Jijjiirama qilleensaa: Ho'i dachee dabaluun dhama bunaa jijjiiraa?

Buna shinitti

Hanguma ho'ii qilleensaa lafa misooma bunaatiif mijatu mancaasaa adeemuun, warri buna dhugan dhama gaarii hin taane fi daballi gatii mudachu akka danda'u, qorataan mul'ise.

Itoophiyaan bakka aragama bunaa gosa buna Arabikaa jedhamuufi Afrikaa keessaas biyya baay'inaan buna alatti ergaa jirtudha.

Yoo tarkaanfiin fudhatame malees, jaarraa dhufutti qabeenya kana rakkoo cimaan mudachu akka malu gabaasni dhiyeenya barruun Nechar Pilaantis jedhamu irratti bahe ibseera.

''Dhugaatti Itoophiyaa dabalatee addunyaa mara keessaatti yoo waa gochuu baanne, bunni ni xiqqaata, dhamis ni bada, gatiin isaas ni dabala,'' jedhu Dr. Aaroon Devis, dhaabbata Kew'tti qorataa bunaa kan ta'an BBC'tti yoo dubbatan.

Akka ragaa Dhabbata Bunaa Addunyaa (ICO) irraa argameetti, waggoota walittii aanan sadiif fayyadamni oomisha akka caalu timaamameera.

Haga ammaatti, kuusaan omisha waggaa walitti qabame hanqinni akka hin jiraannee fi gatiin akka hin daballe godheera.

Namoonni alatti ergan kuusaatti fayyadamuuf dirqiisiifamaa kan jiran yoo ta'u, sadarkaan kuusaa bunaa isaanii yeroo ammaa xiqqaadha, jedha dhaabbatichi.

Kan jechuunis, keessumaa iyyuu gatiin buna qulqullina qabuu ni dabala.

Haalli Itoophiyaa maal fakkaata

Xumura jarraa kanaatti ho'inni digirii sentii gireedii afuriin waan dabaluuf, Itoophiyaatti bakkeen amma bunni irra biqilaa jiru hanga dhibbantaa 60 hir'achuu akka danda'u, qorannoon dhaabbata Kiw Gaardan fi tilmaamtoota itoophiyaa waliin ibsan.

Haa ta'u malee, haala jijirama qileensaa hanga ammaatti ture fudhachuun yoo qoratamus, bakkeewwan Itoophiyaa bunni irratti oomishau ammayyuu dhibbantaa 55'n xiqqaachaa jira jedha dhaabbanni Kiw.

''Akkuma duraatti itti fufuun ammoo yeroo keessa dinagdee buna Itoophiyaaf balaa qabaata,'' jedha barreessaa qorannichaa kan biraa, Jastin Moot.

Garuu, tarkaanfiin yoo fudhatame haallichi ittifamu akka danda'u qorattoonni Kiwii cimsu barbaadu. Bakka biqiltuun bunaa itti marguu geedaruun, kunuunsaa fi deebiisanii dhaabu bosoonaa waliin eddoowwan biyyattii bunaaf mijataa ta'an keessatti guddina qabatamaa fidu danda'u.

''Haalla itti fufee jiruun walbiratti yoo ilaalamuus, dhiibbaawwan muraasa hir'isuun bakkee bunni irra biqilu harka 4 fi 4 fi fi dachaa dabaluuf dandeettiin jira,'' Dr. Devis.

Itoophiyaatti jireenyi lammiileen miliiyoona 15 ykn baayyina uummata dhibbantaa 16 ta'anii buna irratti kan hundaa'eedha.

Qonnaan bultoonni Baha biyyattii bakka ammuma iyyuu ho'ii qilleensaa oomisha bunaa irraan rakkoo ghaa jira. Baayyeenis sababii ongee dheeraan kan ka'ee oomishi xiqqaachaa jiraachu isaa dubbataa jiru.

Qonnaan bulaan Jamaal Qaasim, waggoota 10 darbanitti oomisha buna isaa irratti jijjiirama olaanaa argee jira.

''Waggoota duraa muraasa keessatti ija baay'ee godhataa ture. Amma garuu homaa ija hin godhatu. Kanaafuu, maatii koo gargaaruu hin dandeenye.''

Teknoloojiin borii bunaaf fala fiduu danda'aa?

Yeroo keessa teknoloojiin borii bunaa mirkanneesuu keessatti gahee guddaa gumaachuu mala.

Toorri qacceen buna Arabikaa A.L.A bara 2014'tti ummataaf ifa ta'e. Kunis biqiltuwwan haala ho'aa dandamatan filachuuf salphaa taasisa.

Dabalataanis, institiyuutiin qorannoo bunaa addunyaa sagantaa sanyii bunaa Arabikaa ''sanyii caaluu'' irra ''deebiin uumuu'' fi jijjiirama qilleensaa akka dandamataniif ''daran hojjetaa jira.

Haa ta'u malee, kunis haala halkan tokkoon ta'u malu miti - yeroo sanattis jaalattoonni bunaa dabala gatii fi gadi bu'iinsa qulqullina suqii bunaa jalatanii isaan mudachu danda'a.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan