Hiikkaawwan duula farra malaamaltummaa

Maashina daandii ijaarsaa Image copyright CARL DE SOUZA
Goodayyaa suuraa Ijaarsi daandii kan damee ijaarsa maallaqa olaanaa gaafatuudha

Itti gaafatamtoonni mootummaa olaanoo, dallaaloonnii fi daldaltoonni 34 yakka maallaqa uummataa biiliyoonaan lakkaa'amu hiri'suun shakkamuun to'annaa jala oluun isaanii ifa taasifamuun ni yaadatama.

Ergasii kaasee dhimmi abbootii taayitaa fi daldaltoota malaamaltummaan walqabatee hidhamanii mataduree marii muummee ta'uun itti fufeera.

Duulli mootummaa qondaaltootaa fi daldaltoota malaamaltummaan shakkaman hidhuutii hanga amaattuu kan dhaabbate hin fakkaatu. Yeroo garaa garaattis dhaabbilee mootummaa fi kan biroo irraa yakka malaamaltummaa cimaa raawwataniiru jedhamuun namoonni shakkaman qabamuun mana murtiitti dhiyaataniiru.

Isaan keessaayis kanneen ittigaafatamtoota sadarkaa mootummaa ol'aanaa irra turan kan akka Deetaa Minisitira Maallaqaa fi Diinagdee Obbo Alamaayyoo Gujoo tokkodha.

Miseensa Mana marii ummataa kan turan Obbo Alamaayyoon, to'annaa jala kan oolan erga mirgi himatamuu isaan irraa kaafameen booda ture.

Ammas lakkoofsi shakkamtoota to'annoo jala oolanii fi mana murtiitti dhihaatan kan dabalaa jiru wayita ta'u, mootummaanis tarkaanficha kan eegale qophii gahaa fi qorannoo bal'aa taasisuun duula sadarkaa olaanaa kiraa sasaabummaa irratti waadaa galaa ture eegalu kiyya jechaa jira.

Taayitaa wajjiin walqabatee ilaalchi dogoggoraan jiraachusaa kan amanu ibsi tibba sana waajira dhimmoota komunikeshinii motummaatiin bahe, itti gaafatamummaa cimsuu fi yakkamtootas seeratti dhiheessuuf hojjetaa akka jiru dubbateera.

Haa ta'u malee, qeeqxonni tarkaaffii walta'iinsa waajjira qorannoo poolisii federaalaa fi mana murtii olaanaan fudhatame irratti shakkii qaban ni ibsu. Milkaa'ina duula kanaa irratti gaafii kan qaban akkuma jiran, sababa duubaa dhiibaa jiru haala qabatamaa siyaasa biyyattii wajjin kan walitti fidanis hin dhiban.

Qorumsa malaammaltummaa

Obbo Abdulmannaan Mohaammad, ogeessi herreegaa dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaa torbaatamaa oliif hojii oodiit raawwatan. Waggoota torban hojiirra turaniittis malaamaltummaan baballachaa adeemusaa akka taajjaban dubbatu. Kunis matta'aa xixiqqoo irraa jalqabee hanga maallaqa guddaa fudhachuu kan ilaalatu ta'uu dubbatu.

Dameewwan malaamaltummaan sadarkaa olaanaa raawwatamu keessaa, kenniinsa waligaltee hojii fi bulchiinsi, bulchiinsa lafaa fi gibirri keessatti argamu.

Kaayyoon isaa mummee malaamaltummaa fi yakkawwan kanaan waqanatan iratti qabsaa'u kan ta'e, wajjira Tiraansiparanti Intarnaashinaal damee Itiyoophiyaa gama isaatiin, daandiiwwan sadarkaan saanii gadaanaa Magaalaa Finfinneetti ijaaraman akka fakkeenyaatti agarsiisa.

Mootummaan karaa Abbaa Taayitaa daandiiwwan Finfinnee rukutun saas kan ''nama jajabeessudha'' jedheera.

Ministeerri Maalaqaa fi Misooma Diinagdee, Bulchiinsi Misooma Manneenii fi Korporeshiniin Shuukkaaraa dhaabbilee oggantoonni isaanii baayyeen maallaqa qisaasaniiru jedhaman keessaa hidhamaniidha.

Qabeenyi shakkamtootaas akka hinsochooneef ittisaman yoo ta'u, naannoolee garaa garaa keessattilleen itti gaafatamtoonni dhibbaan lakka'aman shakkamuun akka hidhaman ta'aniiru.

Waajjiricha dabalatee, Itiyoophiyaan malaammaltummaan qoramaa ta'usheetiif, ragaa madaallii malaammaltummaa ummataa kan dhaabbata Traansipaaransii Intarnaashinaal A.L.A. bara 2016 akka ragaatti dhiheessa. Haala madaallichaatinis,

Itoophiyaa biyyoota 176 keessaa sadarkaa 108ffaa qabachuun ''tarreefama biyyoota malaammaltummaan keessatti dagaage'' keessa galtee jirti. Biyyoonni malaamaltummaa irraa qulqullummaa qabxii 100 argachuu danda'an 34 qofa. Haala madaallichaatinis, waggoota 15 darban keessatti sadarkaan biyyattii giddugalaa naannoo 109ffaa ti.

Akka Obbo Abdulmannaan jedhanitti, sababni tokkooffaan akka malamaltummaa babal'atu taasise, harki mootummaa qabeenya diinagdee keessaa galuusaati jedhu. Kana malees dhaabbileen qabeenyaa ummataa bulchuu fi to'achuu qabaatan baayyee dadhaboo ta'usaanii akkasuma gahee olaanaa qaba jedheera.

''Dhimmoota bulchiinsaa keessa jiddu galumsii siyaasaa barbaachisoo hintaanees'' malamaltummaaf daandii kan mijeessu dha jedhu.

Image copyright CARL DE SOUZA
Goodayyaa suuraa Dameewwan malaamaltummaan keessatti akka babalate himaman keessaa ijaarsi daandii tokko

''Dhaadachuu qofa''

Dhaabbata dhunfaa Magaala Finfinnee tokko keessa qaxaramee kan hojjetu Biruuk Zalaalam, malaamaltummaa hambisuuf mootummaan fedhii qaba jedhe hin amanu. ''Yeroo hunda kun rakkina keenya adda baafanneera yeroo jedhan dhageenya. Tibba tokko ho'iisuun booda ammoo ni dagatama,'' jedha. Duula waggaa darbee keessa malaamaltummaa balleessuuf ciminaan geggeeffamaa ture, ji'a tokkoon booda qabbanaa'uun isaa dhimma kana ''dhaadannoo qofa'' akka fakkeessu dubbata.

Abdulmannaanis gamasaatiin, malaamaltummaa biyyattii keessatti hundee isaa gadi fageeffate duulaan furamusaa irratti gaaffii qaba.

Muummichi Ministeera Haayilamaariyaam Dasaalanyi tibba ji'a Amajii darbe keessa garee xiyyeefannaa isaa malaamaltummaa qorachu ta'e hundeessuu ifa taasisanittis, motummaan isaanii qondaaltoota olaanoo taayitaa isaanii dantaa dhunfaa isaaniif olchan irratti tarkaanfii cimaa akka fudhatu waadaa galanii turan. Wayita sanattis namoonni gara 130 ta'an malaamaltummaan shakkamanii to'annaa jala ooluun isaanii ni yaadatama.

Tarkaanfiiwwan kunnis haala adda ta'een madda alaa dhiibaa jiru qabaachu saanii kan falman Obbo Abdulmanaan, sochiileen mormii waggoota lamaan darban keessattis, eddoowwan biyyattii garaa garaa keessatti ka'anii turanis mootummaa irratti tasifamaa turan mootummaa irratti dhiibbaa uumuusaanii amanu.

Malaammaltummaan hojii uumuu, tattaafii fi dorgommii haqa irratti hundaa'e quucarsuun guddina diinagdee irratti danqaa cimaa uumaa jira kan jedhan ogeessi kun, manneen murtii agarsiisa dadhabiinsa dhaabbilee fi loogii siyaasummaa ta'anis wal rukkuttaan daangaa motummaa fi kan paartii uumuudhaan siyaasas unkuruun isaa hubatamaa jira jedhu.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan