Busaa balaafamaadha jedhamee kibba baha Eeshiyaatti babalatee jira; Itoophiyaa hoo?

suuraa bookee busaa Image copyright Science Photo Library
Goodayyaa suuraa Bookee busaa dhukkubicha dadabarsitu

Gosti dhukkuba busaa baayyee balaafamaadha jedhame, kibba baha biyyoota Eeshiyaatti babal'achuun isaa Afiriikaaf sodaachisaa ta'usaa qorattoonni beeksisan.

Gosti busaa kunis qoricha busaatiin kan to'atamu miti jedhameera.

Dhukkubni busaa kunis yeroo jalqabatiif biyya Kaamboodiyaatti kan argame yoo ta'u, gara biyyoota kibba baha Eeshiyaatti babal'ateera.

Akka miseensoonni Dhaabbata qorannoo Oksifoordi Tirooppiikaal Medisin Baankookiitti argamuu jedhanitti, gosa busaa kana irraa fayyuun baayyee cimaadha.

Dhukkubichi ariitiin babalachu isaatiin alattis, soodaa Afiriikaa ni qaqqaba jedhu qabaachu isaanii, ogganaan garee qorannichaa Piroofeesar Oriyon Doondirooppi dubbataniiru.

Muxannoo Itoophiyaa

Ministeera Eegumsa Fayyaatti ogeessa sagantaa busaa kan ta'an obbo Darajjee Dilu akka jedhanitti, waajjirri isaanii waa'ee sodaa kanarratti ragaa hinqabu.

Gama ittisa busaatiin bu'aa jajjabeessaan galmaa'aa jira kan jedha ogeessichi, lakkoofsi dhukkubsattootaa A.L.A. bara 2013 tti miliiyoona 3.31 ture bara 2016 tti gara miliiyoona 1.8tti gadi bu'usaa caqasaniiru.

Haala hojimaata hanga ammaatti jiruunis qorichoonni Pilaasmoodiiyam faalisiipaaram fi Pilaasmoodiiyam vaayiivaaksi jedhaman hojiirra olaa jiru.

Bu'aa qabeessummaa qorichoota kanneenii hordofuufis, Inistitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa waggoota lama lamaan qorannoo akka gaggeessu eerameera.

Qorichoota dandeettiin fayyisuu isaanii dadhabe

Dhukkuba bookee busaatiin dadarbu kanaanis waggaatti namoonni miliiyoona 212 ta'an kan qabaman yoo ta'u, dhukkubichis kanneen dursaan daa'imman ajjeesan keessaayi.

Dhukkubicha to'achuuf, artimiisinii fi Piparaakuyiin waliin makuun fayyadamuun filmaata duraati.

Bu'aa qabeessummaan artimiisiniin qabu gadi bu'aa kan jiru yoo ta'u, Piparaakuyiin ammoo dhukkubichaan wal baraa jira.

Dandeettiin walmakaa qorichoota kanneeniin dhukkubicha to'achu eddoo tokko tokkootti parsantaa 60n hir'achu isaa Piroofeesar Doondirooppi beeksisaniiru.

Busaan qorichichaan walbaree babal'achuunsaa, ardii Afiriikaa dhukkubni busaa harki 92 keessatti uumamuutti rakkina cimaan uumu danda'a.

Fala atattamaan dhiyaatu

'' Sadarkaa irraa fayyuun hindanda'amne irra gahuun, osoo lubbuun namootaa hin darbiin dura atattamaan hojachuun barbaachisaa dha,'' jedhaniiru.

"Dhugaa isaa dubbachu baayyeen yaadda'e," jedhu Pirofeesarichi yaachisummaa haalichaa yoo ibsan.

Maayikil Chewu miseensi Medikaala Weelkaam Tirasitii akka jedhanitti, busaan qorichaan wal bare babal'achuunsaa sadarkaa addhunyaattu fayyaa hawaasaatiif yaachisaadha.

Hanga ammaattis busaan qorichaan walbaruun waggaatti lubbuu namoota kuma 700 badaa kan jiru yoo ta'u, irratti yoo hojatamu malee bara 2050tti lakkoofsi namoota ittiin du'anii gara miliiyoonaatti ol guddachu danda'a jedhan.

Itoophiyaatti gosti dhibee busaa haaraa kun akka hin uumamnee fi busaan qorichaan wal baruu saatiifi dandeettii ittisa qorichootaa to'achuuf qorannoon Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa waliin gaggeeffamu cime akka itti fufu Obbo darajjeen,dubbatanii jiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan