Riifarandamiin erga gaggeefameen booda walitti bu'iinsi maaf umamaa?

Murtee-ummataa Gondar irratti namoota hirmaatan
Goodayyaa suuraa namoota murtee-ummataa Gondaritti hirmaatan

Naannoo Amaaraa, Godina Kaaba Gondari jiraattonni gandoota saddeeti aanaalee afuritti argamanii, dhimma ofiin ofi bulchuu ykn bulchiinsuma duraatiin turuuf uummanni Qimaanti A.L.I Fulbaana 7 bara 2010tti rifarandamii gaggeesse jira.

Riifarandamiin akkamin gaggeefamaa?

Erga mootummaan amma aangoorra jiru gara taayitaatti dhufeen booda, riifarandamiiwwan kan gaggeefaman yoo ta'u, inni duraa fi amma har'aattu mata duree marii kan ta'aa jiru riifarandamii Eritiraan Itoophiyaa irraa adda bahuun biyya itti taasifamteedha.

Keessattu haala sirna federaalizimii saba bu'uurreefateen walqabateenis, gaaffiileen eenyummaan keenya beekumsa yaa argatu akkasumas daangaalee bulchiinsaa adda baasuu fi fedhii jiraattoonni bulchinsa kamin bulfamu akka barbaadan beekuuf jecha riifarandamiin gaggeefama.

Riifarandamiinis seera filannoo Itoophiyaa lakkoofsa 532/1999 bu'uura godhachuun gaggeefama.

Ogeessi seeraafi qo'ataan federaalizimii Obbo Wubishet Mulaat akka jedhanitti, garri caalu bulchiinsa filateetti hammatama.

''Kunis egaa walididdaa uummattoota gidduutti uumamu furuuf fala heera mootummaati.''

Riifarandamiin ummata Qimaanti maali?

Obbo Wubishati akka jedhanitti, rifarandamiin Qimaanti kan kanaan dura taasifameerraa adda.

Akka sababaatti dhimmi kaasanis, daangaa bulchiinsa naannoo tokko keessatti argamu adda baasuufi qaama bulchiinsa akka haaraatti hundeefamuu murteessuuf jecha kan gaggefamu ta'usati.

''Kanaan dura, ganda, aanaa ykn godina akka haaraatti hundeessuuf fedhii ummata achi jiraatuu baruuf riifarandamii gaggeessuun hin baramne ture.''

Kanaan alattis, Obbo Wubishati akka jedhanitti, lakkoofsa ummataa fi manneenii Itoophiyaa bara 1999tti, hawaasni Qimaanti qofaatti lakkaa'amu dhabuu fi sababoota birootiin gaaffiin eenyummaa bara 2007tti kaafame mana maree Amaaraatiin osoo rifarandamii hingaggeessiin ofuumaan ofii beekumsa keennee jira.

Riifarandamiiwwan hanga ammaa taasifaman

Naannoo Ummattoota Kibbaatti sabaa fi sablamiileen hedduun baayyeen argamuusaanitiin walqabatees gaaffiin riifarandamii irra deebiin ni ka'a.

Riifarandamii naannichatti gaggeefame keessaa tokkos gaaffiin eenyummaa ummata Silxee tokko.

Ummanni Silxee naannichatti Godina Guraagee jalatti kan bulaa ture yoo ta'u, wal dhabdee fi mormiiiwwan boodas irifarandamiin gaggeefameer.

Haalli kunis godini Silxee akka hundeefamuu fi ofiinis of akka bulchu dandeessisera.

Riifarandamiin Oromiyaa fi Somaalee jidduutti bara 1997tti gaggeefamees kan gandoota 400 ol hirmaachise ture.

Murteen ummataa Oromiyaafi Somaalees gandoota 400 ol kan hammate ture.

Riifarandamichaanis gandoonni harka 80 ta'an Oromiyaadhuma jalatti akka bulaniif murteefame ture.

Akkasumas, waggoota muraasaan dura Konsoo, Daraashe, Burjii fi Ammaarroo bulchiinsa godina tokko jalatti qabuuf yaaliin taasifame ture. Haa ta'u malee mootummaa naannichaa mormuun riifarandamiin akka gaggeefamuu gaaffiin dhiyaate ture.

Godina tokko jalatti buluun hirna baajataa fi rakkina waan qabaatuuf kan mormamee ture.

Riifarandamiin maaltu fala argate?

Riifarandamiin bakkeewwan adda addaa biyyattiiti gaggeefamus garuu bu'aansaa haga eegame miti.

Obbo Wubishatiis akka fakkeenyaatti kan kaasan, riifarandamiin waan hinkabajamneefu walitti bu'iinsa Oromiyaa fi Somaalee jidduutti yeroo yeroon umamaniidha.

''Erga ummanni murteesse boodas wal dhabdeen yammu mudatu argama. Kanaaf immoo rikkinooti rifarandamii waligalaa fi seericha wal qabatan jiru. Yoo kuni furame malee waan yaadamu galmaan gahuun hindanda'amu,'' jedhaniiru.

Dhimmoota of-eeggannoo barbaadan keessaayis, filannoon gara qaama tokkotti akka hinjallannee, qaamoole dhimmi ilaalatu hundaaf waa'ee rifarndamii irratti barumsa kennuu fi mariiwwan adeemsifamuu dhabuun muraasa jedhan.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan