuu akka qabu hinbeeku. Haa ta'u malee maallaqa imalichaaf na barbaachisu argachuuf jecha, qabeenyaan qabu hunda qurguruun miilaan gara Itoophiyaatti qajeele. Daangaa Ertiraa miilaan qaxxaamuruu jechuun mataansaa rakkoo guddaa keessa galuudha.

Waaqni na gargaaree adeemsa dheeraa fi dadhabsiisaan booda Itoophiyaa gahe. Isaan boodas dahannoo baqattootaa Adiihaarish jedhamu keessa baatiiwwan torbaaf ture.

Turtii kiyya Itoophiyaa keessaatiin, Ertiraa caalaa bilisummaan qaba ture. Anaaf waan fe'ees ta'u dahannichi gaarii ture. Magaalaa Shiree Indasillaaseettis garee aadaa waliin carraa muuziiqaa hojjachuu argadheen ture. Turtii kiyya Itoophiyaatiinis muuziiqaawwan hojadheera.

Kana malees hojii muuziiqaa keenyaan ummattoota Itoophiyaa fi Ertiraatiif eergaa nageenyaa dabarsaa turre.

Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Godaantonni hedduun gammoojjii cimaa qaxxaamuruun biyya hambaa gahu

Imala gara Libiyaatti

Turtiin Itoophiyaa keessaa gaarii kan jedhamu ta'ulleen, abjuu Awurooppaa gahuuf qabu galmaan gahuun akka narra jiraatu natti dhagahama ture. Isas fiixaan baasuuf, godaansa biraatiif ofiin qopheesse.

Hiriyoota Itoophiyaatti walbareen waliinis imala gara Suudaanitti jalqabne. Erga guyyoota muraasaaf miilaa fi konkolaataan deemnee boodas Suudaan galle. Ergan Suudaan galee ammoo fedhiin Awurooppaa gahuuf qabu caalmaatti dabale. Erga Suudaan galees, osuma boqonnaa gahaa hintaasisiin dallaalaadhaaf doolaara 1600 kennuun imala dheeraa gara Libiyaatti eegalle.

Imalli gara Liibiyaas baayyee cimaa fi rakkisaa ture. Gammoojjii guddaa fi baayyee ho'aa addunyaa kan ta'e gamoojjii Sahaaraa qaxaamurutu nurraa eegama. Har'a yoon yaadu, gargaarsa waaqaatiin malee humna kootiin kan yaadamu hin turre. Osoon gammoojjii keessatti bineensaan hinnyaatamiin akkan Libiyaa gale natti himame.

Yoon akkan Libiyaa gale dhagahuus akkan waan Awurooppaa galeetti natti dhagahame. Rakkinoota dabarse hunda caalaa kanan miidhame Libiyaatti ture. Namni Liibiyaarraa gara Awurooppaa galu fedhu, bidiruun Galaana Meditiraaniyaanii qaxxaamuruun isa barbaachisa. Liibiyaatti ammoo dallaalonni namoota daddabarsan balaafamtootatu jira.

Isaanis baqattoota hidhuu fi reebuuf dandeettii qabu. Anis maallaqa gara Awurooppaa na geessu gahaa waanan hin qabanneef, ji'oota sadiif dallaalootaa fi warreen seeraan ala namoota daddabarsanii reebichi narratti raawwateera.

Erga reebichi ji'oota sadiif narratti raawwateen boodas, doolaara kuma 2 maatii kootiin ergame kanfaleef. Ergan kanfaltii raawwadhe boodas Galaana Meditiraaniyaan qaxxaamuuruf akkan qophaa'u natti himame.

Guyyoota muraasaan boodas, tilmaamaan baqattoonni 1500 taanu, dallaalotaan bakka saditti hiramuun bidiruu xixiqqoon imala gara Xaaliyaanitti eegalle. Baayyina namoota bidiruu sanarra turreen kan ka'ees qaama bidirichaa arguu hindanda'un ture.

Achiinis bishaan galaanarraa malee, lafti hinmul'atu ture. Galaana sodaachisaa kanarra kan imalle, yeroo gabaabaaf qofa. Bidiruu keenya dabalatee, bidiruuwwan lamaanuu rakkinni mudate. Bidiruun keenya rakkinni mudachuun yoo dhaabbattu, kan biraas humnaan ol namoota waan feeteef, osuma ijaan ilaalluu yoo xinnaate baqattoota 500 ta'an qabattee galaana keessa dhidhimte.

Kunis yeroo baayyeedhaaf na sodaachisa ture.

Image copyright ANGELOS TZORTZINIS
Goodayyaa suuraa Baqattoonni hedduun galaana Meditiraaniyaan qaxxaamuruun Awurooppaa galu

Sa'aatii muraasaan boodas eegdoonni daangaa galaanaa Libiyaa dhufuun nuufi kanneen balaa bishaaniin nyaatamu irraa hafan walitti qabuun deebisanii mana hidhaatti nu darbatan. Osoon mana hidhaa jiruus bidiruu isheen sadaffaan akka Xaaliyaan galte dhagahe.

Mana hidhaa keessattis abdiin kutadhe. Garuu kanarra Liibiyaa turuu akkan hinqabaannee nan beekan ture. Maallaqa dabalataa kanfaluu akkan danda'u kan hubatan dallaaloonni Libiyaa, poolisoota Liibiyaatti maallaqa kennuun erga doolaara 800 na kanfalchiisan. Ergasii yeroo lammaffaaf galaana qaxxaamuruuf qophiin eegale.

Imalli lammaffaan akkan soodaadhe hinturre. Xaaliyaanis galle. Kan nu simate garuu poolisii Xaaliyaan ture. Biyya Xaaliyaanittis hidhaa fi dahoo baqattootaa keessa ji'oota 11f tureera.

Turtii kiyya ji'oota 11 boodas, karaa seeraatiin akkan Jarman galuuf motummaa Jarmaniin naaf hayyamame. Dhumarrattis rakkoo tokko malee xiyyaaraan Xaaliyaanii irraa Jarman gale. Balaa Galaana Meeditiraaniyaan liqinfamuu irraa hafuun koo yeroo hunda na dinqa.

Image copyright Shishaay

Jireenya Jarman

Ergan Jarman galee ji'oota sadi ta'eera. Ammas Lixa Jarmanii Magaalaa Maappanii Dii bakka jedhamuun jiraachaa jira.

Jireenya Jarmanii fi Ertiraa keessaa gonkumaa wali bira qabuun hin danda'amu. Biyyi Jarman baayyee gaariidha. Qe'ee kootii kaasee wantoota nama hawwatanin arga. Naannoonis magariisaa fi baayyee qulqulluudha.

Mana baayyee bareedu keessan jiraachaa jira. Hojii osoo hin eegaliin duras Afaan Jarmanii barachuun dirqama waan ta'eef amma baatii jahaaf isan barachaa jira.

Foon lukkuu yemmuun Ertiraa jiru nyaachu dharra'aa ture asitti akkan fedheettan argadha.

As taa'ee kanan hawwu yoo jiraate, yeroo gaariin Ertiraatti dabarsee fi jaalala hirriyyoota koo qofa.

Image copyright NaShinashi
Goodayyaa suuraa Naannawa magariisa Maappanii Dii, biyya Jarmanii

Karoora gara fuulduraa

Walumaa galattis aartiif jaalala addaan qaba. gara fuula duraattis hojii muuziiqaa hojjachuun barbaada. Kana malees filmiiwwan Afaan Amaaraa fi Afaan Tigreen barreeffaman qaba. Barreeffamoota kanneenis gara filmiitti geeddaruuf karooran qaba.

Dargaggoonni Oromoo seenaa hin himamiin kana caalu akka qabdan ni abdanna. Kanaafuu seenaa keessan nuuf qoodaa, deebifnee qilleensa irra ni olchinaatii, nu qoodaa.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan