Tiraamp 'maraatichi' sagantaa niwukileeraatiif feedhii qabaachuu agarsiise

Ogganaa Koriyaa Kaabaa Fuulbaana 22, 2017. Image copyright Reuters/KCNA
Goodayyaa suuraa Miidiyaan biyyattii suuraa Kim wayita haasawa taasisu mul'ise

Haasawaan pireezidaanti Donaald Tiraamp 'maraatichi' taasisee, Koriyaan Kaabaa meeshaa waraanaa oomishuun keenya sirrii akka ta'e naaf mirkaneessee jedhe Kiim Joong Uun.

Hogganaan Koriyaa Kaabaa Kiim Joong Uun, Tiraamp haasawa isaa dhaabbata mootummoota gamtoomaniif dhiheesseef 'dhugaatti gatii baasa' jedheera.

Pireezidaantiin Ameerikaaa Kibxata tare biyyi isaa of ittisuuf kan dirqamtu yoo ta'e, Koriyaa Kaabaa 'gutummaatti ni barbadeessiti'' jedhee ture.

Tiraamp 'namticha rookeettiin of balleessuuf adeemu' jechuun Kiim waameera.

Erga baatii lamaatiin as biyyoonni lameen olola jibbiinsaa walirratti oofan dabalaa dhufaniiru.

Koriyaan Kaabaa baay'ina hin eegamneen misaa'ela yaalaa kan jirtu yoo ta'u, osuma addunyaan balaaleffatuus niwukileera jahaffaa yaaltee jirti.

Haasawa Tiraamp 'sagalee saree duttuutti' kan fakkeessee ministirri haajaa alaa Koriyaa Kaabaa Rii Yongi-hoo, deebii pireezidaantii Ameerikaatiif Piyoongiyaang boombii haaydiroojinii galaana Paasifiik keessatti yaaluu akka dandeessu akeekkachiiseera.

Image copyright Reuters
Goodayyaa suuraa Odoolli Paasifikii Guwaam, humna qilleensaa Andarsen Ameerikaatiif bu'uura

Kiim oduu Ejansii KCNAtiin gabaafameen, jechi Tiraamp na dhaabuu fi sodaachisuurra daandiin ani filadhe sirrii ta'u' na amansiiseera' jedhe.

''Amma Tiraamp jiraachuu keenya haaluun, anaa fi biyya koos ija addunyaa fuuldurratti arrabseera. Seenaa keessattis waraana hamaa lallabeera. Kanaafuu Koriyaan Kaabaa haasawa Tiraampiif deebii sadarkaa olaanaa kennuuf yaaddi,'' jedheera.