Somaalilaand biyya jalqabaa maallaqa callaa lagatte ta'uufi

Namoonni maallaqa sharafuun jiraatan akkana gaariirra oofaa tajajaila kennu
Goodayyaa suuraa Biyya Somaalilaand humni bituu qarshii biyyasii gaduma deemaa jiruutti namuu kanfaltii dijitaalaa fayyadamaa jira

Somaalilaand, biyyii Bahaa Afrikaa ofiin biyyummaa ishee labsatte, rakkoo nama barateefi diinagdeen isiis wal dhabdee keessoon kan miidhame dha. Haa ta'u malee, biyya jalqabaa maallaqa callaa lagatte ta'uuf deemti.

Namoonni manneen qarqara daandii guddicha magaalaa Hargeessaa irratti ijaaraman keessaa tokko biratti wal gahan qulqullina jimaa sagalee ol fuudhani wal gaafatu - kuun fudhatanii gaaf adeeman kaan ammoo fudhachuuf dhufu.

Maamiloonni jimaa qama'uuf jarjaranii fudhatani deemuun dura garuu mobaayilii isaanirra waa xuxxuqu.

''Wanta hunda saffisaan hojjenna, addanatti callaan kafaluun hafeera,'' jedha Omaar, daldalaa jimaa kan ofiifuu hadheeffachaa dubbatu. ''Yoo dafani jimaa argatan qalbii sassaabbatu.''

Qarshiin harkatti walii kennuun hin jiru, kaardiin kireeditiis hin mul'atu, ammoo jimaa tolas hin argatani. Kafaltiin hundi sakondiiwwan muraasa keessatti moobayilii isaaniitiin raawwatama.

Wantonni baay'ee Somaalilaand ittiin addunyaa dursitu jiraachuu dhiisuu mala, kafaltii callaa dhabamsiisuun garuu kan jalqabaa ta'uu malti.

Somaaliyaa irraa bara 1991 kan foxxoqxeefi addunyaan kan kabaja biyyaa kennuufi dhabe Somaalilaand, hawaasa maallaqa callaa dhabamsiisee jalqabaa ijaaraa jirti.

Kafaltiin mobaayilii daandirrattis ta'e giddu galawwan biyyattii keessatti beekamaa dha.

''Namoonni baay'een amma mobaayiliidhaan kafalu,'' jedha Omar, osoo harka tokkon mobaayilii tuttuquu. ''Baay'ee salphaadha.''

Biyyoonni guddatanis ta'e guddataa jiran callaa dhabamsiisuun, kafaltii mobaayilii fi kaardiin taasisuuf hojjetaa jiranis, kaka'umsi Somaalilaand adda.

Callaa lagachuun gama tokkoon hammi bituu shilingii Somaaliyaa saffisaan waan dadhabeefi. Dolaarri Amerikaa tokko shilingii biyyattii kuma 9'n shallagama. Waggaa muraasa dura garuu walakkaa isaa ture.

Goodayyaa suuraa Doolaarri Amerikaa tokko shilingii Somaalilaand 9, 000'tti shallagama

Somaalilaand Somaaliyaarraa foxxoqxee waggaa sadaffaatti shilingii fayyadamuu eegalte. Wayita sana qarshii sanaan meeshaa waraanaa bituufi waraana morkataa cabsuuf itti fayyadamu ture.

Boodarra garuu qondaaltonni fedhii siyaasaa isaanii guutuuf jecha maxxansiisuu eegaluun isaanii hammi bituu maallaqichaa gadi cabsaa deeme.

Nootiin qarshii 500 fi 1,000 baay'inaan hojirraa oola. Mana dhugaatiitti fayyadamuuf hamma tokko baay'isani qabachuun barbaachisaadha, isa caalaa fayyadamuuf garuu shilingii nooti baay'ee qabachuun dirqama.

Namoonni dolaaraa fi Yuuroo Shilingiitti sharafuun jiraatan, nootiiwwan shilingii biyyattii konkolaataa miila tokkoo nama tokkoon oofamturra ka'ani olii gadii deemu.

Biyya ormi ulfina biyyaa kennuufi dhabe keessatti baankiin idil-addunyaarratti beekamus ta'e tajaajilli baankii idilee kamuu hin jiru. Tajaajilli ATM waan hin yaadamne.

Kana keessatti garuu, dhaabbileen lama Zaad bara 2009 kan eegale fi dhihoo kana kan eegale I-Dihaab jedhaman, tajaajila baankii mobaayilaa maallaqa ol kaa'uun bittaa fi gurgurtaan lakkoofsaan akka raawwatu taasisu eegalaniiru.

Dukkaana meeshaalee faayaa qaalii ta'an keessa kan hojjetufi maallaqa biyyattiitiin gaafachuun waan isa dinqe kan fakkaatu dargaggeessi umurii 18, Ibraahim Abduraahman ''Kanneen shilingiidhaan bituuf miiliyoona tokko ykn lama si barbaachisa,'' jedha.

''Namni tokko qarshii hammanaa baachuu hin danda'u- baay'eedha. Gaariin si barbaachisa. Amma dolaara ykn mobaayilii malee shilingii Somaalilaand fudhachuu dhisneerra.''

Biyya wallaalummaan guddaa ta'etti, salphachuun isaafi mijaataa ta'uun teknooloojichaa fudhatama akka argatu taasiseera. Koodiin nama kafalamuufii bakka hundaaf mula'tutti ka'ama.

Intarneeta fayyadamu dhabuun isaani neetwoorkii mobaayilii isaanii akka fayyadaman taasisa. Kunis namoonni qarshii mobaayilii isaanirraa kaanitti lakkoofsaa fi koodiitti bilbiluun dabarsu.

Goodayyaa suuraa Somaalilaanditti maamiltonniifi daldaltoonni man'ee mobaayilaa intarneeta hin qabneen fayyadamuun kanfaltii raawwatu

Daldaltuun warqii Eman Anis akka jedhanitti namuu mobaayila ofiitiin walii kafala. ''Kadhattoonnille Zaad qabu.''

Tajaajilli akkanaa jireenya maamilaafi daldalaa qofa osoo hin taane, hiyyeessaafis jireenya tolche.

Somaalilaand bara darbe gogiinsi mudatee horsiisee bulaa kuma dhibba hedduu miidhetti, lammiilee biyyatti magaalaa jiraataniif teknoolojiin akkanaa maatii isaanii baadiyyaa jiraniif salphaatti maallaqa akka ergan taasiseera.

Tikseen gaalaa Mahmud Abdusalaam akka jedhanitti, ''Baadiyyaattillee qarshii mobaayilaan fayyadamna.''

Biyya diinagdeen isii baay'ee xiqqaa ta'e kana keessatti qaxartoonnis mobaayiliin kafaluu eegalaniiru.

Qorannoo 2016'tti taasifameen lammileen Somaalilaand umurii 16 ol dhibbeentaa 88 ta'an yoo xiqqaate siim-kaardii 1 qabu. Kan magaala jiraatan dhibbeentaa 81 akkasumas kan baadiyyaa jiraatan dhibbeentaa 62 kafaltii mobaayilaan fayyadamu.

Neetwoorkiin mobaayilii xixiqqaa Afrikaatti baay'achuun biyyoota kanneen akka Gaanaa, Tanzaaniyaa, Yugaandaa keessatti namootni hedduun kafaltii mobaayilaan akka fayyadaman taasise. Keenyaattis Zaadii fi Em-pesaan ummata walakkaa biyyattiif tajaajila kennaa jira.

Garuu, hundi kanaan gammadaa miti. Dhimmi malaamaltummaa fi to'annoon dhaabbilee tajaajila kana kennanirratti dhibuun diinagdee biyyatti dadhabaa ta'e irraan dhibbaa guddaa geessisuu mala.

Tajaajilli kafaltii mobaayilaa biyyoota kaanitti qarshii biyya keessaan yoo ta'u, Somaalilaand keessatti garuu dolaarii Ameerikaatiini.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan