Kaaribiyaan ammas obomboleetti cimaa biraan rukutamuufi

Obomboleetti

Maariyaan akkuma Kaaribiyaan irraa gara odolowwan Lewaardiitti siqaa dhufeen obomboleetti balaafamaa akka ta'u eegamaa jira

Obomboleettiin gartuu tokkooffaa sa'aatiiwwan 48 dhufan keessatti hatattamaan cimuun wiixataa waaree keessa odolawwan akka rukutu, Jiddu-galli Hariikeen Biyyaalessaa Ameerikaa dubbate.

Maariyaan obomboleettii Irmaa, kan ji'a kana naannicha deegeen sarara walfakkaataa irra sochoo'aa jira.

Akeekachiisi odolawwan obomboleettii Irmaan hubaatiin irra qaqqabe baay'eef kan keenname yoo ta'u, obomboleettii sadarkaa shanaffaatti ramadameenis namoonni 37 kan du'anii fi badiinsa qabeenyaa doolaara biiliyoonatti lakka'amuuf sababa ta'eera.

Odeeffannoo wiixata ganama sa'aatii 12 irratti argameenis, Maariyaan bubbee walitti fufaa humna sa'aatiitti km 137 deemu akka qabu, Jiddu-galli Hariikeen Biyyaalessaa Ameerikaa ibsee jira.

Ijji oboombolleettis gara kaabaa, Baha Baarbaadositti fageenya km 225 irratti kan argamu yoo ta'u, maariyaan ammo gara Lixa kaabaatti ariitii sa'aatiitti meetira 13tiin socha'aa jira.

"Galmee raagaa irratti, Maariyaan wiixata gara boodaa fi galgala gama odolawwan Leewaardis hundaa kan qajeeluu fi Kibxata galgala ammo kaabaa hanga baha galaana Kaaribiyaatti akka socho'u jiddu galichi himee jira.

Bakka Maariyaan jalqaba itti miidhu eegalu, kibba odolawwan Lewaardis Antiguwaa fi Baarbudaa dha. Odolli Baarbudaa erga Irmaan miidhamu eegaltee booda jiraattonni akka gadi dhiisan taasifame ture.

'Humni obombolleettii dambaliiwwan guddaa fi balaafamaan wal make bakka dhiheenya maariyaan socho'u odolawwan Leewaarditti olka'iinsa bishaanii meetira 1.5 -2.1tiin sadarkaa sirrii irraa akka ol kaasu danda'us,' jiddu galichi ibseera.

Goodayyaa suuraa Miidhaa obomboleettiin manneen irraan qaqqabsiise

Akkasumas odolowwan Leewaardi hundarratti yoo xinnaate roobni seentii metira 51 jiddu galaan kan raagame yoo ta'u, kunis hanga Roobiitti Puyeritoo Rikoo fi odolawwan Ameerikaa fi Biritishi kan dabalatuu dha.

Roobni odolawwan kanneen irratti roobus lolaa fi sigigaachu lafaa lubbuuf sodachisan uumu akka danda'u," akeekachifameera.

Jalqaba baatii kanaattis, Irmaan odola Senti Maartiin gama manneen turan keessaa harka sadii ol kan ta'an annisaa ibsaa, boba'aa ykn bishaan malee hambisee jira.

Mootummaan Firaans, odola Senti Maarittii fi dhiheenya Seenti Baartisiitti, barbadiinsa qabeenyaa gara paawundii biiliyoona 1.2tti tilmaamamu fi du'aatiin namoota sagalii qaqqabeera.

Ollaawwan odolawwan Biritish irraa hundis barbadaa'aniiru.

Irmaan akkasuma Ameerikaas dha'uun obomboleetiidhaan lubbuu namoota 11 galaafatee jira. Filooridaa, Jorjiyaa, Kaaba Kaaroliinaa, Kibba Kaaroliinaa fi Alabaamaa keessatti manneen miliyoona 6.9 humna ibsaa malee hambisee jira.

Atilaantik keessatti obomboleettiin kan biraa, Josee jedhamu amma hamaadha.

Innis Maariyaarra gama kaabaatti kan siquu fi rooba walitti fufaa fi bubbee hamaa Niwuyorki dabalatee, wiixata halkan qarqara baha Ameerikaatti kan fiduudha.

Sadarkaalee Obomboleettii Simpsoon

  • Sadarkaa 1: Bubbee sa'aatiin km 119-153. Balaa fi addan cita annisaa muraasaa
  • Sadarkaa 2: Bubbee sa'aatiin km 154-177. Balaa olaanaa
  • Sadarkaa 3: bubbee sa'aatiin km 178-208. Manneen haalaan ijaaraman hedduun balaaf saaxilamu
  • Sadarkaa 4: Bubbee sa'aatiin Km 209-251. Manneen haalaan ijaaraman balaa cimaaf saaxilamu. Bargamoonni ni jigu.
  • Sadarkaa 5: bubbee sa'aatii 252. Gamoowwan hedduun ni barbadaa'u. daandiiwwan gurguddoonis ni citu.