Rakkoolee sababa buqqa'iinsaan mudataa jiran

Maatii qe'ee isaanii irraa buqqa'an
Goodayyaa suuraa Lakkoofsi Oromoo qe'ee isaanii irraa buqqa'an 55 ol gahuusaa torban darbe gabaafameera

Waggoota dhiheenyaan asi lakkoofsi namoota sababii adda addaatiin bakka jireenya isaaniirraa buqqa'aa jiran dabalaa jiraachuu dubbatama.

Kanaafis ammoo sababoota garaa garaatu akka maddaatti eeramaa jira. Haa ta'u malees haalli kunis Itoophiyaa dabalatee biyyoota addunyaa hedduutti bowwoo mataa ta'aa jira.

Rakkinawwan babalinni qe'eerraa buqqa'uu fide

Walitti bu'iinsa daangaalee Oromiyaafi Somaalee jidduutti uumameetiin lakkoofsi lammiilee Oromoo qe'ee isaanii irraa buqqa'an 55 ol gahuusaa torban darbe gabaafamee ture. Dabalataanis, Oromoonni kuma 416 ol godinoota shan wal dhabdeen keessatti umame irraa bara 2009'tti qe'ee isaanii irraa baqachuusaanii, dubbii himaan mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Addisuu Araggaa himaniiru.

Naannoo Somaaleetti jiraataan magaalaa Bombaas kan ta'e, Dansaa BBC'tti akka himetti, qabeenyaa waggaafi ji'a torbaa oliif naannichatti hore gatuun harka duwwaasaa bahe. Isteediyeemii magaalaa Harar keessa guyyoota muraasaaf erga ture booda lakkoosfi buqaattootaa waan baay'ateef magaalaa Haramaayaa mana namaatti siqee jiraachaa akka jiru dubbata.

Dansaanis kana booda imalli isaa gara bakka dhaloota isaa godina Arsii Aanaa Nansabootti deebii'u yoo ta'eyyuu, jireenyi borii waan ta'u garuu hinbeeku.

Guyyoota darban muraasaaf walitti bu'iinsi dhaabbateera jadhamuus, gabaasoonni bahaa jiran garuu faallaadha. Namoota akka Dansaa qe'ee isaaniirraa buqqa'aniif fala gara fuulduraa barbaaduun bowwoo tokko.

Namoonnis qarshiifi meshaalee garagaraa walitti qabuun kanneen buqqa'aniif gumaataa jiru. Lakkoofsi namoota beelliifi walitti bu'iinsi qee'ee isaaniirraa baqachisee laayyoo miti.

Akkasumas namoonni hedduun Sa'udi Arabiyaarraa namoonni baayyeen deebi'aa jiraachuun biyyattii ba'aa biraa itti ida'aa jira fakkaata.

Goodayyaa suuraa Lakkoofsi namoota beelliifi walitti bu'iinsi qee'ee isaaniirraa baqachisee salphaa miti

Dabaluu lakkoofsa namoota ongeen gaaga'amanii:

Roobni waggoota sadiif walitti aansee hin roobiin hafees namoota miiliyoona 8.5 eeggattummaa gargaarsaaf akka saaxile, Dhabbanni mootummota gamtoomanii ibseera. Lakkoofsi namoota gargaarsa barbaadan Amajjii darbe lakkoofsi kunis miil. 5.6 qofaa ta'unsaa ni yaadatama.

Balaa beelaa kanaanis caalaa kan hubame jedheera jedhames naannoo Somaale yoo ta'u, uummanni miili. 3.3 hanqina nyaataa hamaa akka saaxilame gabaasni dhaabbata Sagantaa Nyaata Addunyaa ni agarsiisa.

Kana malees horsiisee bultoonni naannichaa bara darbe irraa qabee belladoonni hedduu akka jalaa dhume himama. Qondaaltonni olaanoon dhaabbata mootummota gamtoomanii sadi Dhimma yaaddessaa kana baatii Hagayyaa keessa daawwatani taasisaniiru.

Isaanis fala walitti fufiinsaan ongee haala jijjirama qilleensaatiin uumamu dandamachuu dandeessisu irratti xiyyeefatame akka hojatamu hubachiisanii ture. .

''Ongeen balaa deegarsa yeroo attatamaa barbaachisu miti kanis Prezidaantii dhabbata fandii misooma qonnaa Giilbarti Hunegebo turan. Gabaasni biraa akka mulisanitti ammoo, namoota balaa ongeetiin deeggarsa eeggachaa jiran malees, gara dhuma waggaa faranjoota kanaa kaasee namoonni mili. 4 sagantaa Sefti Neetiin (gargaara hojiif) tiin hammatamuun deeggarsi adda hincinne kan isaan barbaachisu dha.

Biyyattiinis namoota kanneen sooruuf deeggarsia doolaara biil.1.2 ol akka barbaachisu ibsame ture. Ji'oota afran dhufaniifis doolaarri miil. 418 akka barbaachisu tilmaamameera.

Walitti bu'iinsi lakkoofsa buqqaatootaa dabala:

Akka odeeffannoon dhaabbata gargaarsaa godina Harargee Bahaa keessa hojjetu irraa argame tokko ibsutti, godinichatti namoonni kuma 116 olii sababii waitti bu'iinsaatii buqqa'aniiru. Kana malees dhaabbilee fayyaa 66 fi kan barnootaa 41 hojjii dhaabu saanii ragaaleen ni muli'su.

Giddu-galli to'annoo buqqaatoota biyya keessaa (IDM) Jenevitti argamu akka jedhutti, wadhakkaa duraa bara 2017'tti Itoophiyaatti buqqaattota haaraa kuma 213 ta'u jira. Kunis, lakkoofsa namoota biyya keessa buqqa'aan kuma 588 ol guddisera.

Keessumaa mormileen bara 2007/08 naanoolee biyyattii garaa garaatti ka'anii turanis, baayyachu buqqaatotaa kanaaf sababa ta'usaa dubbatama.

Gabaasni dhaabbata goddaantota idila addunyaa (IOM) Adoolessa darbe baase akka agarsiisutti, dowaannaa buufataalee buqqaatotaa 544tti taasiseen, kanneen miliyoon buqqaatota biyya keessaati. Kana keessaayis miliyoona waldhaan ol kan ta'aan naannoo Somaaleetti aragamu. Ongee fi walitti bu'iinsi sababoota ijoo ummata buqqaasan akka ta'e gabaasichi eera.

Goodayyaa suuraa Buqaatoota Oromoo dhiheenya kana daangaa Somaalee irraa baqatan keessaa muraasa

Godaantotaafi warra godaansaa deebii'an

Itoophiyaan godaantota kuma 800 olii biyyoota ollaa kan akka Sudaan Kibbaa, Ertiraafi Somaaliyaa irraa dhufanii dahannoo kennitee jirti. Gama biraan ammoo, qajeelfama Saawudii akka lammiilee biyya biraa sanada malee hojjachaa jiranis carraan namoota kuma dhiibaan lakkaa'aman gaafachiisaa ta'ee ture.

Motummaanis lammilee saa isaa Saawudii baasuun biyyya galanii akka hojatanii jiraatan taasisuuf yaalii gochaa akka jiru dubbata. Hanga ammaattis namoonni kuma 70 ta'an gara biyyaatti deebii'insaanii gabaafameera. Yeroo dabalataa al sadaffaaf Sawudiin dhiheenya kana hojjattoota seeraan alaa baasuun kenniteenis nammoonni baayyeen kan deebii'an yoo ta'ee, kunis biyyattiif ba'aa biraa ta'uuf jira jedhu qaamoolee tokko tokko.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata