Walitti bu'iinsa daangaa Oromiyaa fi Somaalee irratti qabxiilee muraasa

footoo namoota baqatanii
Goodayyaa suuraa Yoo xinnaate namoonni 55,000 qe'ee isaanii dhiisuun baqataniiru

Rakkoo nageenyaa naannolee daangaa Oromiyaa fi Somaalee jidduutti uumameen gama lamaaniinuu lubbuun namoota hedduu darbuun, kanneen kuma 55 ol ta'an ammoo qe'ee isaanii irraa buqqaafamaniiru.

Mootummaan naannoo Oromiyaa karaa dubbi himaa isaa Obbo Addisuu Araggaa "Liyyuu Poolisii, Milishaa Somaalee fi hidhattoota Riipabliika Somaaliyaa irraa dhufantu daangaa Oromiyaa seenuun uummata nagaarratti miidhaa qaqabsiise'' jedheera.

Mootummaan Naannoo Somaalees nuyi hojii ofirraa ittisuu hojjenne malee, kan uummata Somaalee haleele poolisii Oromiyaati jechuun mootummaa Oromiyaatti quba qabee jira.

Mootummoonni naannolee lamaanii quba walitti haa qabaniyyuu malee, yeroo adda addaatti ibsa miidiyaaleef kennaa turaniin, rakkoon kun dhimma daangaa yookanis, walitti bu'iinsa uummataas akka hin taane ibsaa turaniiru.

Ega akkas ta'ee maddi rakkoo kanaa maali?

Goodayyaa suuraa Oromiyaa fi Somaaleen daangaa kiiloomeetira 1410 dheeratu waliin qabu

Dhimma daangaa

Bal'ina lafaatiin sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa irra kan jiran naannoleen lamaan daangaa kiiloomeetira 1410 dheeratu waliin qabu.

Dangaan kun garuu haalaan sararamuu dhabuu isaa irraa kan ka'es yeroo mara walitti bu'iinsi irratti kan uumamu ture. Walitti bu'iinsa daangaa naannolee lamaan gidduutti uumamu furuuf A.L.I bara 1997tti riifarandamiin gandoota 400 keessatti gaggeeffamee ture.

Riifarandamii gaggeeffameenis gandoota kanneen keessaa harki 80 ol naannoo Oromiyaa jalatti buluuf murteeffamu illeen, hojiin daangaa sararuu garuu osoo hin hojjetamiin ture. Kunis rakkoon duraan ture akka hammaatuuf gumaata taasisuun isaa hin olle.

Rakkoo kana furuuf jecha baatii Eeblaa darbe Pireezidantoonni naannoo lamaanii akkaatuma riifarandamii gaggeefameetiin rakkoo daangaa furuuf waliigaltee mallatteessanii turan.

Haa ta'u malees, akkaatuma waliigalteen hojiitti galamee, hojiin daangaa sararuu harki 70 ol bakka xumuramaa jirutti rakkoon tibbanaa dhalate.

Rakkoon miilanaa kunis kan daangaan wal-qabate miti jedhu dubbii himaan MNO Obbo Addisu Araggaa. "Haalawwan dhimmichi daangaan kan wal hin qabanne ta'uu isaa mul'isan keessaa tokko, rakkoon kun kan uumame iddoowwan Somaalee waliin wal hin daangessine keessatti dabalatee ta'uu isaati" jedhu.

Dubbi himaan MNS Obbo Idris Ismael Abdiis gama isaatiin, rakkoon kun rakkoo daangaa akka hin taanee fi mootummaan naannoo Somaalee eenyuunuu ol riifarandamii bara 1997 akka kabaju dhiheenya kana himanii jiru.

Wal-dhabdee qabeenyaa

Uummanni daangaa naannolee kanneenii jiraatan hedduun isaanii horsiisee bultoota ta'uu isaaniitiin wal qabatee, yeroo hedduu lafa dheedumsaa fi bishaan irratti walitti bu'iinsi uumamaa tureera. Naannoon kun irra caalaan gammoojjummaa qabaachuu isaatiin walqabatees, fedhiin horsiisee bultoonni barbaacha bishaanii fi lafa kalootiif qaban akka cimu gumaacheera.

Haa ta'u malee, "walitti bu'iinsi kanaan dura ture, lafa dheedumsaa fi bishaan irratti ture, kun bifa salphaan furamaa tures," jedhu Obbo Idris.

Gaaffiilee mirgaa kan biraa

Xiinxaltoonni siyaasaas dhimma kanaaf haalawwan akka maddaatti caqasan qabu.

"Gaaffii Finfinneetti deebi'uu qabutu waraana liyyuu poolisii fide. Kunis siyaasni Oromoo yeroo dhiyoo asitti mootummaa jiddu galeessaa gaaffilee jajjaboo ta'an, kanneen akka aangoo hirachuu, Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa gochuu, dantaa addaa Finfinnee irraa argachuu fi kanneen biroo gaafachuu isaatu kana fide,'' jedhu qorataan dhimma federaalizimii Dr. Milkeessaa Miidhagaa.

"Uummanni Oromoo yeroo dhiyoo asitti of jabeessuu fi of ijaaruun, gaaffilee jajjabduu mootummaa federaalaa irratti kaasuu jalqabeera. Mootummaan federaalaas nan deebisa jechuun waadaa galee, uummata sossobaa tureera. Uummannis gaaffii isaa cimsee itti fufnaan yeroodhaaf yaada uummatichaa gara dhimma daangaatti deebisuuf kun dhimma karaa 'Liyyuu Poolisii' ta'e jedhamee raawwatame dha," jedhu Dr. Milkeessaan.

"Mootummaan naannoo Oromiyaa madda rakkoo kanaa fi fedhii dudduuba jiru garee qoratu hundeessee hojjataa jira, dhiyootti uummataaf ifa goona," jedhan Obbo Addisuu Araggaa.

Goodayyaa suuraa Dawoo yeroo baqattootaaf qophaa'e

Qe'eedhaa buqqa'uu fi badiinsa lubbuu

Bara darbee irraa kaasee godinaalee Oromiyaa naannoo Somaaleen wal daangeessan kan akka Booranaa, Gujii, Baalee, Harargee Bahaa fi Lixaa keessatti liyyuu poolisii Somaaleetiin nageenyi jiraattootaa bora'aa turuusaa Obbo Addisuun ni dubbatu. Akkasumas lubbuu, qaamaa fi qabeenyaa namoota nagaa hedduurras balaan qaqqabeera.

Bara bajataa 2009 keessa namoonni kuma dhibbaan lakkaa'aman haleellaa liyyuu poolisii baqachuun qe'eesaanii irraa buqqa'aniiru. Lakkoofsi namootaa walitti bu'insa tibba kanaatiin buqqaafamanis gara kuma 55 ol gahusaa obbo Addisuun himaniiru.

Gama Naannoo Somaaleetiinis akkasuma lubbuu namootaa fi qabeenyaa irra balaan qaqqabusaa ni dubbatama.

Akkasumas pirezidaantoonni naannoole lamaan, gochi daangaa isaaniirratti raawwatame kun kan isaanii fi ummattotaa isaanii bakka hin buune ta'u dilbata darbe ibsaniiru.

Dhiibbaa Liyyuu Poolisii

Rakkoo kana kan uume 'Liyyuu Poolisii' bu'uura heera mootummaa osoo hin qabaatiin ijaarame dha kan jedhan Dr. Milkeessaan, humni kun diigamu malee rakkoon kun hin hiikamu yaada jedhu qabu.

"Heerri biyya sanaa naannooleef aangoo fi humna wal-qixa kennaaf. Naannoo tokkoon waraana ijaarradhu, naannoo biraatiin ammoo waraana hin ijaarratiin jechuun hin danda'amu. Kanaafuu, akka biyya federeeshiniin bultu tokkootti mootummaan Liyyuu poolisii diiguu yookan naannoleen biraas waraana akka ijaarratan eeyyamuu qaba," jedhu.

Obbo Addisuun gama isaaniin, nagaan akka bu'uuf mootummaa federaalaa fi kan naannoo somaalee waliin ciminaan kan hojjatan ta'uu BBCtti himaniiru.

Dr. Nagarii Leencoo, Ministirri dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Federaalaa gama isaanitiin, Mootummaan isaaniis mootummoota naannolee lamaanii fi jaarsolii biyyaa waliin ta'uun rakkoo kana furuuf hojjetaa akka jiru, madda rakkoo kanaa fi miidhaa dhaqqabe qoratee yeroo dhiyootti ifa akka taasisu himaniiru.

Akkasumas, Ministirri Mummichaa Obbo Haayilamaariyaam Dasaalanyi, humnoonni nageenyaa naanoolee lameenuu naannawa daangaatii bahuun humnoota federaalaatiin bakka akka buufaman dilbata tare ajajaniiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan