Umurii waggaa 60tti qubee baratanii dubbisuu danda'uun maal fakkaata?

Flooreens Cheepitoo
Ibsa waa'ee suuraa,

Flooreensi akkaataa itti dubbisan baruuf yaadu kan jalqabde guyyaa akaakkoon ishee kitaaba fudhatee galte ture

Waggaa 60 keetti jechoota jalqabaa keetti dubbisuu jechuun maal fakkaataa? Osoo dubbisuu hindandeenyee umurii gutuu jiraachuu waliin garaa garummaa akkamii namatti uumaa laata?

Waa'ee odeeffannoowwan karaa imeelii bakka hojii fi ergaa karaa bilbila harkaa keenyaatiin sa'aatii hundatti argannu yoo yaaddu, wali quunnamtii akkasiitiin ala jiraachuu yaaduun baayyee cimaadha.

Garuu, Aaddee Filooreensi Cheptoo, Keenyaatti jiraattu ganda baadiyaa qofaa tokko fuula ishee waggaa 60 geedartee jirti.

Sararrii kitaaba dubbisuu ishees kan eegale wayita akka'oon ishee mana barnootaa sadarkaa tokkoffaa irraa manatti fuutee galuu eegalteedha.

Manni barumsichaa, karaa deegarsa Kitaabaa Tola altota Addunyaa maxxansitoota kitaaboota UK tiin kennamanii raabsu tokkon argatuun, tajaajila ergisaa kitaabootaa keennaa ture.

Garuu, maatii fi akka'owwan barattootaa baayyenis ofiisaaniif dubbisu waan hindandeenyeef, barsiiftoonnis barnoota gaheessootaa kennu eegalan.

Filoorensis amma ''akka qaama waara addunyaa ammayyooftu' keessa jiraniitt'' akka itti dhagahu dubbatti. Wayita dagaggeettii turteetti akka barattuuf kan ishee deegare omitu akka hinturre dubbatti.

Ibsa waa'ee suuraa,

Barmoonni ga'eesota kan jalqabe erga manni kitaabaa banamee booda ture

Maatiin ishees akka heerumuun uwwiisaa argatanii fi loon akka eegduuf barbaachu malee carraan barachu konkumaa akka hinturre dubbatti.

"Maatiin koo barbaachisummaa barnootaa hin beekan turan,'' jettee jirti.

Kanaafu, maqaa koo barreessu, dubbisuus ta'e kaffaltii naaf kennamu illee sirri ta'uufi dhiisu isaa beeku hindanda'uun ture.

Amma garuu Flooreensi dubbisuu jalqabuu isheerraa kan ka'e jireenya ishee keessatti barmooti garaa garummaa fidee tarreessu jalqabdee jirti.

Daawaa naaf kennamuu irratti waan barreefame dubbisee adda baafachuu danda'eera. Gaazeexaa dubbisuun waan adduunyaa keessatti ta'aa jiru beeku danda'u irra darbee, baasii fi wantoota galmeessuun narra jiru hundaa gochuu danda'eera.

Ibsa waa'ee suuraa,

Barachuunkoo waan baay'ee irratti akkan beekumsa horadhu nagodhee, jeti Flooreens

Keessattuu wantoonni baay'ee nagamachiisaan jiru: yeroo jalqabaaf kitaaba odeessaa dubbisuu, xalayaalee dhufanii fi Macaafa Qulqulluu koo ofiin dubbifachuu danda'uu kooti.

Kaartaa adduunyaas banee ilaalu danda'uu kootiin 'biyyoonni kan biraa eessatti akka argaman baruu danda'eera,' jeti. Kitaabiilee waa'ee qonnaa fudhattee dubbisaa kan turte yoo ta'u kunis, 'Akka itti qotan baruumsa' fudhadhaa jete jiti.

Ijoolleen ijoolee ishee (akaakkoon) qabxii isaanii mana barumsaatii fidanii yoo dhufan, hangam akka barumsa isaanitti jabaataa jiranis hubachuu dandeese jirti.

Kunnis ofitti akkan amanu na godheera, kan jetu Flooreensi, waa hubachuun guddachuun koo waan natti dhagahamuuf nama baratee biratis ta'e kan hinbaratiin biratti yaada laachuuf ofitti hinqaana'u.

'Amma waan gaarii fi waan fafa hawwaasa keessa jiruu addaan baafachuu danda'eera,' jeteetti.

Barnoota ga'eesoota naannoo isheetti kennamu keessa Flooreenstu umuriin guddoodha.

Jaarsi waggaa 80'oota keessa jiru tokkoos ni dhufa. Iji isaa waan sirritti hin hubanneef abdiin baratanii dubbisuu danda'u koo kana booda xiqaadhaa jedha. Haa ta'u malee, namoota ga'eessota biroon isa ilaaluun akka dhufanii barachuu danda'aniif jecha utuu wal irra hinkutiin akka dhufaa jiru dubbata.

Dhabbanni tola ooltota Gargaarsa Kitaaba kan Idila Adduunyaa wagga waggaan kitaboota haaraa miliyoonaan lakkkaa'aman raabsa. Kn biyya keessatti maxxansaman immo bituu akka danda'amuuf gargaarssa maallaqaa ni taasisa. Akkasumas barsiisootaa fi namoota mana kitaabaa keessa hojjechuu danda'an ni leenjisa.

Ardii afrikaatti kitaaboonni kun baay'inaan kan raabsaman projeektoota mana kitaaba qabaniifi.

Ibsa waa'ee suuraa,

Mandarichi qaama baadiyyaa Keenyaati

Dhaabata Gargaarsa Kitaaba idila Adduunyaa keessa kan hojjetu Eemaaa Taayiloor dheheenya kanatti bakka Keeniyaa keessa Flooreens itti barattu yeroo dawwateetti, namoota manni kitaaba kun gargaaruuf tataafi godhan keessatti fedhi barachuu guddaa argeeraa, jechuun dubbateetti.

Namoonni yoo jalqabaaf yoo dubbisan arguun 'waan baayyee namatti toluudha ' jechuun dubbate jirti.

'Waan kanaan dura osoo xiyyefannaa itti hin kenniin darbinuu baay'ee ilaalcha keessa akka galchinuuf balbala kan banuudha.'

Hawaasa waan baay'ee dhowatamaniif mana kitaabaa banuun gatii qaba, jechuun dubbate jirti.

Magaalaa Naayiroobi keessa kan jiran gandoonni mana dulloomaan guutanii fi warri harka qalleeyiin baay'inaan keessa jirataniitti, manneen kitaabaa dargaggotaaf bakka nagaa itti argatan fi ganeenyi isanii itti eegamu akkasumas kitaboota naannawa isaanitti argamu kan itti dubbifachuun samuun isaanii yaada yaada guddinaatiif ofi banan ta'aa jira, jechuunis itti dabalte dubbate jirti.

''Waa'een mana kitaabaa adda taasisu tokko jira. Innis callisuun kitaabootaaf mana kuusaa ta'u qofaa miti,' jechuun xumurte jirti.