Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afriikaa heddurraan balaa geessisaa jira

Raamoon Geerii firii boqqolloos ni mancaasa Image copyright CABI

Akka mootummaan jedhutti, namoonni miliiyoona 8.5 ol ta'an wayita ammaatti hanqina midhaan nyaataan rakkataa jiru.

Rakkoo hanqina nyaataa kanaaf sababa kan ta'e walitti aansuudhaan hanqinni roobaa mudachuu isaatiini. Keessattu Kibba-Baha biyyatti keessatti hongeen mudate hamaa dha.

Weerarri raammoo geerii ammoo haalli kun daran akka hammaatu taasiseera.

Raayyaan raamoo geerii kun Aardi Afriikaa hundaa kessatti faca'uun bakka gahe hundaatti manca'iinsa gudda akka qaqabsiise beekameera.

Raamoon geerii maalii?

Maaqaan kenameef kun xiqqoo dogogoorsaadha. Akka baayoolojiitti yoo fudhanne raammoo utuu hin ta'iin buuqqataa beela'aatu caalaa ibsa. Buuqqataan kun gosa billaachaa yeroo ta'u sadarkaa hanqaaqurraa gara buuqqataatti, achiimmoo gara billaachatti geeddarama. Hanga gara billaachaatti geeddaramuuttis midhaan nyaachuun mancaasa.

Kun gosa ilbiisaa haarawaa wan ta'eef ''Ramoo Geerii Afriikaa'' kan bara baay'eef ardii Afriikaa kessa turee wajjin waliin dogoggorfamuu hin qabu.

Raamoon geerii kun eessa dhufe?

Gosi raammoo kana kan inni argamuu Ameerikaa keessatti yeroo ta'u akkamiin Afriikaa akka dhufuu danda'e garuu sirritti wanti beekamu hin jiru.

Shakkin jiru tokko, tari sadarkaa hanqaaquu irra utuu jiru yookaan erga buuqqataa ta'ee booda oomishatti maxxanuun yookanis xiyyaaruma keessa akka tasaa galuun kan dhufe ta'u malaa jedhama.

Manca'iinsa akkamii fiduu danda'aa?

  • Baay'ee beela'aa ta'uu irraa kan ka'e waan nyaatu hinfilatu - Ilbiisi kun akkuma raammoo geerii Afriikaa oomishaalee boqoolloo irratti kan xiyyeeffatu yoo ta'u, midhaan fi biqiltoota biroo kan akka jirbii, moosee, tamboo fi k.k.f nyaata. Wayita bakka tokko weeraruus, harka afur keessaa harka sadii kan ta'u ni mancaasa.
  • Diina hin beekamiin - Gosi raammoo haarawaa kun mootummaa, hawaasaa fi qotee bulaa birratti waan hin beekamneef malli ittisaa fi raammoo kana dhabamsiisuu rakkisaadha.
  • Haalawwan - Raammoon kun kan irra caalaa hammaatu yeroo ho'i fi jidhi jiruu dha. Kanaafu wayita arfaasaa fi midhaan gahutti baay'ee dabaluun badii qaqqabsiisaa.
Goodayyaa suuraa Gosti raammoo geerii kun oyiruu guutuu barbadeessuu danda'a
  • Hatattamaan babal'achuu - Akka Dhabbanni Nyaataa fi Qonnaa kan Mootummoota Gamtoomanii jedhutti, rammoon kun kan Aardii Afriikaa keessa yeroo jalqabaaf gale bara 2016 yeroo ta'u, torban saddeet qofa gidduutti biyyoota Afriikaa jaha weeraruu danda'eera.
  • Lafa fagoo fi bal'aa ariitiin qaqqabuu isaa - Sadarkaa raammoo irra yeroo jiran qofa kan midhaan mancaasuu danda'an. ''Erga gara billaachaatti geeddaramanii booda immoo barrisanii lafa dheeraa godaanuu waan danda'aniif ardii Afrikaa keessatti hatattamaan babal'atani,'' jedhu oggeessa raamoo geerii kan ta'an, Profeesar Keen Wiilsoon.
  • Midhaan gosa hunda irratti hin xiyyefatu - Raammoon kun bakkeewwan boqolloo akka nyaata beekamaatti itti fayyadaman hunda keesatti mul'ate. Kanaafuu boqolloon filanna isaanii isa hangafaati jechuudha.
  • Raammolee kana arguun baay'ee rakkisaa dha - Raammoon geerii gosi haaraan kun hagadaa boqoolloo keessa galuun, qotee bulaan dafee akka arguu hin dandeenye kan of dhoksuu dha.
  • Yeroo itti dhufe - Raammoon geerii kun kan dhufe , hongeen babal'achuun oomishni bara itti gadi bu'ee fi namoonni miliyoonotaan lakkaawwaman belaaf bara saaxilaman keessa.

Eessa eessatti argama?

Raamoon geerii kun hanga ammaatti, ardii Afriikaa keessaa biyyoota 20 ol keessatti kan argame yeroo ta'u kunis Kibba, Dhihaa fi Baha Afriikaa keessatti.

Yeroo Jalqabaafis odola Saa'oo Toomee fi Piriinsiippee keessatti Amajjii bara 2016 gabaafame. Itoophiyaa kessattis yeroo amma naannoolee Gambeellaa, Oromiyaa, Uummattoota fi Sabaaf Sablammoota kibbaa keessatti babal'ataa jiraachuun isaa beekameera.

Itti fufuudhaanis naannolee boqqoolloo oomishan kan akka Affaar, Amaaraa, Benishaangul Gumuzii fi Tigiraayitti babal'achuu malaa jechuun motummaan dubbateera.

Chimeenyaa Phirii, Qotee bulaa biyya Maalaawii:

"Raammoon geerii baalaa fi daraaraa boqqoolloo balleessu irra darbe gara hagadaa yookaan mukaa boqqoolloo keessa waan galuuf arguun rakkisaadha. Nama itti siqee biqila kana sakkatta'ee ilaale qofatu biqilaan sun manca'aakka jiru hubata."

Manca'iinsa hagamiitu kanaan dura mudate?

Hagam akka ta'e sirriitti beekuun hin danda'amne. Biyyootni raammoo kanaan weeraraman hanga yoona badii irra gahee qorachaa jiru. Haa ta'u malee xinnaachuu oomishaa irratti dhiibba guddaa uumuun midhaan ''doolaara biliyoona hedduutti'' shallagamu balleessu isaa ni tilmaamama.

Weerara raammoo kanaa dhaabuuf maaltu ta'uu qaba?

Farra ilbiisaa. Ilbiisota utuu isaan hin guddatiin balleessuuf keemikaala farra ilbiisoota gargaaramuun ni danda'ama.

Haa ta'u malee raammooleen kun dandeetti keemikaala kana dandamachuu waan guddifataniif yaalii balleessuuf godhamu irratti rakkoo guddaan mudachuu dubbatu ogeessonni.

Yaaliin kana dura taasifame ilbiisa kana ilbiisa biraan balleessu, vaayirasii itti biifuun akka du'an gochuu fi tooftaalee biraa kan akka boolla qotuu, allaattiiwwan addaa addaa fiduudhaan akka raammoolee kana nyaatan gochuufi midhaan raammoo kanaan manca'e akka jiruun abbiddaan gubuu kan fakkatanii dha.

Ta'us garuu bu'aan quubsaan hin argamne. Haa ta'u malee Naannoo Oromiyaa, Godina Buunnoo Beddelleetti qotee bultuun tokko wantoota mana keessatti argaman irraa qoricha farra raammoo kanaa argachuu ishee baatii lama dura OBN gabaasee ture.

Goodayyaa suuraa Raamoo geerii ilaalchisee duula qindaa'aa barbaachisa jedhu ogeessonni saayinsii

Kana booda maal gochuutu danda'ama?

Akka akeekkachiisa Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa Mootummoota Gamtoomaniitti, haala amma jiru irra utuu hin wayya'iin weerarri raammoo kanaa biyyoota amma keessatti argame keessattis ta'e biyyoota haarawaa heddutti babal'atuu mala.

Itti dabaluunis tarii gara Awurooppaa fi Esiyaattis raammoon geerii kun babal'atuu mala jedhaniiru.

Dhaabonni saayinsiis weerarri ilbiisota kanaa irra caalaatti midhaan nyaataan of danda'u fi daldala oomisha qonnaa irraan dhiibba gudda akka geessisan yaaddoo qaban ibsaniiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan